“Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uurraa waanti daangessu hinjiru” -Dr. Alamuu Waaqgaarii

“Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uurraa waanti daangessu hinjiru” -Dr. Alamuu Waaqgaarii

(pressafanoromo)—Jijjiiramni si’aayaan Afaan Oromoo eddii qubee Laatiniin ABC… jedhamee baratamuu eegalee agarsiisaa jiru daran jajjabeessaadha.  Guddina Afaan kun yeroo gabaabaa keessatti agarsiise Oromoof gonfoo injifannoo ta’ee kan tajaajiluufi Oromoon eenyummaasaatiin akka boonu kan taasiseedha.

Guddinni afaanichaa itti fufiinsa akka qabatuuf dhaabbileefi namoonni dhuunfaa carraaqqiiwwan gara garaa taasisaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa Yunivarstitii Wallaggaatti Dhaabbanni Qorannoo Oromoofi Afroo Eeshiyaatik isa tokko.

Gaazexaan Bariisaas dhimma kanarratti Yunivarsitichatti sochiin dhaabbanni kun guddina Afaan Oromoorratti taasisaa jiru maal akka fakkaaturratti gaafdeebiin daarektara dhaabbatichaa, Doktar Alamuu Waaqgaarii wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Afaan Oromoo kaleessaafi har’aa akkamiin ibsitu?

Dr. Alamuu: Afaan Oromoo kaleessa ilaalcha badaa ‘raadiyoo cabsa’ jedhuun afaanichi ukkaamsamu, hacuucamee akka awwaalamuufi dhaalamuuf tattaaffii guddaan taasifamaa tureera. Ta’us qabsoo ilmaan Oromoo gaggeessaniin akka fashalaa’u ta’eera.

Afaan Oromoon ammaan tana lafa kaleessaa bira darbee afaan gaanfa Afrikaatti maqaa dhahamu ta’eera. Ilmaan Oromoos Gadaa boquu isaan buusisu keessaa bahanii har’a afaan ofiitiin dubbachuun barachuun, duudhaafi safuusaanii kabajuun sadarkaa gadaanaarraa hanga doktireetiitti Afaan Oromootiin barachaafi dalagaa jiru. Kun immoo jijjiirama addaa qabsoo hadhaahaan dhufeedha.

Bariisaa: Miira dhaloonni har’aa afaansaatiif qabuhoo akkamiin hubattan mee?

Dr. Alamuu: Dhaloonni har’aa sadarkaa barnoota idileen duraarraa kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti afaan ofiitiin barachuu argachuunsaa carraa guddaadha. Isa kanattis gammachuu hawaasni Oromoofi dhaloonni haaraa argate daran olaanaadha jechuun ni danda’ama. Qaaniifi gadaantummaan kaleessa awwaalamee afaan saba bal’aa ukkamamee ture Oromoofi Oromiyaarra darbee afaan Afrikaa keessatti bakka qabu ta’eera.

Hudhaaleen gara garaa jiraatanis daandii guddinaarra jiraachuunsaa dhaloota haaraatti gammachuu guddaa uumaa jira.

Bariisaa: Mee Dhaabbanni Qorannoo Oromoofi Afroo Eeshiyaatikii yunivarsiitii Wallaggaa kun yoom hundaa’e, guddina afaanichaa si’eessuuf  hoo maal maal dalagaa jira?

Dr. Alamuu: Dhaabbatichi bara 2007 kan hundeeffame yoo ta’u,guddina afaanichaajajjabeessuuf karoorafamee kan hundaa’eedha. Yeroo ammaattis dabalataan dhaabbaticha jalatti guddina afaanichaa si’eessuuf Akkaadaamii Afaan Oromoo Hayilee Fidaa (‘Haile Fida Afan Oromo Academy’) jedhu banuun waaltessa jechoota Afaan Oromoorratti hojii hojjechuutti seenee jira.

