Aadde Maammituu: Daldaltuufi sabboontuu cimtuu

Aadde Maammituu: Daldaltuufi sabboontuu cimtuu

(press.et)—-Arjaa harka bal’oo, sabboontuu onnee taliilaa, tan gaafa sabnishii rakkate dursitee birmattu  kabajasheef osoo hintaane kan Oromootiif halkaniif guyyaa dhamaatu hojiishee hunda keessatti eenyummaasheef kan dursitu fakkeenya dubartootaati.

Ilmaan qonnaan bulaa irraa dhalattee hojii daldalaatiin dursitee mul’atte, kutannoofi murannoon jiraannaan bakka yaadan gahuun akka danda’amu agarsiiftee daandii haaraa saaqxe.

Hindanda’amuu dandeessee, harka dheeraa osoo hintaane kaayyoo dheeraa qabattee imala milkii eegalte.  Shiroofi paastaa gurguruun daandii jireenyaa kan eegalte har’a haadha mana nyaataa filatamaa ta’uu dandeesse.

Bu’aa malee gaafa tokkos kisaaraa yaaddee kan hinbeekne dubartiin tun, gufuuwwan xixiqqoo hojii keessatti muudatan hunda moo’uun imallishee akkuma milkaa’etti jira.

Konteeyinara meetira walakkaa ta’e qarshii kuma lamaafi 500n bitattee hojii kan eegalte keessummaan teenya isheen har’aa Aadde Maammituu Makuriyaa, yeroo ammaa kana Hoteela abbaa urjii shanii ijaaruudhaaf karoorfatteetti.

Dubartii fakkeenyummaa roga hedduu qabduufi milkaa’ina hojii sabboonummaan walsimsiiftee bu’a qabeessuumaashee firaaf alagatti mul’ifte tana seenaashee dhiheessuun immoo kan akkashee hedduu horachuuf kan gargaaru waan ta’eef seenashee hamma tokko irraa qoshorre dhiheessuuf dirqamneerra.

Aadde Maammituun dhalatanii kan guddatan Lixa Oromiyaa Magaalaa Ayiraa yemmuu ta’u, hojii daldala kan itti eegalan garuu Handhuura Oromiyaa Finfinnetti. Gaafa cidha namaa deemanii hojii nama gargaaruu hedduu jaaalatu turan. Sababa kanaafis namoonni hedduun gaafa qophii wayii qabaatan  namni isaan jalqaba waammatan Maammituu ture.

Yeroon booda immoo cidhaafi walga’iiwwan garagaraatiif nyaata manatti qopheesuun qarshii xiqqaadhaan dhiheessuu eegalan. Kunis egereen isaanii garamitti akka adeemuuf jiru kallattii itti akeeke.

Kun kanumaan osoo jiru immoo bara magaalaan Finfinnee Kantibaa Arkaba Iqqubayiin bulaa turte suuqiwwan xixiqqoo konteenaraan ijaaranii  dargaggootaa dabarsuun duula cimaa ture.

Ganama hojiidhaaf kan dhalataniifi yeroo hunda fageessanii kan yaadan Aadde Maammituun carraa kana ofirra dabarsuu hinbarbaanne. Sabbatasaanii duwwaatti hambisanii suuqii konteenaraa meetira wallakkaa hingeenye qarshii kuma lamaafi 500n bitatan.  Hojii fedhii ittiin horatan nyaata xixiqqaa akka shiroofi paastaa itti hojjachuu eegalan.

Dubartiin mana cidhatti tolaan qophii nyaataa irratti humnasaanii osoo hinqusatin dhama’aa turan yeroo gabaabaa keessatti maamila horatan. Guyyaa guyyaan qarshii 200 argachuun immoo hedduu gammachiisee fedhiisaanii dabalee daranuu ol guddise.

Yeroo gabaabaa keessatti  hojiin mana Arkabaa(konteenaraa) adda hindaaqqoo hingeenye keessatti eegalame gara lafa indaaqqoo balaliisuu danda’uutti  tarkaanfatee milkaa’ina gonfate.

“Intalli bar jette baariin hin hanqattu” akkuma jedhamu Aadde Maammituun fagoo yaadanii achi ga’uuf immoo yeroo gabaabaa qofa itti fudhate. Osoo shiroof paastaa konteenara keessatti gurguranii waan argatan sabbata moofaa keessatti dhokfachuudhaan nama mana guutuu qarshii kuma 12n kireefatu ta’an.

