Abiy arraba lamaan yeroo ummata gowwoomsaa turetti hedduun keenya hin hubanne!

Dhugaan kami?
Oromoo bira: Oromoof aantummaa hin qabu naan jettu garuu qabsoo Oromoo keessa waanan tureef maatiin koo Ameerikaatti waggaa torbaaf baqatanii turan.
Bakka biraa: Asaaminaw Xiggee waanan qarqaareef maatiin koo Ameerikaatti waggaa torbaaf baqatanii turan.
Dhugaan kami? 


Abiy arraba lamaan yeroo ummata gowwoomsaa turetti hedduun keenya hin hubanne. Amma hojii isaa hordofuun yeroo irra deebinee dhageeffannu nama arraba lamaan tokko Oromoo fakkaachaa tokkoon ammoo Amaara fakkaachaa ture ta’uutu sirriitti ifa bahe.
Oromoo biratti akkana jedhe:“Waa’ee qabsoo [Oromoo] kanaaf maatiin koo biyya kanaa baqatanii waggaa torbaaf ala taa’aa turan”. Amaara biratti akkana jedhe: “Yeroon ani dhaabbata tikaa keessa hojjadhu Asaamminoo Tsiggee mana hidhaa akka hin seenne hidhaa irraa hambisuuf sababa yaalii godheef jecha ijoolleen koo biyya kanaa baqatanii waggaa torbaaf biyya alaa turan”

Ferhan Abdulselam


.አምባገነን በኢትዮጵያ????

አምባገነኖች በታሪክ ዉስጥ በተለያዩ ሃገሮች ነበሩ፡ አሉ፡ ወደ ፊትም ይኖራሉ. ኢትዮጵያም ብዙ አምባገነኖች አስተናግዳለች. ጥያቀዉ ካሁን በኻላ ኢትዮጵያ ዉስጥ እንዳለፉት ዘመናት 17 ወይም 27 አመታት አፍኖ ሊገዛ የሚችል አምባገነን ሊፈጠር ይችላል ወይ? የሚል ነዉ.

ዶር አቢይ ኢትዮጵያን ወደ ዲሞክራሲያዊ መንገድ ለመምራት ያለዉን ሁሉ አጋጣሚ ያበላሸ ይመስላል. ቀስ በቀስ ራሱን በአምባገነኖች ሰፈር አስገብቶአል. ዛረ በየቦታዉ የሚታየዉ ግድያና አፈና የዚህ ምልክት ነዉ. ተስፋ የመቁረጥ ምልክት!
የፈለገዉ ሁሉ አምባገነን መሆን አይችልም፡ የሁነታዎች መገጣጠምና ሃይል አሰላለፉ ወሳኝ ሚና ይኖራቸዋል. ለምሳለ ደርግ አንድ አመለካክትና አላማ የነበረዉ የጦር ሃይል ክበኻላዉ ነበር. ወያነም እንደዚሁ የራሱ ወታደር ነበረዉ. ከዚያም አልፎ ትናንት ዛረ አይደለም፡ የህዝቡ የንቃተ ህልና ደረጃና የተክኖሎጂው ማደግ ለአምባገነንነት አሉታዊ ተጽኖ አለዉ.

ይህን ሁሉ ሳመዛዝን ዶር አቢይ አምባገነ ሆኖ ኢትዮጵያን ሊገዛ አይችልም ወደሚለዉ ድምዳመ ይወስደኛል. ለጊዘዉ አያስቸግርም ማለት ግን አይደለም. ምክንያቶቸ ከላይ የነካኋቸዉ ናቸዉ. የወታደሩ ሁነታ የተክኖሎጂዉ እድገት የህዝቡ ንቃተ ህልና ለአምባገነን አስተዳደር አመቺ አይደሉም. በዚያ ላይ ዋናዉ ቅራነ ወደ ብሀር ቅራነ ማተኮሩ፡ የታጠቁ ሃይሎች በያከባቢዉ መፈጠራቸዉ፣ የወጣቱ ስራ ፈትነት ሁሉ ተደማምሮ ሊታይ ይችላል.

ታዲያ ምን ሊሆን ይችላል?ምንስ ማድረግ ይሻላል?

በዚህ ከቀጠለ በቅርብ ጊዘያት የምናየዉ ከዚህም የበለጠ አፈናና ግድያ ነዉ. ቀስ በቀስ ግዲያዉ ባንድ በኩል ብቻ መሆኑ ቀርቶ ወደ መገዳደል ደረጃ ይደርሳል፡ መንግስት ባገሪትዋ ላይ ቁጥጥር ያጣል. በዘና የሰማናቸዉ የነ የመን ሶሪያ ሁነታዎች ባገራችን ይፈጠራሉ.ምናልባትም የዛረዋን እትዮጵያ በዚህ ቅርጽዋ ላናይ እንችላለን. ያገር ላኡላዊነት የሚሉሉት ጩሀቶች ብቻ በቂ አይሆኑም.
ምን ማድረግ ይሻላል? . ይህን ሰናርዮ ማስቀረት ይቻላል? የነ መልስ አዎ ይቻላል ነዉ. ብዙ የሚደርግ አለ. ድርጊቱ ከያንዳንዱ ድርሻዉን መወጣትን ይጠብቃል. ትልቁን ድርሻ የሚወስደዉ ግን መንግስት ነዉ. መንግስት ነዉ እያፈነ፡ እየገደለ ያለዉ. የግድያዉና አፈናዉ መቆም ለመፍትሀዉ ጥሩ ጅምር ሊሆን ይችላል.አቢይ ቆሞ ማሰብ አለበት. ወደደም ጠላ በሃይል መግዛት እንደማይችል፡ ማመን አለበት. በኦሮሚያ ዉስጥ የሚካሀደዉን ጦርነት የፈጠረዉ ኦፕዲኦ ነዉ. ክሁሉ በፊት ይህን ማቆም አለበት. ሰዉ ማለቅ የለበትም. በተጨማሪም ስለ ህገመንግስት ማዉራት ትቶ ከትፎካካሪ ሃይሎች ጋር ለመደራደር ዝግጁ መሆን አለበት. ለላ ለምርጫ የሚቀርብ የለም