Dhaabbilee barnoota olaanaa Oromiyaa keessa jiran gara garaa waliin ta’uun hudhaalee guddina afaanichaatiif gufuu ta’anirratti marii taasisaa jirra. Jalqabbiin jiru kun ammoo jijjiirama guddaa kan fiduufi imala guddina afaanichaaf bu’uura jijjiiramaa kan buusu ta’ee tajaajila.

Barnoonni Afaan Oromoo yunivarsiitiilee gara garaa keessatti kennamu kamuu walsimataafi rakkoo qulqullinaarraa akka fagaatuufis xiyyeeffannoodhaan hojjetaa jirra.

Bariisaa: Imalli isin gama kanaan taasistan hangamitti kan deemuudha?

Dr. Alamuu: Imalli keenya Afaan Oromoo Afaan qorannoo, qo’annoo, hojii federaalaa akka ta’uuf humnaaf beekumsa qabnuun qindoomnee hojjechuun dhalootaaf dabarsuudha. Eenyummaa Oromoo, duudhaasaa, safuusaa, kabajasaa, ayyaanasaa, sirnoota addaa addaa dhokataniifi ukkaamfaman addunyaatti baasnee agarsiisuudha.

Sirnoota Oromoon kaleessa itti hacuucamaa tureefi har’a addunyaan akka fakkeenyaatti itti fayyadamaa jiru keessaa Gadaan isa tokko. Kan biraas hedduutu jiru. Beekumsaafi qaroomina Oromoon uumamaan gonfate reefu fal’aanaan fudhame kan hafemmoo deemsa keessa gadi baha.

Bariisaa: Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa akka hintaane wanni godhu jiraa?

Dr. Alamuu: Afaanichi afaan hojii federaalaa yoo ta’e saba Oromoo mitii isa kaaniifuu milkaa’ina guddaadhan jedha. Sabni Oromoo hinta’iin Oromiyaa keessatti dhalatee Afaan Oromootiin hojjetu baay’eedha. Isa kanaaf jijjiiramni afaanicharratti mul’atu saba Oromoon alattis saboota birootiif abdii guddinaafi jijjiiramaa kan itti horuudha.

Dhalataan Oromoo hedduu dhaabbilee barnoota olaanaa keessaa waggaa waggaan eebbifamee bahu carraa afaansaatiin sadarkaa federaalaatti hojjechuu dhabuusaatiin kan manatti galee taa’e hedduudha.

Afaanichi afaan hojii federaalaa akka hintaane sababa kan ta’u tokkollee hinjiru. Inni guddaan hojiitti hiikanii lammiifi biyya ofii jijjiiruun kutannoo siyaasaa kan barbaaduudha.

Dhaabbatni Oromoofi Afroo Eeshiyaatikii Yunivarsiitii Wallaaggaa keessatti hundaa’e kunis dhimma kanarratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjeta.

Kana malees afaanichi afaan hojii federaalaa yoo ta’e naannoleen hundi afaanicha barachuuf miiraafi kutannoo qabaatu. Oromiyaa keessallee galanii hojjechuuf carraa bal’aa argatu. Yeroo ammaattis naannolee biraa keesssatti afaanichi sadarkaa digrii jalqabaatti kennamaa kan jiru yoo ta’u, dhaabbilee barnoota Olaanaa Oromiyaatti argamanitti sadarkaa doktireetiitti kennamuuttis jira.

Bariisaa: Qorannoo taasisaa jirtaniin guddina Afaan Oromootiif wanti akka hudhaatti ka’u jiraa laata? Isa kana furuuf hoo tattaaffii akkamiitu  taasifamaa jira?

Dr. Alamuu: Namoonni eenyummaasaanii hinbeekneefi eenyummaasaaniitti hin boonne akkasumas qaana’an jiru.

