ABOn Maalirra Jira?, Korri Sabaa Akkam Ture? Jaal Dawud Ibsaa

ABOn Maalirra Jira?, Korri Sabaa Akkam Ture? Jaal Dawud Ibsaa Maaliif Irra Deebi’amee Filatame? Fuuldurri Jaarmiyaa Oromoo Kanaa Maal Fakkaataa?

HayyudureeABO- Ob Daawud Ibsaa Ayyaanaa, Hayyuduree Adda Bilisummaa Oromoo.
Ob Daaud Ibsaa bara 1952 Oromiyaa lixa-kaabaa, Horroo Guduruu, Abunaatti dhalate.
Bara 1980 keessadirreetti bobba’ee leenjii waraanaa ABO fudhate. Bara 1981 baatii Eblaa keessa Humna WBO zoonii lixaa hogganuun Oromiyaa lixaa keessatti sochii waraanaa jalqabe. Bara 1981 baatii Muddee keessa otuu dirqama irra jiruu harka diinaa (Dragii) bu’e. Haga Muddee 1986tti hidhaa keessa ture. Bara 1986 baatii Muddee keessa mana hidhaatii miliqee WBO zoonii lixaatti dabalame. Bara 1988 miseensa Gumii Sabaa ABO ta’uun filame. Bara 1998 miseensa SHanee Gumii taúun filame. Bara 1999 Hayyuduree ABO taúun filame. Bara 2004 Kora Sabaa 3ffaa irratti HayyudureeABO taúun filame. Bara 2017 ammas irra deebiée Hayyuduree taúun Kora Sabaa ABO irratti filame.
Bara milkii fi bara injifannoo!!

HayyudureeIttaanaa– Ob Araarsoo Biqilaa, Hayyuduree Ittaanaa ABO ta’uun Kora Sabaa ABO 4ffaa kan Hagayya 20-30 bara 2017 taa’e irratti fialame.
Ob Araarsoon ijoollummaa irraa kaasee WBO zoonii bahaa keessatti dirqamoota addaddaa irra kan turee dha. Waraana loluu fi lolchiisuunis dandeettii jabaa kan qabuu dha.
Ob Araarsoo Biqilaa miseensa Koree Hoji raawwachiiftuu ABO fi gaafatamaa Damee Dinagdee taúun yeroo dheeraaf hojajtaa ture.
Ob Araarsoon qabsaa’aa kutataa, obsaa, cichaa fi goota jabaa dha.

Via: Dhábasá Wakjira Gemelal


ABOn Maalirra Jira?, Korri Sabaa Akkam Ture? Jaal Dawud Ibsaa Maaliif Irra Deebi’amee Filatame? Fuuldurri Jaarmiyaa Oromoo Kanaa Maal Fakkaataa?

