Aadde Birhaanee Beekaatiin hiriira Waashingitan DC’tti maaltu isaan qunname?

Above Single Post

Aadde Birhaanee Beekaatiin hiriira Waashingitan DC’tti maaltu isaan qunname?

Aadde Birhaaneen ‘Ethiopian Diaspora Trust Fund (EDTF)’ keessatti itti – gaafatamtuu naannoo Waashingitaniiti

Hiriira deeggarsaafi mormii guyyaa kaleessaa (Kamisa) biyya Yunaayitid Isteet magaalaa Waashingitan Diisii keessatti taasifame irratti Aadde Birhaanee Beekaa poolisiin to’annoo jala oolanii turan.

(bbcafaanoromoo)—-Dubartiin hiriirota garaa garaa waggoota muraasa dura eegale qindeessuun beekaman kuni hiriira sana gama lamaan jiru fesbuukiin kallattiidhaan dabarsaa turan.

Haa ta’u malee, rakkoon gidduutti isaan qunnamee ture. Maaltu ta’e? Aadde Birhaaneen eenyu? Hiriirri duriifi ammaa garaagaraa waan jedhuufi kaan irratti har’a ganama dubbisneerra.

Gaaffiifi deebiin kuni gabaabinaan akka armaan gadiitti dhihaata. Itti dhihaadhaa.

Kaleessa maaltu dhalate?

Sababumtu jalqaba lafa hiriiraa sana dhaqeefi gabaasa gaazexessaan BBC na gaafate itti himuufi.

Bakka lachuuyyuu gabaasa kennaan ture. Otoo kennaa jiru gama warra mormuudhaaf bahe keessaa jechoota nu arrabsaniin nu arrabsuutti jalqaban. Ani obseetuman gabaasaa ture.

Ani itti hin qaanofne. ‘I am proud to be OLF, am proud to be Chaltu,’ jedheetuman gadi qabee ittuma dhiise.

Garuu, isa ani isaan tuffadhe isa ani ‘am proud…’ isaan aarseeti akkuma bofaatti na reebutti as deebi’ani jechuudha.

Isin rukutanimoo maali?

Eeyyee. Na rukutani. Garuu, deebi’anitimmoo nu reebde jedhani na himatani. Ittu na hiisisan jechuudha.

Viidiyoo sana irratti yeroo poolisiin isin qabu mul’ata. Maaltu ta’e ergasii?

Gatii na rukutaniif mana yaalaa deemuun qaba jedheen mana yaalaa deeme. Ilaalamee booda mana sirreessaa na geesani.

Kana dura himannaanis yakkis na irra (kan kanaan dura galmaa’e) waan hin jirreef deebisani na baasani. Guyyaa biraa (Hagayya 22, 2019) mana murtiitti akka dhihaadhu na beellamani na baasani.

Isa namoonni na rukutan jettaniif himachuu hin yaadnemoo maali?

Egaa ani poolisiitti himeera. Gaafa mana murtiitti dhihaadhu abukaatoo qabadheetani akkatti dubbiin ka’e akka isaan na rukutani ittan hima jechuudha.

Namoonni yeroo rakkinni dhalate arganis osoo ‘inbox’ naaf gootan gaariidha. Akka seera Ameerikaatti dursee kan rukutetu yakkamaadha. Garuu, ani hin rukunne.

Poolisiinis gaafa ati gabaasa gootu si argaa turre kan jedhu deeggarsa naaf kennaa turani. Ani ittan qophaa’a.

Caaltuu Caaltuu jechaa turani. Caaltuun maqaa keessanimoo maali?

Caaltuun isaaniif arrabsoodha. (kolfa…) Maqaan koo immoo Birhaaneedha. Garuu, Caaltuu jedhani xiqqeessuu, tuffachuu isaaniiti akka isaanitti.

Kan akkana jedhe dubartiimoo dhiiradha?

Kan jalqabe dubartiidha isa booda harkumaa fuudhani jedhani.

Na rukutani jettan. Maaliin isin rukutani?

Harkumaan na rukutani.

Isin eenyudha? Tarii, namoonni waa’ee keessan baruu barbaadu.

Ani Birhaane Beekaa Galatoo jedhama. Dhaloonni magaalaa Ambooti. Erga biyya kana (Ameerikaa) dhufe gara waggaa 16 ta’uuf deema. Asumattan ijoollee afur godhadhe.

Yeroo baay’ee hawaasa Waashingitan Diisii keessatti bakka adda addaatti tajaajilaan ture. Qabsoo Bilisuummaa Oromoos karaa hedduun deeggaraan ture.

Ani deeggartuu dhaaba ABO’ti. Kana dura qooda biraallee nan qaba ture.

Bakki ani itti hojjedhu (yeroo ammaa) itti gaafatamtuu kutaa herreegaati. Akkasumas bizinasii mataakooti qaba.

Booda kana immoo, A.L.I bara 2010 as, Itoophiyaa dhiiga Oromoon ijaaramte waan namni nutti dhaadatef jibbuu osoo hin taane dhuunfannee, Itoophiyaa bira darbinee Baha Afrikaa ijaarree ceessisu qabna yaada jedhu irratti hojjetaan jira.

Ummata Itoophiyaa kaan waliin dhimma kana irratti kan hojjetu anadha. Walii gala, qabsoo, hawaasummaa, mirga namoomaa keessattis dura deemtuudha.

Ani dhaaba siyaasaa mataakooti nan qaba. Garuu, kan biyya sana keessatti hojjetan baay’ee nan deeggara. Kan Oromoo keessaa kan ani hin deeggarre hin jiru.

Ani jijjiirama biyya sanaa nan hawwa gatii ta’eefi baay’een achi irratti hojjedha.