Isaan kunneen ijooleesaanii afaan Oromoo hinbarsiisan, afaan haadhaafi abbaasaanii kana dhoksuun afaan halagaa akka afaan haadhaaf abbaa, akkoof akaakayyuutti kanneen barsiisan tokko lama miti.

Keessumattuu Oromoo ta’anii magaalaa guguddaa keessa kanneen jiran eenyummaasaanii dhoksuun saba biraa of fakkeessanii kanneen jiraatan jiru. Isaan kunniin akka hudhaa guddina afaanichaatti ilaalla. Manni barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti wayita banamu Oromoon eenyummaasaa dhoksee bakka biraatti barsiisu hinuma jira.

Faallaa warreen kanaas sabni Oromoo hintaane egeree guddina afaanichaa fagootti tilmaamuun ilmaansaa mana barumsaa Afaan Oromoo galchee kan barsiisu hinuma jira. Oromoo of dhokse caalaa tumsa warreen kunniin taasisan warreen of dhoksaniif barsiisaadha.

Gochi afaan ofii dhiisanii afaan biraa ilmaan ofii barsiisuu kun hedduunsaa magaalota Finfinnee, Adaamaa, Bishooftuu, Asallaafi Jimmaafaa keessatti kan mul’atu yoo ta’u, warreen akkasii hudhaa ta’anii mul’achaa waan jiraniif dammaquun irraa eegama.

Guddina afaanichaatiif akka hudhaatti dabalataan wanni ka’u rakkoo dinagdeeti. Barreessitoonni, artistoonni, weellistoonni, hayyoonni Oromoo gara garaa aadaafi duudhaa akkasumas sirnoota Oromoo adda addaa dhalootaaf dabarsuuf jecha rakkoo faayinaansiifi deeggarsa dhabuun of daangessanii kan taa’an kumaatama. Isaan kanneeniif abbootiin qabeenyaa, mootummaan, akkasumas dhaabbileen biyya keessaafi alaa tumsa barbaachisu gochuu qabu.

Tumsa gama kanaan taasisaniin ofiis fayyadamaa ta’uu waan danda’aniif of ilaaluufi humna qabaniin ani siif jira waliin jechuun Oromoofi Oromiyaa jijjiiruudha.

Bariisaa: Qorannoo hudhaalee guddina afaanichaatiif gufuu ta’anirratti dabalataan gaggeeffamee jiraa?

Dr. Alamuu: Manneen barnootaa sadarkaa 1fa hanga sadarkaa 2fatti wayitiin barnootaa Afaan Oromoof torbee torbeen laatamu tokko ykn lama. Fakkeenyaaf barnoota ingiliffaa, herrega yoo fudhatte torabanitti shani. Kunimmoo ilaalchi gadi aanaa Afaan Oromoorra jiraachuu waan calaqqisiisuuf fooyya’uu mala.

Dareen barnootaa kutaa Afaan Oromoof laatamullee kan gatame, kan jibbame kan qulqullinniifi dhiyeessiinillee hinguutamneef akka ta’e ragaan qorannoo dhaabbatni keenya gaggeesse ni mul’isa.

Kana malees tumsi miidiyaaleen Oromoo dhimma kanarratti taasisan gadaanaadha. Kunimmoo guddina imala Afaan Oromoof gaadii ta’ee waan jiruuf dammaqinaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Duudhaaleen, seenaan, afoolli, akkasumas jechamoonni Oromoo hedduu carraa kitaabileetti jijjiiramuu hinarganne. Kun kan ta’eefis dhiibbaa sirnoonni darban Oromoorratti taasisaa turanirraa kan ka’eedha. Isa kana furuuf maal hojjetaa jirtu mee?

Dr. Alamuu: Jaarsaafi jaartiin umriin raagan godinaalee Oromiyaa gara garaa keessa jiran osoo lubbuun jiranii afoolawwan seenaa, aadaafi duudhaa sabichaa akka dhalootaaf dabarsaniif daataafi odeeffannoo barbaachisaa sassaabbachaa jirra.

