Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Gaanfa Afirikaa

Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Gaanfa Afirikaa

Abbaa Maccaa D

Welcoming the Oromo Patriots (Gelemso, May 10, 1975). In Autumn 1974 , a handful of Oromo nationals founded the first guerrilla unit of the Oromo Liberation Movement and launched its operation in Carcar Mountains of West Harerghe.

Qabson Bilisummaa Oromoo(QBO) bifa hammayyomadhaan erga jalqabe wagga shantama lakkofsiisera. Gannoota kana cufa keessatti, ilmaan Oromoo qaqaroon kumataa heedduudhan wareegaman, qama hir’atan, qee’een itti diigame, qabeenya itti barbaada’eera. Nama Oromoo qulqulluu ta’ee goodannisaa ykn madaa kan of irra dhabee jira natti hin fakkatu. Waraana Bilisummaa Orimoo(WBO) fi Dabballee  ABO kuma afurtama ol(40,000) mootummaa cee’uumsa seene keessaa namni lubbun hafe jiru heedduu heedduu xiqqadha. Irraa caalaan isaani lola mootummaa cee’umsaa sana booda ta’een wareegaman.

Bara 1993 boodas, Oromoon wareegama hadha’aa dhandhamatama jira. Addatti 2014 kaasee duulli qinda’a fi  dhawata guutummaa, Oromiyaa irratti taasiifama jiru addunyatu beeka. Tarsiimoo fi tooftaa addan 2017 guutu osoo addaan hin citin warannii qinda’aa fi dhawata daangaa Baha, Kibba Baha, Kibba, Kaabaa fi darbe darbe Dhiha Oromiyaa irratti deemsifama jira. Giddu galeessaa(Badda Oromiyaa) irran immo hidhaa, ajjechaa, reebichaa, saamichaa fi gara balesseuti human tika Adda Bilsabaasa Ummata Tigiraayi(ABUT)n geggeffama jira. Duula kana keessatti Oromoota kuma dhibba torbaa oli(700,000) qee’e fi qabeenya  isani irra buqqisani  man-dhabde taasiisan. Namoota kumatama baay’ees ajjesan. Qabeenyii lakkofsii isaa hin beekamne heeddun barbadeessan fkn oiruu fi mannen jireenya ibiddan daaressan, kaan immo saaman. Waraana kana keessatti biyyonni olla Oromiyaa; Jibuutii, Sumalee Laandii fi Sumaliyaa  karaa garagara qooda keessa fudhatan. Kanaaf ragaan waa heeddutu jira. Isaan keessa murasi: waraqaa ragaa boji’amtootaa harkatti qabame faadha. Waraqaan raga waraana boji’ame kunis  sab-qunnamtii hawasaa kana gubbaa naannefama ture.

Dubbatan Mootummaa Naannoo Oromiyaa(MNO) ob. Addisuu Araggaas  Raadiyoo sagalee Amerikaa irratti ifa fi bilisaan waranni qinda’an boji’ame kun biyyota Afaan Sumalee dubbatan keessatti leenji’ani duula kana kaasan dubbate ture. MNO waraana kana irra ka’un ejjennaa siyasaa isaani jijjiruuf  ijjibani ille hamma ammatti murtoo irra hin ga’in jiru. Dhabbati Dimokiratawaa Ummata Oromoo(DHDUO)n akka jaarmiyaa siyaasaa Oromootti ejjenna dhaabbata dhabudhan QBO fi ABUT giddu furguggee xabachaa jiru. Amajjii 2018 kanatti ammo tooftaa fi tarsiimoo addatiin   ABUT sadarkaa garaagaratti waranaa kaasuuf deemaa waan jiru fakkata.  Kanaas muddama keessa jiraan irra ka’un QBO hundetti googsuuf abbala jiru. Tarii yoo lolli kun dhugoome kan ittin QBO dhabamu osoo hin taanee ABUT dhabamtu ta’a.