  1. Qabsaa’onni dantaa mataa ofii dhiisanii saba bal’aadhaaf jireenya isaanii kennanii qabsaa’an Waaqayyo gaditti saba isaanii biraa kabajaa qabu. Namoonni kun lafa kanarratti sababii namoota biroo ofii fudhachaa, garbummaafi gidiraa sabarra jiru hundeen buqqisanii gatuuf halkaniif guyyaa warra jireuuf jireenya isaanii kennanidha. Haaluma Kanaan ABO’n seenaa uummata Oromoo keessaatti dhaaba baayyee jaallatamuufi uummatichillee ittiin boonuufi dhaadatudha. ABO’n diina alaaf keessaa hunda danda’ee yeroo ammaa kana haala gaariif amansiisaarra gahee jira.
  2. Korri ABO 4ffaa Dawud Ibsa Hayyu Duree, Araarsoo Biqilaa itti aanaa Hayyu Duree godhee filachuun xummuree jira. Miseensota 13 akka SH-GS ttis Kan hojii raawwachiiftuu dhaabichaa ta’an filateera.Miseensota Gumii sabaa haaraa kan filate yoo ta’u, kanneen kana keessaa walakkaan isaanii Qeerroo biyyaa keessaa fi WBO kanneen zooniilee garaagaraatti qabsoo irraa jiran ta’uun beekameera. Jiilli bakka garaagaraa Yemen, Sudan, South Africa, Kenya , Djibouti, Somalia, Somali land , North America , Europe, Australia fi biyyoota ollaa irraa qooda fudhataniiru. Sirna baniinsa kanaattisa fi cufiinsa kora Kanaa irratti bakka bu’ooti mootummaa, dhaabbilee siyaasaa mormitoota, beektota lammiilee Ertirea fi barreessan Gadaa (Tasfaye)Gabreab irratti argamaniiru. Hirmaatonni kora kanas mooraa WBO garaagaraa irraa deemuun tinnisa WBO dhaaf kan godhanii jiru.
  3. Hayyuu Duree ABO s ta’ee Shanachi Gumii Sabaa kan hojii raawwachiisan miseensotaafi deggartoota dhaabichaatiin filataman. Dhaabni kun dhaaba sochii bilisummaati. Mootummaa yookaan biyya hintaane. Filatamauunis ta’e muudamni sochii bilisummaafi riphee lolaa keessaatti ta’u kun miindaa kan namaa kaffalchiisu miti. Kan wareegamaaf muudamanidha. Kan xiyyaaraa qabatanii Addunyaarra ittiin naanna’an miti; kan bosona keessaa miilla qullaa deemuun loltoota leenjisaniifi jajjabeessanidha. Jaal Ibsaa Dawud maaf irra deebi’amee filame? Kan jedhu namaaf galuu baatullee iccitiin jiru kana. Utuu riphee loltummaafi bosona keessa jiranii muudamni jiru hunduu muudama lubbuu ofii dabarsanii sabaaf kennuuti malee muudama badhaasaa miti. Uummatichi sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kana deggaraafi gargaaraa jiru kun Hayyu duree kana itti deebisee filachuunsaa Amanamummaafi jaalala Hayyuu dureen kun qabsoo kanaaf qabuuf malee, hayyu dureen kun filatamuuf fedha qabaatee miti.  Akka keessa beektonni jedhanitti Jaal Dawud Ibsaa yeroo hedduudhaaf itti gaafatama kana baqateera; narraa fudhaas jedhee kadhatee dadhabeera. Uummanni itti deddeebisuunsaa kutannoofi amanamummaa qabsoof namni kun qabu malee iccita biraa hinqabu.  Namoota hedduutu qabsoo fakkeessaa geggeessaa jira; tureeras. Hayyichiifi beekaan Dawud Ibsaa garuu waggaa 40+ dhaaba kana faana waa baayyee ta’eera (Taajjabbiin akantti baldhinaan deebi’ee seenaa bu’aa ba’ii hayyuu duree kanaa isiniif qindeessuuf jira).
  4. Dhaabni kun sadarkaa har’a irra gahe kanarra akka hingeenyeef guddaa itti dadhabameera. Wayyaaneen Maallaqa Billiyoona hedduu itti dhangalaastee keessaaf alatti ergamtootashee ergattee cabsuufi balleessuuf hojjetteetti. Baduu hindandeenye.  Har’as taanaan warra dhaabicha keessaatti hannummaafi wanjala (Waan-Jallaa) dalaganii keessaa of baasan dabalatee dargaggoonni ergama guddaa baadhatanii miidiyaa dawoo godhachuun har’as dhaaba kanarratti duulanii duulchisaa jiru. Sanas injifateetu har’aan kana alaaf keessatti dagaagee of ijaaraafi of cimsaa jira. OLF has survived TPLF’s insurgency and the infiltration of cadres equipped with millions of dollars to dismantle the organization. It also survived the division of it’s diaspora community centers who were the backbone of the financial support system for OLF. Regardless of all these, OLF was able to withstand all the turmoil and move into progressed within the past couple of years under his leadership. That in itself speaks volume of Daawud as a leader and his capabilities! When many were bought by OPDO/TPLF, he remained loyal to the KAAYYOO (as the mass in the Oromo society always demands). As we’ve seen, other organizations have tried a different route to freedom. Freedom is not supposed to be easy, especially not when your own whom you trust is being used against the very thing you work on TOGETHER! He survived the test and made sure to keep the organization together when all the odds were against him and the organization! His strength and willingness to defend the struggle is one of his best qualities as a leader.