ተፎካካሪ የፖለቲካ ድርጅቶችና ህዝቡ ብዙ ይጠበቅባቸዋል. ሊመጣ የሚችለዉን እሳበ ዉስጥ በማስገባት ተጽኖ ማሳደር መቻል አለባቸዉ. በሚቻለዉ መንገድ ሁሉ ሰላማዊ ሰልፍ ሳይቀር ተቅዉሞ ማሰማት አለባቸዉ. የመንን ወይም ሶሪያን ከማየት ይልቅ ለኮሮና የወጣዉን ህግ ጥሶም ቢሆን ተጽኖ ማሳደር ሳይመረጥ አይቀርም.

Mekbib Gebeyehu


‘Shaneen Nama 700 nurraa ajjeefte’ hogganaa Biroo Bulchinsaa fi Nageenya Oromiyaa.

Dhugaadha. Shaneen ammas milishaa, poolisii addaa Janjaweed fi nama nyaataa RIB haalelu itti fufa.

Poolisiin Addaa akka ummatatti goran, bilxiginaa akka isaan hin baafne ammas gorsun itti fufa. Hanga isaan jijjiramanitti garuu haalelun itti fufa.

Qaama Janjaweed kan ummata shororkeessuf bobba’e lolaratti du’e gabaasni Amnesty hin eerre jedhani bo’uun hin taatu.

Amnesty “wataadara” Nafxanyaa fi Neonafxanyaa otoo ummata darartu ajjeefamte eeruf dirqama hin qabu. Dirqamni isaa Haadholi, ijoollee, namoota nagaa qamoota shororkeessaa mootummaatiin ajjeefaman gabaasudha.

Shaneen ammas qaama ummata shororkeessuf bobba’e ni haalela.

Biyya Oromiyaa


Gabaasa Amnesty International ilaalchisee deebiin namichi Jibriil Mohaammad jedhamu MNO bakka bu’ee kenne qoosaa fakkaata. Oromoo “Shanee” jennee yoo ajjeefne akka rakkootti nu jalaa laalamuu hin qabu ergaa jedhu dabarsuuf yaale. Ummanni gabaasa kanaaf gurra kennuu dhiisee Bilxiginnaa guyyaa guyyaan ilmaan isaa hiitu, darartuu fi ajjeeftu akka deeggaru waamicha dhiheesse. Ajaa’ibuma. Nama ajjeesanii bineensa nyaachisaa na deeggaraa jechuun kun baruma Bilxiginnaa kana dhufe.

Gabaasa dhaabbanni beekamaan kun qorannoo fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee qopheesse akka galteetti fudhatanii qabiinsa mirga namoomaa fooyyeessuuf karoorfachuun osoo irraa eegamu yakka raawwatameef qaamota mormituutti quba qabuutti jiru.
1. Gabaasicha miseensota ABOtu qopheesse jedhe. Oromoo maqaa “Shanee” jedhuun ajjeesaa turan, ragaa Amnistiif kennitan jechuun yakka dabalataa ummata nagaa irratti raawwachuuf MNO ammas waan fedhii qabu fakkaata.

2. Sababa jijjiirmaatiin dhiittaan mirga namoomaa raawwatame jedhe. Jijjiiramni gidiraa Oromoo irraa dhaabsisu yoom dhufe? Jijjiirama nugusaa malee jijjiiramni sirnaa yoom dhufe? Maqaa jijjiiramaatiin nama ajjeesisuu fi hidhuun biyya kamitti fudhatama qaba?

3. Yakka mootummaan guyyaa saafaan ummata nagayaa irratti raawwataa jiru “Shaneetti” sababeeffachuu yaale.

Dhugaa hadhooftuu!

– Bilxiginnaan jaalattus jibbitus gabaasni kuni shiraa fi sharrii Abiy saaxileera. Abiy fakkeessituu ta’uu addunyaan guutuun irratti bartee jirti. Haqxi Oromoo immoo ifa baatee addunyaa wal geettee jirti. Gabaasa san wabii godhachuun miidiyaan gurguddoon beekamoon heddu gabaasanii jiru.

– Dhaadannoon Abiy “Faranjiin na waliin jirti” jedhee dhageessisaa ture bishaan dhuge jechuudha. Maallaqni inni faranjii irraa argachuuf abdate kana booda gaaffii keessa galeera. Hawaasa addunyaa sirriitti hubachiisuuf hojiin diploomaasii dabalataa hojjatamuu qaba.
– Oromoo maqaa “Shanee” jedhuun ajjeesuun fudhatama hin qabu. Oromoon hundi Shaneedha. Akkuma sirnoota darbanii Oromoo maqaa itti baasanii rukutuun itti fufuu hin qabu. Oromoon tokkummaasaa cimsatee roorroo ofirraa qolachuu qaba.

Husen Tura