Adda Bilisabaasaa Ummata Eritiriyaa fi Adda Bilisabaasaa Ummata Tigiraay

Battala QBO hudhee morma isa qabutti ABUTn gaafa mara  Adda Bilisabaasaa Ummata Eritiriyaa (ABUE) ykn Shabiat hadheessa ture, bara1998 kaase. Isa dura jaala qabsoo turan. Lolli ABUT fi ABUE giddutti kan maddeef seenan isa gadi fagoo ta’u ille olantummaa Nama Afaan Tigirinyaa dubbatu  Baha Afirikaa keessatti dhugoomsu ture. Anatu  sirra humnaa fi gita itti qaba keessa dirreetti wal-baafatani. San booda lolichi qabaa isaani keessa ba’e akka hin furamnetii gudunfame jira. Wal-dorgommin sun lolaa kaasuu bira darbe wal-kuffisu ykn wal-dhabamsiisu ta’a jira.

Kanaaf gaafa mara ABUTn rakkoo keessaa isaa fi Qabsoon Saboota cubquurfamoo isarran ga’an hunduumaaf ABUE yakka.Yeroo adda addaatti humna fi dandetti wali dirretti ba’ani walitti agarsisunis inuma jira. Yoo xiqqate waggatti lolli daangaa ABUT fi ABUE irratti yeroo tokko ni adeemsifama. Waraana sadarkaa garaagara fi meeshaa waraana jabaanaa biyyaattin qaba jettu dhibbantaa sagaltama(90%)tu daangaa Tigiraay irra qubsiifame jira. Baajatii biyyaattis walakkaa ol waraana ABUTf ramadama. Hospitaala, dirre leenjii fi maashinoota waraanaa addaa addaatu daanga sanarratti ijaarame jira.

Yeroo garagaraatti ABUT lola kaasuuf ABUE irra sababa barbaada jira. Bara 2016tti lolli yeroo gabaabaaf jalqabe adda cite. Kara mana maree nageenyaa addunya qoqobbitu ABUE irratti tuulama jira. Mootummootaa fi biyyota Baha Afirikaa keessatti isaan jibbisisuuf ijjibata dhuma ABUTn godhe keessa  inni ijoon, Intergavernmantal  Asocation on Developmant (IGAD) keessa dhiibani moggassun baasan. Kanaaf ABUE biyyota olla akka Jibuutii fi Sudan wajjin dhibde daangarra isaan qaban sadarkaa guddatti ol kaasuuf ABUTn tattaffi jabaa gocha jira. Shira kanaas kara wahillotan isaanitin gama Araba legue galchani akka ABUE ija shakkin ilaalamu  ykn rakkisuu irratti halkaani fi guyya ABUTn tattaffata jira. Lola ABUEn daangaa Jibuutii fi Sudan  irra qabu harka lafa jalaan kan kakaasu ABUT dha. Odeeffannoo isaas kan addunyaatti tamsaasu ABUT fi wahillan isaaniti.

Shira kanaanis waggota kudha shanif haala mijata ittin sochi siyaasa Godinicha to’atan ummatani turani. ABUTn sochii mormitoota isaa fi humna tika ABUE biyyota olla akka Jibuutii, Sumalee Laandii,  Sumaliyaa fi Kenya keessan to’ata jira. Kanaaf sochiin galanaa Indiyaatii hanga Chad ABUT dhan to’atama ture waggota kana maraaf. Kana irra ka’uun qabsoon sabootaa keessattu qabsoon hidhannoo dadhabuu bira darbe jiraachuun isayyu shakkama dhufe. ABUEnis akka humna hin qabnef mo’ametti amanama dhufe. Moormitootni ABUT fi humni tikaa ABUE marfama jaba kanaa keessatti ijjibatani ille waggota kana mara keessatti cabsani ba’u hin dandeenye. Muuxannoo fi Gaaddisa Garbummaa ABUTn Baha Afirikaa irra dhaabe gadi fageesse xinxaaluudhan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) tooftaa fi tarsiimoo QBO 2011tti haaressuuf dirqame. QBO bara 2002 kaasee fincila Diddaa Garbummaa ( FDG) godinoota garagaraatti jalqabe sana  jaarmiyaatti ol guddisuun QEERROO BILISUMMAA OROMOO (QBO) hundesse.  QBO qabsoo hidhannoo maleyyii moora barnootaa cufa keessatti fininsu egalan.