  5. Miidhagina gudda dhaabni guddaan ABO Oromoon qabu keessaa tokko wacarratti utuu hintaane hojiirratti bobba’uusaati. Dhaabni kun rakkoo baayyee dandamateera. Gargaarsa biraa mootummaa Addunyaarraa hinqabu.  Gargaartonnisaa miseensotasaati. Warreen maatiif qe’ee dhabanii dhaaba kanatti citanii hafanidha.  Warra sagaleen isaanii hanga ammaatti hinbaane garuu hojiirra jirantu jiru. Jaal Dawud Ibsaa miti kan hojiirra jiru.  Jaalleewwan kumootatu dirreerra jira.  Qaqaalii ijoollee Qeerrootu Oromiyaa keessa jira. Gaheen ooggansaa namoota qabsoorra jiran kana mataa walqabachiisuudha. The role of the leader, then, is to balance the internal demands of the movement’s people with the external demands of the larger structure in order to ameliorate (somehow) the rhetorical problems of the conflict. This is a conflicted place to be both ethically and practically.” I’ve no doubt, Daawud Ibsaa is experiencing this. Most importantly though, he’s not there to please the external noise and criticism. He’s already fighting against the world directly and indirectly.
  6. Hojii boonsaa ooggansi ABO dalage keessaa inni guddaan tokko Qeerroo ijaaruusaati. Ijaaruu qofa utuu hintaane ooggansa keessa galchee guddisaa jiraachuusaati. Ooggantoonni Qeerroo Kora Marsaa 4ffaa kana keessaatti gaheen hojiif dirqamni itti kennamuunsaa daran nama boonsa. Ooggantoota borii guddisuu jechuun kana. Caalaatti ammoo Qeerroon bifa mul’ataafi xaxaan sirna garboomfataa sana keessaatti ijaaramee hojiirra jiraachuunsaa nama boonsa. Hubadhaa! Qeerroon kun isa ‘QEERROO BILISUMMAA OROMOO’ jedhamudha. Torbanuma darbe kana Jawar Siraj Mohammed utuu dhaabni kun kora irra jiruu ‘QEERROO OROMIYAA’ jedhee moggaasuun duula mana ooluu jedhee kan miidiyaa dawoo godhatee labsate sana miti. Warri inni Qeerroo jedhee moggaaseefi masaanummaan itti jiru kun Taajjabbiidhaan qoratamaa jiru. Dhihoottaan ifa godhee siniif amxxansa.
  7. Kana booda Ooggansi ABO kan duriirra caalaa kutannoo guddaan hojjechuutu irraa eegama. Kan Oromoon irra jiru ‘FINCILA XUMURA GARBUMMAa/fxg’ dha malee Mormii marsaa 1ffaa…2ffaa..3ffaa…miti. Warreen jecha Marsaa’ jedhuu ala kanaa bobbaafaman warreen ergama Wayyaanee galmaan ga’uudhaaf bobbaafaman ta’uu Oromoon hundi beekuu qaba (kana baldhinaan itti deebina). Kanaafuu, ala akanatti ooggansi ABO dippilomaasiifi miseensa baayyifachuu, diyaasfooraa ijaaruun waraanasaa utubachuurratti hojjechuu qaba. ABO uummata Oromoo malee abdii biraa hinqabu; kan lolaa jiruufis uummaticha bilisoomsuurraa kan hafe dantaa biraaf miti. Bilisummaa utuu barbaadaa callisuun farrummaadha. Kan qabeenya qabu qabeenyaan, kan beekumsa qabu beekumsaan, kan humna qabu dirree deemuudhan qabsoo kana utubuu qofatu fala fida.
  8. Jaarmiyaalee Oromoon qabu kamirrattuu holola oofuun gantummaadha. Qeequun garuu ijaarsa. Akka caalaatti hojjetaniif rakkoo isaan qaban ifa gochuun gaariidha. Arrabaafi qeeqa adda baasanii beekuu barbaachisa. Miidiayafi dhaaba Siyaasaa gargar baasanii beekuu barbaachisa. Namoonni miidiaya harkaa qabanis Jaarmiyaa lubbuu kennee dirree jirurratti duuluu utuu hintaane gargaaruu qaba; biyyoota addaa addaarratti qophii garaagaraa qopheessuudhaan maallaqaan qabsoo utubuu qabu. Maqaa miidiyaan maallaqa ofiif funaanuurra qabsoo kanaaf dalaguu qabu.  Akkas malee salphina keessaa hinbaanu.
  9. Dhumarratti, Jaarmiyaa Siyaasaa ABO dabalatee kan maqaa ‘’O’’ of keessaa qabu kan sochii gaarii hin agarsiifne hunda bifa TAAJJABBII n sabaaf ibsuuf dirqamna. Qeeqni kana booda ta’u gola hundumaa seena. Hojjechuu qabna; kutannee hojiitti seenuu qabna; lubbuutu biyyaa ba’aa jira. Jaarmiyooliin siyaasaas walitti dhufuun hojjechuu qabu. Kana booda ABO, ODF, KWO gidduu garaagarummaan tokko hinjiru. Waliin hojjetanii Oromiyaa bilsioomsuu qabu. Dhaabni Jawarfaa amma ijaaramaa jirullee kaayyoo Bilisummaa ABO’n qabateef hin hojjetu taanaan gatii hinqabu. Ergama wayyaanummaa yoo qabaatanirraan kan hafe dhaabni haaraanuu hinbarbaachisu. Qabsoo saba Oromootti qoosuun Oromoo qofa utuu hintaane, fuula Waaqayyoottuu nama gaafachiisa. Dhaaba biyya keessa jiru OFC, fi OPDO’ llee taanaan karaa danda’ameen kaayyoo bilisummaa Oromootti ijaaruun fala malee badii hinfidu. Uummanni Oromoo garbummaa nuffeera; dallaneeras; obsi Oromoon Impaayera Xoophiyaaf qabus dhumateera.

Via: Beekan G Erena, 2017