Akka fakkeenyaatti godinaalee wallaggaa afran keessatti sosochii kanaan dura taasifameen ragaaleen adda addaa sassaabamaniiru. Boris ittuma fufa. Sosochii jalqabame kana milkeessuun Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa taasisuuf tumsi hayyotaa, aartistootaa, jaarsaafi jaartii akkasumas lammiilee Oromootiin taasifamu finiinuun irra jiraata.

Jaarsoliin Oromoo kuusaa seenaa, yaadaa, aadaa, jechamootaa, safuu, sirnootaafi kkf waan ta’aniif dafnee geenyeefii waraabbannee dhalootaaf ol kaa’uun imala guddina afaanichaatiif haala mijataa uumuudha.

Bariisaa: Sosochii guddina Afaan Oromoo eegalame kana milkeessuuf dhaloota ammayyaa kanarraa maaltu eegama jettu?

Dr. Alamuu: Dhaloonni ammaa aadaa dubbisuu, qorachuu dhiisee jira. Namni hindubbisnemmoo duwwaadha. eenyummaasaa, maalummaasaa, seenaasaa hinbeeku. Miidiyaa hordofuun aadaa dubbisuu gabbifachuun dhugaarra dhaabatanii falmuun kitaaba dubbisuun yoo of gahoomsan qofa waan taheef dammaquutu irraa eegama. Kana malees aadaa ofii kabajuutu furmaata.

Yeroo ammaa safuun badeera, saalfiin hinjiru, uffannaan wayyaa, sirreeffannaan dabbasaa, filannoon jechootaa, arrabsoon daandiifi bakka oolmaa hojiitti dhaloonni fayyadamaa jiru foolii Oromummaa kan qabu miti.

Oromoon dimokraatwaadha jechaa daangaa dimokraasii sirni Gadaa nuu eeyyamuun alatti baanee sosochiin aadmalee gaggeeffamaniifi duudhaa faallessan miira Oromummaa waan hintaaneef of ilaaluun barbaachisaadha.

Bariisaa: Baruu barsiisuu Afaan Oromoo keessatti rakkoon qulqullinaa jiraa laata? Kan sadarkaa tokkoffaa hanga dhaabbilee barnoota olaanaa akkamiin madaaltan?

Dr. Alamuu: Eebbifamanii hojiitti bahuu qofti, digriifi dippiloomaa qabaachuu qofti qulqullina fida jedhanii yaaduun sirrii miti. Meeqa keenyatu qubee sirriitti barreessa? Meeqa keenyatu barataa keenya sirriitti hordofa jennee yoo of gaafanne rakkoo jiru hubacuu dandeenya.

Rakkinni qabinsa barataa sadarkaa gadi aanaarraa hanga yunivarsiitiitti jiru qaawwa guddaa kan qabuudha. Barataan kutaa 8fa gahee hindubbisne, hin barreessine qubee adda baasee hinbeekne jira. Kunimmoo hordoffiin barsiisaafi maatiin taasisu laafaa ta’uurraa kan ka’eedha.

Bariisaaa: Gahumsa akkamiin madaaltu?

Dr. Alamuu: Barataas ta’e barsiisaan seeraan qabamuu baannaan ofiifis gahumsa hinqabaatu, dhaloota gahumsa qabus horachuu hindanda’u. Kanaafuu haalli qabiinsaafi hordoffii sadarkaa 1fa hanga yunivarsiitiitti xiyyeeffannaa argachuu mala.

Kana malees leenjiin gahumsa ogummaa barsiisotaaf yeroorraa yerootti kennamuu qaba. Barataan barsiisaa gahumsa leenjiitiin of ijaareen deeggaramu abdii borii, gaachana biyyaafi hayyuu seenaa ta’uu danda’a.

Kun ta’uu baannaan lammiifis biyyaafis ba’aa ta’uurra darbee dhaloota eenyummaasaa dagate ta’uunsaa waan oolu miti.