ABUTn waranaan biyya waan dhuunfateef afaan qawwee malee qabsoo hidhanno maleyyii(QHM) hin beeku. Kanaaf QHM ABUT keessattis ta’e godina Baha Afirikaatti jijjirama siyaasaa fida jira. Kanaaf ABUE fi QBO dukkana hamaa ittin marfaman sana keessaa dhidhitatani  as ba’a jiru. Harra ABUE michummaa fi malalafannoo biyyota baayyee argitee hin beekne argachaa jira. QBO sadarkaa abdachiisa irra ga’e jira.  Qabsoon Oromoos  dhimmota addunyaa kana ta’e gola mootummota gamtoomanitti mari’atama jira. Kana cufa kan fide tooftaa fi taarsiimoo haaraa QHM Qeerroon as baase dha. Sadaarkaa harra QBO irra ga’e irratti ABUT murtoo egeree isa murtessa jedhe yaadu murtessuuf deema jira. Innis: 1 ABUE wajjin araaramani bakka isaani 1991tti deebi’ani nagaan walin jiraachu.  2 Yoo ararri dadhabame ABUE ango irra buuasani jaarmiyaa bira bakka isaa buusani haariroo yeroo bosonaa fi firumma dhiigaa Eritiriyaa wajjin qaban cimsachu.

Tarsiimoo kana kan dhugoomsaan koree tokko qindessani jiran. Irra heeddun miseensoota koree kanaas qabsa’oota ABUT gameeyyi amma soramarra jiraanif namoota firumma dhiiga hoggantoota ABUE wajjin qaban faadha. Eritiriyaa kan bakka bu’anis koreen namoota murta’a qabu, Finfinnetti tolfamera. Jilli jalqaba Sadaasa 2017 hotela Aksu Finfinnee jirutti wal-ga’ii qabate ture. Jilli bira biyyota Arabaa keessatti akka wal-argu murta’era. Sana booda jilli dhalattota Eritiriyaa fi Tigiraay qofa biyyota Dhihaa keessatti  akka wal-mari’atu karoorse jilli Finfinne sun. Araaraanis ta’e waraana ABUE wajjin wal-ta’u ykn dhabamsiisu ejjenna jedhu dhalattotni Ttigiraay itti wali galaniru. Gama ummata Eritiriyaan waanti ifa ba’e dhibu iyyu heeddun isaani quba qabu. Keessattu investeroonni fi dureeyyin Eritiriyaa Shaggari fi Baha Afirikaa keessa jiran akka yaadatti waan deggeran fakkata.

Misirii fi Sudan

Misirii fi Sudan hariroo fi dhibdee heeddu of keessa qabu.Sudan kolonii, Misir jala turte. Amantii tokkicha qabu. Waliif olla dha. Yeroo rakkinaa fi ballinatti wal-waammatu. Daldala, investimeentii fi hayyota siyaasaa fi amantii waloo qabu. Waanti, Misir keessatti ta’u, Sudan keessatti ni mullata. Wanti, Sudan keessatti ta’us, Miris keessatti dhiibba umu qaba. Laman isaani iyyu Arab Legue keessa jiru. Wanti biyyota kana laman keessatti godhamu biyyota Arabaa keessatti dhageetti qaba. Hata’u iyyuu malee wal-dhibdees ni qabu. Innis dhimmaa daangati.

