“Abiyyi Ahmad sabboonummaa Oromootiif keessummaadha” jedhe

“Abiyyi Ahmad sabboonummaa Oromootiif keessummaadha” jedhe Dr. Ittaanaa Habtee

Gaaffii.
Dr Birhaanuu Leenjisoo fi Dr Etana Habte BBC News Afaan Oromoo irratti dhihaachuun falmii sabboonummaa Oromoo fi ijjannoo M/M Dr Abiyyi irratti falmii godhanii jiran.
Yaanni isaaniis akka armaan gadii kana.1) Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Sabboonummaa Oromoo gara Sabboonummaa biyya bulchuutti ceesisee jira.
( Dr Birhaanutu jedhe)

2) Ministeerri Muummee Dr Abiyyi Kaampii Sabboonummaa Oromoo keessatti keessummaadha, hin beeku.
( Dr Ettaanaatu jedhe)
Kamtu Sirrii jettanii yaaddu?


Qeesiin nafxanyaa waraanaa mootummaa koloneefataa harka keessa galfatee Oromoo ajjeesuuf Oromiyaa diiguu irratti boba’ani jiru .
Kan armaan gaditti argitan kun Daani’eel Kibiret jedhama, gama biraatiin gorsaa Koloneel Abyi Ahimedidha.
Nuti Qeesiis Sheekiis hin qabnu
#Kanuma


Shirri OPDO’n PO fi WBO Walitti Buusuuf Hojjettu Diinummaa Hiriyaa Hin Qabne Tahuu Qalbeeffadhu!

Jijjiirama yeroo gara yerootti gatiin itti kaffalamee dhufeen PO gara QBO-tti makamaa deemuun ka isa rifaassise mootummaan ADWUI tibba darbe kibbaafi lixa Oromiyaarraa humnoota PO funaanuun maqaa haaromsa jedhuun oliifi gadi facaase, gariin mana hidhaatti guure. Kun ka taheef PO waa balleessee osoo hin taane WBO faana tahee waan daangaa Oromiyaa irratti aarsaa kaffalee mirga uummata isaa kabachiise qofaaf dararaan dorgomaa hin qabne irratti raawwatame. Hayyee egaa, kanarraa waan baayyee hubachuu dandeenya. Fkn: Qabsoo uummataatti PO makamuun Mootummaa irratti ennaa mormii dhageessisu tooftaa uumee mootummaan laamshessuuf yaaleera. Kana jechuun mootummaan kun fedhii uummataa osoo hin taane umurii aangoo isaatii dheeressuuf, dantaa jaarmayaa isaa kabachiisuuf akka sossohu ifatti heera. Tooftaa ilmaan OPDO mallasaa irraa dhaalan kun ka fedhiifi sadoo uummata keenyaa kabachiisu osoo hin taane ka garbummaa habashaa nurratti dheeressu tahuu hunduu quba qabaachuu qaba.

Fedhiin uummataa maal, mootummaan ammoo maal dalagaa jira?.
Bifaafi boca jijjiiruun mootummaan ADWUI WBO dhabamsiisuuf yaalii yeroo gara yerootti ennaa godhu argaatti jirra. Kun ka agarsiisu maqaa “Ce’umsa” jedhu daheeffatee mullata #Mallasaa galmaan gahuuf warraaquu Mootummaa kanaati. Qaamonni dhimma WBO dhabamsiisuu irratti hojjetan heedduun isaanii dantaa dhuunfaa isaanii kabachiisuun waahee dantaa sabaa awwaalan, kun waan fafaati. Qabsoon uummata Oromoo sharafamuu hin dandahu, qabsoo irbuudhaan cancalame waan taheef. Har’as onoota WBO’n keessa sosso’u adamsuun humnoota nafxanyaa irratti bobbaasaa jiraachuu argina. Dabalataan ammoo walitti buhiinsa WBO fi PO gidduutti uumuuf ka sossohan tahuu waan raawwatamaa jirurraa hubachuun fardiidha. Egaan booddessitoonni akka warraaqsi tarkaanfattootaa galii ishee hin geenyeef boodatti nii harkisu, tahus humna ittiin dubatti deebisanis tahe bakkatti adoochan hin qaban, hin horatanis.

WBO’n kaayyoofi akeeka tarkaanfatuuf galiin gahuuf waan isa hanqisu akka hin jirre firris diinnis hubachuu dandahuu qaban.

Injifannoon WBO’f!

IUOf!

Tulluu Hiyyeessaa


ODP fi Dhimma Afaan Oromoo Afaan Hojii Mootummaa Federalii Gochuu

ODP Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalii goona waadaa jettee maal gootee? Oromoon dhaabaa waadaa eeguu malee, dhaabaa waadaa nyaatu hin barbaadu. Oromoon ni obsa malee hin dagatu. Waan Afaan Oromoo irratti Oromoon duubatti hin deebi’u. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalii Itoophiyaa tahu qaba. Eeyee, tahu qaba. Khalaas. Muramte.