Bariisaa: Rakkoo qulqullina gahumsaa furuuf tattaaffii mootummaan taasisaa jiru akkamiin ilaaltu?

Dr. Alamuu: Rakkoo qulqullinaa furuuf barsiisaan sadarkaa barnootaasaa akka fooyyeffatu taasifamuun jaqabbii tokko ta’us leenjiin itti fufiinsa qabu yeroorraa yerootti osoo kennamee jijjiiramni Afaan Oromoorratti mul’atu guddaa ta’a.

Kitaabileen seenaa, asoosama, hojiileen aartii Afaan Oromootiin qophaa’an babal’achuun akkasumas dhiyeessiileen barnootaafi haala mijataa mana barumsaa hawwataa taasisuun rakkoo qulqullinaa dhufuu malu furaa deemuu keessatti shoora olaanaa qabaatu.

Bariisaa: Guddina Afaan Oromoon gama aartiin argamsiisaa jiru akkamiin madaaltan? Ammayyummaan liqimfamuun aadaafi duudhaa dagachuun hinjiruu laata?

Dr. Alamuu: Jijjiiramni gama kanaan argamu jajjabeessaa ta’us ammayyummaan liqimfamuu wajjin walqabatee deeggarsi ogummaa leenjii wajjin walsimate kennamuu qaba.

Aartiin Oromoo gama siyaasaatiin, dinagdeetiin, hawaasummaatiin, guddina afaanichaa deeggaruu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira. Sirboota, faaruu, kitaabilee, galmee jechootaa gara garaa yoo ilaalle hanqinoota adda addaa ni calaqqisu. Keessumaa dogoggora qubee kitaabilee gara garaa keessatti mul’atan hudhaa akka fakkeenyaatti mul’atan waan ta’aniif irratti hojjetamuu qaba. Hudhaa kanaaf dhaabbileen barnoota olaanaafi hayyoonni baruu barsiisuurratti bobba’anii jiran aantummaadhaan hojjechuutu irraa eegama.

Bariisaa: Guddina afaan kanaa itti fufsiisuufi Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’uuf  mootummaafi lamiileerraa maaltu eegama jettu?

Dr. Alamuu: Afaan Oromoon bakka yaadame kana akka gahuuf tumsa mootummaa qofa eeguun barbaachisaa miti.

Lammiileenis kan beekumsa qabu beekumsaan, kan maallaqa qabu maallaqaan, kaanis waanuma danda’uun hayyoota cinaa yoo dhaabatan dhaloota aadaa, safuufi seenaa dhugaan ijaaranii yoo guddisan Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa taasisuuf wanti daangaa ta’u hinjiraatu.

Mootummanis dhiyeessiilee barbaachisoo, humna namaa gahumsa horate lakkoofsaafi qulqullinaan guddisuun fayyadummummaa lammiilee mirkaneessuuf ejjennoo duubatti hindeebine qabaachuu qaba.

Yoo kana gochuu baate seenaatu isa abaara, dhalootatu isatti gumguma, ummata waliin ce’uunis hindanda’u. Kanaaf miira kutannoo siyaasaa duubatti hindeebineen hojiitti hiikuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Turtii nu faana taasistaniif maqaa gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.

Dr Alamuu: Isinillee quuqama guddina afaanichaatiif qabdan agarsiisuuf birmaannaa Oromummaa taasistaniif horaa bulaa, deebanaa, ijaafi gurra uummataa nuuf ta’aa jenna.

Waasihun Takileetiin

Suurri Haddush Abrahaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011



OMN: Gabaasa Raawwii Hojii Galmee Barnoota Afaan Oromoo Booletti (Hagayya 17, 2019)



OMN: የኦሮሚያ ቤተክህነት (August 17, 2019)


Qophii Addaa OBS – Geggeessaa W/K/W/W kan ta’an Luba Dr. Bantii Ujuluu Waliin