Sudaan yeroo baay’ee Misir daangaa koo sarbitee jechuun himatti. Misir lafa qonnaa fi gabbataa barbaacha gara kibbatti gadi buutee daangaa, Sudaan biyya ishee keessa olfatti. Kanaas kan, Misir gochuuf dirqamtuf dhimma jirachuuf dhabamuti. Biyyi Misir gaammojjii hamaa sana keessaa teesse ummata ballaa qabdi. Kanaaf, Galaana Abbayyarraan gara kibbatti lafa ,Sudan qonnaaf mijatu fudhachun ishe waanuma jiru. Sudan michota, Misirii, Amerikaa fi Isra’eelis ni jibbiti. Kunis dhibde biraadha. Misiriin ammo, Sudanifis Israa’eelifis olladha.  Amerikaan biyya, Sudani fi Israa’eel giddu jirtu fi seenaa qabeetti kana heedduu jaallati. Sabaabin isaas biyya durii seenaa qabetti ta’uu ishee fi ollummaa, Israa’eeli wajjin qabachuusheef malalfatti. Biyyonni ollaa isheeti  kana waan, Misiritii inaafaan fakkata. Sudan hariiroo ishee 1980 keessa ABUT fi ABUE wajjin cimsatte. Keessattu lola dhumaa ittin ABUT fi ABUE dargii kaaba Itiyoophiyaa keessa dhabamsiisan sana dura 1990tti Sudan,  ABUE fi ABUT wajjin wal-ta’insa tokkorra ga’an. Kanaaf lola isa dhumaa sana keessatti waraanni Sudan qooda fudhatera. Keessattu taankii fi makinoota waranaa; rasaasa furgugissaan kan oofa ture waraana Sudan ture. Mashinoota gurguddaarras kan dalagaa ture humna tikaa fi waraana Sudan ture.  Konkoolattotaa  waraanaa fi taankiin ittin

Dargiin haleelame heeddun isaa kan Sudan  ture. Sadarkaa sanatti mootumma lamatu kufuuf kerkeraa ture akkuma harra kanatti. Mootummaa Sudani fi Mootummaa Dargii jechudha. Yoo moormitootni Dargii milka’ani Dargii barbaadessaan mootummaan Sudan angoorratti hafa. Yoo mormitootni Sudan; Addi Bilisummaa Ummata Sudan (ABUS) milka’ee immo mootummaan Sudan kufe Dargiin angoorratti hafa. Mootummonni laman iyyu angorratti hafuuf  waraana isaani moormitoota keessa makani walitti boobbasaa turan. Dargiin waraana isaa ABUS keessa naqee hamma Kurmuu fi Giizanitti deeme ture. Garuu halellaa WBOn Asoosa irratti fudhaten daareffame of duuba deebi’e.

Bara 1998 booda ammo hariiroon Sudani fi ABUT jabaaacha jabaacha dhufe hamma sadarkaa waraanaa fi tika isaani adda baasun rakkisaa ta’a jira. Kanaas ABUTn sodaa ABUE irra qaban irra ka’ani Sudanif lafa ta’u bira darbani Albashiriif hamma ICCtti falmaan ga’e jira. Lafa sagaleen mootumma Sudan hin dhaga’amnetti kan anga’oota Sudanif falmu ABUT dha, keessattu biyyota Dhiha fi Afirikaa keessatti. Injifanno waranni ABUTn lola 1998 ABUE wajjin godhe keessa ille humni tika, Sudan shora xabatan akka  qabantu himama. Innis waraanni ABUT, Sudan keessaan daangaa, Eeritiriyaa  cee’ee duubaan waaraana ABUE, Baaddimmetti dahanno akka salphatti hin diigamne tolfatte kara salpha injifate.

Tooftaa waraana sana kan qindeesse humna tikaa, Sudan jedhani namoonni seena lola sana beekan natti himaniru.Osoo akkas ta’u baate ABUE injiffachuun waan hin yaadamne ture. Bara 2015 gaafa waraanni moormitoota, Mollaa Asgadoom’n hogganamu  ABUT tti gales  daangaa Sudaanrran cee’aani. San booda  waraanni ABUT daangaa Sudaani fi Eritiriyaa gidduutti  isaan simate biyyatti isaan galche.  Wal-amantaan daangaa,  Sudani fi Eritiriyaan walin qabaan laaffachaa dhufe. Erga 1998tti waranni ABUT daangaa, Sudan irran, Eritiriyaa seenee waraana ABUE  duubaan itti dhufe marse injifate boda ,Sudani fi ABUT wal-abdachu jalqaban. Sudanis waraana ABUT abdacha dhufte, Mirsirin ofirra qolachuuf. ABUTn ammo lafa gabbata qonnaaf mijatu Gondar irra mure, Sudanif yeroo adda addatti kenna jira. Mootumman Sudan harra, Kaaba Dhiha Gondar qote ummata isaaf miidhaan nyaata dhi’essa jira. Kanaaf waranni, Mootummaa Sudan Kaaba Dhiha Goondar keessa qubsifame jira.

