ABO deeggarra! Godina Booranaa aanaa miyoo Magaalaa Hiddii Lolaatti

ABO deeggarra! Godina Booranaa aanaa miyoo Magaalaa Hiddii Lolaatti

Hag 26,2018 hiriirri deeggarsaa guddaan Walii galtee ABO fi Mootummaa Xoophiyaa deeggaruu ba’ameera!
Hiriira kana kan adda godhu ummanni diqqaa guddaan wayaa aadaa fi faajjii Adda Bilisummaa Oromootiin faayamee bifa tasgabbii guddaa qabuun geggeeffamuu isaati.
Dhaadannoowwan isaanii:
– Walgalteen araara ABO fi FDRE:
* ha kabajamu
* ha ariifatu
* xaalayaan walii galtee kana mirkaneessu godinaalee Oromiyaaf ha raabsamu
– ABO fi Poolisiin Oromiyaa ila teenna ta mirgaa fi bitaa ti.
– Ta qaraa malee wal nu haasisuun hin danda’amu
– Ta qaraa malee lafee lafeen hin cabsitanii jibaadhaa!
– Walabummaan Oromiyaa ha dhugoomu!
– ABO/WBO tuquun RASAA ofiitti RURRUUQUUdha.
– ABOn gaachana ummata Oromooti.
– WBOn waraana ummata Oromoo ti.
– Mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo ha mirkaana’u!
– Lubbuun jiru?:
* Hayyuu Seenaa Oromoo aabba Dabbasaa Guyyoo fi jaal Nadhii Gammadaa. Eessa jiru?
– Daangaa Oromiyaa ha kabajamu!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

Dhábasá Wakjira Gemelal