Abiyyi Ahimed Alii Muddamsuu guddoo keessa jira!

 

Abiyyi Ahimed Alii Muddamsuu guddoo keessa jira.

 Jaalallifi Hariiroon Itoophiyaafi Eertiraa laafaa deemaa jira.
Sudaan Misaa’eloota Abiyyi maqaa isaaniitu hin dhagahin hunda USAfi Raashiyaa irraa gara kaartum galchaa jirti..
 
 Ibsa dhaadannoo ummaatni akka isaan irratti hin fincilleef baasan malee USA’n gara Tarkaanfiitti yoo ceete nuuf dhumate jachuun raafamaa jiru.
 Abiyyi Duguuggaa Sanyii (Genocide) Ummata Oromoofi ummata Tigraay irratti raawwataa jiruuf Himanni yakkaa mana murtii Idil-Addunyaa (International criminal court) baname Abiyyi irratti waan Itoophiyaa keessatti raawwatame hunda Addunyaan Satellite Odeeffannoo guutuu funaanaa jirti…!!
 Waraanni Eertiraa Tigraay keessa jirus miindaan keenya doraaliin nu kafalamu qaba jachuun gaafii isaanii finiinsaa jiru….!!


 

Salphina akka Oromootti keessa jirru kana dhagahaa….!!!
 
“Galanaa Garomsaa Ayyaana Aduwaa irraa dhorkame!
Waggaa darbe Gootni keenya Haacaluu Hundeessa fardeen 300 ol dhunfaa isaan qopheessuun Ayyaana Adawaa Ayyaana Oromoo akka ta’e ergaa guddaa dabarsuun isaa nii yaadatama.
Hojiin Haacaluu sun akka itti fufufi Hiriyyaan Haacaluu Galanaa Gaaromsaa bara kana dhunfaa isaan fardeen 300 ol qopheessee Ayyaana kana yaadannoo Haacaluuf oolchuuf yaadus Biltsiginnan isa dhorkanii jiru.
 
Galanaan Dhorkamuu caalaa immoo kan nama dhibu bakka Haacaluu akka bu’an namoota Biltsiginnaan qopheesite Caalaa Bultumee, Tsegayee Dandena fi Saliyaa Samii ta’uu isaaniti.
Galanaan qophii qopheessaa ture kana erga dhorkamee booda hiryyoota isaafi Waldaa Dubartoota Finfinnee waliin tahuun suuralee kana ka’ee gadi dhiisee jira”
Ajaahib Jimaa Tooboo


Ajjeechaa Jaal Marroo Marsaa 9ffaa❗
Dabballootni PP Jaal Marroo marsaa 9ffaaf miidiyaa hawaasaa irratti ajjeesuuf keessoodhaan waliif dhaamaa jiru. Kan ammaa kan adda taasisu Jaal Gollichaas itti dabalatanii jiru. Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo harkatti isin qabeera.
Yaa Jamaa;
Lubbuu kan akka kan Jaal Marroo ajjeefamee biqilu isiniif haa kennu❗
WBOn haa waaru❗
Qeerroo Intelligence Group

1 Comment

  1. “Galanaa Garomsaa Ayyaana Aduwaa irraa dhorkame!” jettanii? Sila’yyuu maaliif dhaqe? Duulli Adwa, lola koloneeffattoonni 2, Afrikaa qircachuu irratti wal waraanani dha. Kan qircachuuf irratti wal lolan ammoo Oromoo fi Oromiyaa dha. Oromoon baras duule, kaan dhiibbaa siyaasaan, kaan ammoo garbummaan dirqameetu qooda fudhate.
    Isa Oromoonis keessaa qaba, jettan kana nu dhiisaa! Garba taateetu dhaqxe Oromoon. Akka garbichaa, meeshaa gooftaatiin boonuuf carraaquun hin tolu!!

Comments are closed.