Dr. Abiyyii nuu obsaa, daa’imni guyyaa tokkotti hin dhalatu ummata Daambii Doolloon jedhe. Haga sun kunoo waggaan guute. Duuba, haga yoomi obsaan eegnaa? Mootummaan akka obsinu maali nu garsiisaa jira. Maali godhaa jiraa?

Gara dubbiitti deebinaa. Jijjiiramaa kana, Qeerroon Oromootti wareegamaan fide. Wareegamaa qaaliin. Wareegamaa lubbuu namaa nyaateen. Kan wareegamee Qeerroo. Garuu, kan bu’aa irraa buufachaa jiru ka biraati. Gaaffii Qeerroo hangafa keessaa tokko gaaffii Afaan Oromoo kana. Gaaffiin Qeerroo namuu dhagayaa hin jiru. Qeerroon biyya bilisa baasee warra isaan bilisa baasaniin arrabsamaa jira, mangaa jedhame. Gaaffiin Oromoollee gaafii sabboonummaa gandaa jedhame xiqqeeffamaa jira.

ODPn dubbii Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalii godhuu womaa tolchaa hin jirtu. Yoo harkaa qabaattee, nutti haa himtu.

Har’a, dubbiin Afaan Amaaraa afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa, afaan biyyaaleessaa Itoophiyaa (national language), fi afaan hojii Gamtaa Afrikaa (AU) godhuu dhageettii argachaa jira.

Namni keenyaas Afaan Amaaraa dubbachuun, ani Itoophiyaa ofiin jedhuun faashnii jaalatamaa—faashnii Abiyyii— itti fakkaata. Gariin namaa Afaan Amaaraa dubbachuun Afaan Oromoo dubbachuu caalaa Itoophiyaa nama tolcha se’a. Kana malees,

1. Afaan Oromoo afaan hojii bulchiinsa magaala Finfinnee miti.
2. Afaan Oromoo afaan hojii bulchiinsa magaala Dirree Dhawaa miti.

Afaan Oromoo afaan bulchiinsa Finfinnee fi Dirree Dhawaa godhuuf heera biyyaa jijjiiru hin barbaachiisu. Labsiilee magaaloota lamaan hundeessan kana qofa jijjiiru dha. ODPn kana godhuuf dandeettii gaha qaba.

Fakkeenyaaf, Takkalaa Uumaa bulchaa Finfinnee godhuuf labsii kana mootummaan guyyaa tokkotti jijjiiree jira. Mootummaan yoo fedhii qabatee, waan kana aduu guyyaa tokkotti jijjiiru ni danda’a. Ummatti dhimma ofii jala deemee ODP yoo muddee malee, ODPn fedhii hin qabdu.

3. Afaan Oromoo afaan mootummaa naannoo Oromiyaa tahee jiraa? Eeyee, maqaa tokkoof. Haa ta’u malee,

a. Afaan Oromoo afaan hojii ODP fi waajjiraalee ODP hin taane.
b. Afaan Oromoo afaan hojii Waajjiraalee MNO hin taane.
c. Afaan Oromoo afaan aanootaa fi godinootaa MNO hin taane.
d. Afaan Oromoo afaan hojii manneen amantii hin taane.
e. Afaan Oromoo afaan hojii dhaabbilee nagadaa fi bizneesii hin taane.
f. Afaan Oromoo afaan hojii waajjiraa federaalii MNO keessatti hin taane.
g. Afaan Oromoo afaan hojii magaaloota Oromoo tahee hin beeku. Afaan Oromoo magaaloota Oromoo keessatti alagaa dha.
h. Afaan Oromoo MNO keessatti afaan hojii dhaabbilee miti mootummaa (ngo) hin taane.
i. Akkaadaamiin guddina Afaan Oromoo tokkolleen sadarkaa Oromiyaattu hin jiru. Sadarkaa Itoophiyaa womaa hin jiru.

Afaan Oromoo afaan mootummaa hin qabne. Afaan dhaabaa hin qabne. Afaan abbaa hin qabne. Afaan haadha hin qabne. Afaan haaddiyyoomee dha.

Garuu, Saba Guddaa qaba. Ummata bal’aa dubbata. Itoophiyaa waliin gaha. Saba sabboonaa qaba. Qeerroo Oromoo of duubaa qaba. Saba badhaadhaa qaba. Biyya hedduu keessatti dubbatamaa. Afaan Kuushii guddichaa dha. Dhugaa qaba. Federeeshinii of duubaa qaba. Gadaa of duubaa qaba. Sabni guddaan kun hegeree afaan kana barreessuuf carraa guddaa qaba. Hiree Afaan Oromoo harkaa Oromoo jira, harkaa mootummaa hin jiru. Mootummaan ofii jechaa gaaffii Oromoo deebisa. Mootummaan akka soogiddaati. Ofii jedhee mi’aawaa ykn akka dhakaa darbanna.

Afaan Oromoo hundee Oromummaati, kallacha tokkummaati, hundee bilisummaati. Oromummaan Afaan Oromoo malee hin jiru. Oromo meeqatti Afaan Oromoo waan hin dubbanneef Oromummaa isaa dagatee?

Oromoon afaan kun akka afaan hojii mootummaa federaalii tahu harka walqabannee marxifannee haa kaanu.

Kadiro Elemo