Kanneen waan Oromoo hojjetan Maccaa Tuulama dabalatee koree adda addaa keessatti gahee nan qaba. Ittan gammada.

Erga kaleessa rakkoon suni dhalate as namoonni maal isin jedhan?

Namoota hedduutu miidiyaa hawasummaa irratti ergaa naaf erge. Hedduutu miseejii naaf erge. Keessattuu, ummata Oromoo baay’een dinqisifadhe, baay’een itti boone.

Ummata Oromoo qofa miti, ummata Itoophiyaa kan biroos ergaa naaf erganiiru. Namoota waan hin taane raawwatanif jettee waan saba kanaaf hojjettu akka nurraa hin dhaabne jedhanii ergaa isaanii keewwatu.

Keessattu saba kootti baay’een boone. Ani hin eegne. Namni biyya kanaa yeroo hin qabu. Waan ta’e dhagahu quba qabu jedhee hin yaadne garuu manas, bakka itti hidhames hedduummatani dhufani.

Tajaajiltuu ummataa ta’u koo irratti baay’een gammade. Bagan manatti, golatti, ijoollee koo afur qofaa tajaajilutti baga hin hafin.

Baga ummata tajaajile. Deeggarsa ummataa arguun jabina guddaa naa kenne.

Kanaan dura hiriira qindeessaan ture naan jettan. Mormiin dur tureefi kan ammaa gargarii? Maal hubattan?

Mormiin dur ture, diinni keenya tokko jennee waliin dhaabbachaa turre. Kan ammaa garuu wal adda.

Hiriira har’aa (Kamisa, har’a ganama dubbifne) dur waliin qopheessina. Amma, yaadni keenya, ilaalchi keenya gargar baheera.

Kaan akka diinaatti, kaanimmoo nu gowwomse (MM Abiy) jedhu. Nutimmoo, qabsoo ummataa wallaalanii (hoggantoonni) miti jennee amanna. Haala isaatu haala rakkisaadha jennee fudhanna.

Kan deeggaruutu caala. Keessattuu garee warra ‘ABIN’ fi ‘Baaldaraas’ jedhamanitu gara balaaleffannaa kanatti jira.

Garaa caalu, kanaan dura, biyya alaa kanatti kanneen mootummaa morman ni baay’atu. Isin osoo MM Abiy gara aangootti hin dhufin dura gahee akkamii qabdu turtan?

Osoo MM aangootti hin dhufiin hirmaachuu duwwaa osoo hin ta’in qindeessituu mormituun ture.

Garaattillee baadhee ummata Itoophiyaa waliin qindeessee mormii taasisaa ture.

Wanti amma MM Abiy deeggaruufi jijjiiramni kuni qabsoo bara dheeraa ijoollee keenyaan dhufe waan ta’eefi.

Jijjiirama nuti arguu feenu ta’u baatullee kan keenya keessa jira. Isas kununsiifanneetu isa gaarii hawwinu sanatti darbuu qabna jennee kan jijjiirama kana deeggaraa jiruf. Ammas gara fuulduraatti ittan fufa.

Keessattuu bilisummaan siyaasaa waan guddaadha. Ummanni Oromoo qofaa isaatti bilisummaa siyaasaafi diinagdee argate jiraachu hin danda’u biyyi sun qixxaattee waliin guddachuu qabna jedheen yaada.

Duratti deeggartuu dhaaba ABO’ti naan jettan. Mee asuma irratti gaaffii tokkoon isin gaafadha. Rakkoo Lixaafi Kibba Oromiyaa mudataa jiru irratti yaadni keessan maali?

Yeroo MM biyya Itoophiyaa bulchaa jirutti Oromoon silaa meeshaa qabate daggala keessa jiraatu kan adamsamus, kan adamsuus jiraachuu hin qabu jedheetan fudhadha.

Jarri keenyallee gaafa biyyatti galani waan anaaf ifa hin taanetu jira. Maal irratti walii galanii galani. Isatu anaaf ifa hin taane. Silaa walii galani, biyyatti tasgabeessani akka bulchaniin fedha.

‘Ethiopian Diaspora Trust Fund (EDTF)’ keessa gaheen keessan maali?

Ani ‘Ethiopian Diaspora Trust Fund (EDTF)’ keessatti itti – gaafatamtuu naannoo Waashingitaniiti. Chaaptara jedhama. Natu chaaptara kana Waashingitan keessatti dhaabe.

Namoota garaa garaa walitti qabee akka isaan deeggarsa dolaaraa waamichi MM Abiy taasisef godhan gochaa jira. Sana irrattis, ummata itoophiyaa kaan waliin baay’een hojjedha.

Dhimma Itoophiyaa kana irratti karaa baay’een nan hirmaadha. Garuu, namoonni muraasa ta’an jibbinsa sanyummaa agarsiisuu isaanitti ofii kootii hin aaru, garuu isaaniif baay’ee nan gaddaafi.

Gahee hojii kanaan milkooftaniittuu?

Asirratti kanin sirritti himuu qabu Oromoon dirqama baay’ee irraa fudhachaa hin jiru. Lammaffaa, adeemsicha siyaasa biyya keessa ta’aa jiru waliin wal qabsiisani.

Keessumaa yeroo namni Laga Xaafoodhaa buqqa’aa ture namoonni baay’ee namni baay’ee buusiisaa dhaabe, kan buusellee fudhachaa ture.

Ammammoo, deebinee ol kaanee jira. Amma gara dolaara miiliyoona 4.4 ol walitti qabnee jirra.

Guddaa galatoomaa Aadde Birhaane

Galatoomi atillee.

Below Single Post