Waraanni ABUT daandima sanarran, Sudan keessan ABUE to’ata. Bara 2011 kaasee wal-dhibdee yaada sadarkaa garagaratti ABUT fi Misirii giddutti guddachaa waan dhufeef, Sudan ijjenna ABUT deggeru sadarkaa murtessatti ol dabalte jirti. Biyyonni Arabaa fi ABUEn dhiibbaa irran ga’uuf yaalan ille, Sudan ejjenno ishee ABUT deggeru irra duubatti deebi’a hin jirtu. Kanaaf dhibden, Sudani fi Misirii giddu ture dabalaa dhufe  sadarkaa murtessarra ga’e jira. Mootumman Misirii, dhimmi “ Galaana Abbayya dhimma jiraachuu fi dhabamuti”  jedhe ture. Sadarkaa kanattis, Sudan ABUT deggerte. Garuu ABUE fi Misiriin harka lafa jalaan waan wal-deggeran fakkata. Sabaabiin isaas humni qillenssaa Misirii Galaana Diimaa irra qubsiifame jira. Misiriin ABUE of duratti ilaala ABUT waraanuuf waan deema jirtu fakkata. Sudan ABUT abdatte Misiriin of irra qoluuf waan kakate fakkata.

Kana cinatti ammoo harkii mootumma Turkii fi Arab Imiret  lamaan isaani duubaan gaaddisa’e mullata.  Ifatti waranni hin labsamin iyyu male biyyon walif olla kun arfan walin garreffacha jiru. Waraanni Misirii bara 2016 keessa Barbaraa qubsiifame yeroo turetti, waraanni ABUT  Sumaliyaa keessa turee hamma  Kisimayyotti badi bu’e sochii Galaanarra egale ture. Yoo saffisa isa hirrisee boodatti waan deebi’e fakkate iyyu waraanni lafa jala naanna’aa jiru kun dhowun isa hin hafu. Akka amma arga jirrutti ammo dhiheenyatti waan dhowu fakkata. Waraanni kun gama hundumaan QBO irratti hirkataa jira.

Sabaabin isaas ABUE akka haaratti  michuu QBO erga ta’e wagga digdama(20) lakkofsiisera. Baroota kana cufa hogganni,  caasaan jaarmiyaa,  leenjiin waraanaa, siyaasaa fi dabballe ABO Eritiriyaa keessan socho’a jira. Biyyota  Afirikaa keessa lafti dhaabatani waa’ee QBO haasa’an dhibetti, Eeritiriyaan  olma hamma kana  ga’u QBOtif olte.  Galanni Abbayyaa Misirii fi ABUT irratti wal-dhawuuf walin garreffatani ille dhibbantan saddetamni(80%)  lageen Oromiyaa Dhihaa keessa itti ya’u. Misiriin kana sirritti tolchite beekti. Kanaaf Galaana Abbayya ilaachisee wal-ta’insa jalqaba,Oromoo wajjin gochuuf yaada waan qabdu fakkata. Oromoon humna murteessaa Godina Gaanfa Afirikaa ta’a dhufuun isaas shora xabacha jiru qaba.

Kanaaf haaloota naannoo isatti saffisa guddan tata’a jiran kana ilaale, Oromoon ejjennaa isa gar-tokkotti luccesse cichominan qabsa’u feesisa. DHDUO waanta deema jiru kana gamnummaa fi abshalummadhan ilaalani ejjenno isaani sirreffachu male giddu gidduu xabachuun kun waan deemsiisu hin fakkatu. Ejjenno isaani ifaan ifatti beeksifatani hin socho’u didurra akkuma ganna darbe gara hiru taanan bala guddatu isaan mudachuuf ta’a. Akka amalaa fi jecha isanirra argaa jirrutti ABUT hoggantoota DHDUO caccabsite nyaachuuf deema jirti. Ummati Oromoos  ammuma duri ille waan isaanif gara laafu hinfakkatu.Waanti baay’een akka isin itti miliqqee xabachaa jirtaan hin ta’u amman booda.