Abjuun dubartii cimtuu tanaas karaa walakkaa imaltee gara isaanitti dhihaatte. Fagoonis dhihaattee hintaatuunis taatee argamtee milkii biraa akeekte.

Jaalalaafi ariitii hojii bal’atti seenuuf qabanirraan kan ka’e mana guddaa sana kireenfatanis wanti hundi mijataa hinturre. Gaafa jalqaba mana sanatti hojii eegalan hoolota muraasa bitanii yommuu qalamtu, meeshaan foonichi itti affeelamu garuu mana hinturre. Erga hoolaan bitamee qalameen booda meeshaan akka hinjirre yaadatanii ariitiidhaan Markaatoo deemuudhaan meeshicha bituun mana walqixxeessuusaanii akka muudannoo hojii yeroo hunda hindaganneetti ibsu.

Fuuldurri isaanii ifaa, milkiin milkirraan dhufaa Aadde Maammituun dur jiruu dhuunfaa moo’achuuf dhama’an gara “Maamii” ijoollee Oromoo hedduutti tarkaanfatan. Buddeena ofirra darbanii dargaggoota hedduuf buddeena baasan.

“Cal jedhee yeroo hunda hojjachuu malee qarshii meeqa akka qabu yaadee hinbeeku” kan jedhan Aadde Maammituun, Oromoon dinagdeedhaan boodatti hafuunsaafi keessattuu handhuura Oromiyaa keessatti manneen nyaataa Oromoo dhabamuusaatti hedduu akka gaddan dubbatu.

Kanarraa ka’uudhaanis karoorrisaanii hundi jalqabarratti Finfinnerratti akka xiyyeeffatuufi kunis dhimma daldalanii bu’aa buusuu duwwaa osoo hintaane, dhimma abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irraa qabu mirkaneessuu akka ta’e xiiqiidhaan ibsu.

Hojiin mana Konteenaraa dhiphoo keessatti dubartii yaada bal’aa qabduun eegale kun immoo  mana kiraa kuma 12 bira gahee osoo hedduu hinturiin darbii ol aanutti ol darbame.

Mana kiraa qarshii kuma 12 irraa gara gamoo guddaa ji’aan birrii kuma 300  kanfalamuutti  ce’anii imala milkaa’inaas ol butatan. Gamoon guddaafi bareedaan manni nyaataa kun irratti kireeffame immoo Bataskaana Lidataa fuula duratti kan argamuufi darbii 4ffaafi 5ffaa kan dhuunfateedha. Iddoonsaa xiqqaa fakkaatus kutaawwan nyaata aadaa garaa garaafi ‘VIP’ mimmidhaagoo ta’an  gamoo sanaaf midhaagina addaa kenneera.

Wanti nama ajaa’ibu garuu, kiraa darbiiwwan lameen kanaatiin alatti midhaagina mana nyaataa kanaaf meeshaalee qaqqaalii itti guuttamaniif qarshii miiliyoonni tokko baasii ta’uusaati.

Manni nyaataa kunis Kakuu Maammee 2ffaa kan jedhamu yemmuu ta’u, inni jalqaba hojiin itti babal’ate Kakuu Maammee laakkofsa tokko kan jedhamuufi naannoo Gulalleetti kan argamuudha.

Aadde Maammituun Konteenara qarshii kuma lamaafi 500n bitanii hojii eegalan, har’a  ji’atti kiraa manaa qofaaf isa tokkoof qarshii kuma 300 isa kaaniif immoo qarshii kuma 25 kanfalaa jiru.

Dubartiin hojiisaanii akka lubbuutti jaalatan tun gaafa Oromoon diinaan buqqa’us hunda dursanii achitti argamuudhaanis  nama ittiin gitu hinqaban.  Nyaata mimmi’aawaa maamiltootaaf hojjatanii fiduun ummata qe’erraa buqqa’ee akaawwiin dharraa itti ta’e dhandhamsiisaniiru. Deessuuf marqaa marquun sammuu irras dhadhaa ka’aanii buqqa’uusaanii akka hin yaadanneef bira dhaabataniiru.

Daldaltuu cimtuu, sabboontuu, kallattii hundaan tattaaffattuu kan ta’an Aadde Maammituun, milkii hanga ammaatti jiru qophaasaanii osoo hintaane sabasaanii waliin dhandhamachaa Hoteela abbaa urjii 5 ijaaruuf piropozaala qopheessusaanii eeru.  Namni kaayyoo qabuufi gufuuwwan xixiqqaaf hinjilbiiffanne bakka yaade ga’uu akka danda’uuf immoo ragaan isaan caalu hin argamu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.