Xinxala Walii Galaa

Akkuman arman olitti xuxuquuf yaalee biyyoonni Afaan Sumalee dubbatan marti ABUT deggeru. Kanas kan isaan gowwomsa jiru tarsiimoo ABUT 1970mootaa fi abjuu soba Mohammed Said Barreti. Bara 1970 keessa yeroo ABUTn walabumma, Tigirayiif qabsa’aa turetti, ABUEn immoo walabummaa, Eritiriyaaf qabsa ture. Humnoonni kun laman immo mootummaa Dargii akka mootummaa, Amaraatti himatu turan. Kanaaf 1970 keessa, Said  Barren abjuu walakkaa lafa, Oromiyaa murachuu abjoote. Innis yoo ABUEn, Eeritiriyaa muratee, ABUTn immoo, Tigiraayii murata.

Kanaaf, Amara wajjin saba, Itiyoophiyaa addan qooddana kan jedhu ture. Akka abjuu, Said Barre tti, Amarri saboota Itiyoophiyaa biroo fi Oromoo isaa Kiristiyaana fudhata. Said Barreen ammoo, Sidamaa fi Oromoo isa Isilaama hamma laga Hawashitti fudhata. ABUT abjuu soba kana, Said Barre  dura ka’ani gargaarsaa heeddu hamma kana jedhame hin tilmaamane irra fudhatan. Said Barren tolatti, Moqadishoo ta’e daangaa, Sumaliyaa hamma laga Awashitti ballifachu abjoote. Sanaan booda ABO fi Ummata Oromoo yakkuu fi shira garagara irratti dalaguu jalqabe.

Gaafa sana ka’e hariiroon ABUT fi humnoota Afaan Sumalee dubbatan giddutti dhalate. QBO fi Ummata Oromoo ammo ija diinummaan ilaalun itti fufe jechudha. Harra yeroo nuti firummaa fi seenaa cunqurfamu keenya itti himnu namni  Sumalee  dhaggeffachu hin barbaadu. Iji isaani  gammojjii, Sumaliyaa keessa taa’ee lafa gabbataa fi qonna baddaa, Oromiyaa ilaala waaan ta’ef. Kanaaf humnoota Afaan Sumalee dubbatan abdachurraa yoo sodannee nuuf wayya. Shira Addi Bilisabaasa Biyyoleessa Ogaden(ABBO) ABO irratti hojjetes dhaga’ama jirra. Yeroo Warri isaani ABUT wajjin lola Oromiyaa irratti labsan ABBO immo  waan akka ABO miidhanitti Tumsaa Dimookiraasii fi Bilisummaa Ummattota (TDBU) ykn People Dimoctatic Alliance for fredoom (PDAF)jala mucucaatani osoo hogganni TDBU hin beekin Ginboot 7 jala galan.  Bor iyyu hin amanaman.

Kenyan haala irratti hundefte deemti. Ta’us QBO irra sodaa qabu. Kunis Ummati Oromoo kitilatti lakka’amu Kenya keessa waan jiruf. Hata’u iyyu malee fagoo hin jiran. Sudan kibba yeroo dhihoodha as QBO deggeruu barbaaduu humna dhaban male. Kanas QBO malalfatani osoo hin taane rorro ABUT dadhabani.  Misiriin mootumma Sudan kibba utubde angoorratti waan hambiftef wal-deggeru. Kan, Misir, Sudan kibba cina dhaabbatufis, Gaalana Nile Ugandaa, Tanzaani fi Burundii  keessa madde, Sudan Kibbaa keessa qaxxa muree  Misiritti ya’a. Kanaaf Sudan Kibbaa, Ugandaa fi Misir ejjenna tokko qabu dhimma Gaanfa Afirikaa ykn QBO irratti. Sadarkaa amma kanatti mootumman ABUT humna biyya keessaa keessattu QBOtin hudhame lafa dhawuf kerkeera jira.

ABUEn immo dhiibba alatin jechuun dhiibbaa ABUT, IGAD, Afirican Union( AU), Mootummoota Gamtoomani(UN) fi Amerika qoqopphi dinaagdeetin heeddu raafamte jirti. Hata’u iyyu malee  biyyonni Araba tokko tokko akka itti arjooman inuman beeka. Garuu ga’a miti. Kana cinatti ABUT moormitoota tolchee Eritiriyaatti ol naqee waraanuuf yaalii yeroo dheera godhu ille hamma ammatti itti hin milkoofne. Kana booda waan dhufuu immo hin beeku. Garuu akka shakkitti wanaan quba qabu tokko; ABUT araaraan ykn waraanan ABUE diigee, moormitoota isaa Eritiriyaa keessa barbaadesse, mootummaa isaaf ajajamu Eritiriyaa keessa dhaabu akka fedhi qabu asi olitti caqasera.  Kanaaf murni Eritiriyaa tokko ABUT wajjin kana irratti akka hojjeta jiru quban qaba. Qonadaaltootni ABUT duraani kanarratti hojjeta jiru.

Keessattu warri egereen Tigiraayi heeddu isaan yaadchiiftu tooftaa fi taarsiimoo kana qophessa jiru. Kan kanaaf isaan dirqee ammo QBO Amara biratti beekamti argachuu fi tumsa dabalachutu kanaf isaan kakase. Akka ABUTn yaadutti “gaaffin Oromoo gaaffii yeroo fi humnan ukkamfamudha. Rakko guddan mormiitoota Eritiriyaa ta’ani biyya keessatti hojjetantu rakko guddadha. Maddi rakko kana dhabbilee mormitu ABUEn jiraachiftuudha. Kanaaf yoo ABUEn bade ykn araaramani moormitooni ABUTs ni badu. Dhabbileen ABUEn jirachiftuu kun harkisoo Misir qabu. Kanaaf osoo isaan jirani rakkon biyya keessaa fi ala furmaata waaraa hin argatu”. jedhani amanu.

Yeroo QBO belbeltu ABUTn Yeroo dheeraadhaaf ABUE abara turan. Yeroo dhihoodha as immo Misiriin itti ida’aniru. Ibsa ejjenno deggertootni ABUT biyya Amerikaa baasaan keessatti, Misiriin balaaleffatani,Eritiriyaaf immo waamicha godhan. Kanaaf osoo hin jaallatin yeroo lamaffaaf ABUT fi ABUE lolatti seenuun isaani hin hafu. Sudan ABUT deggeruun waan hin olleef, Misiriin waraanicha keessa dhufuun hin hafu. Lolichi naanna’ee, Gaanfa Afirikaa walin ga’uu isaaf ani shakki hin qabu. Sabaabiin isaas ejjennan Oromoon fudhatu jijjirama guddaa Gaanfa  Afirikaa irratti fida.

Garuu akkuma bara 1998 yoo Oromoon  nan ilaallatu jedhe calliseef,  rakko wal-xaxaa fi guduunfa hin furamnetu ta’a. Hamma ammatti kan ABUT jiraachise lola 1998rratti “Oromoon wal-hanyaattu maltu na dhibe” jechudha.  Ammas  Oromoon “Badda Jaarsoo ya laga Gibee waal hanyaattuu maltu na dhibe” jedhe gale rafa taanan badi isaa isa dhuma ta’a. Kanaafu Oromoon ammarra jalqabe ejjennaa isaa sirreffachuu fi QBO ganna shantama dura jalqabe saffisa guddan xumuru qaba. Rakkinni guddan, Gaanfa Afirikaa, QBO rarrate furmata male hafudha. QBO furmataa fi nagaa waaraa Gaanfa Afirikaati kanaafan jedha. Ammarraa qabe Oromoon:

  1. Tooftaa fi tarsimoon akka garagaritti yaadnu ille ejjennaa tokkicha qabaachu
  2. Waraanaa fi duula wal-kuffisaani darbuu kana keessa hirira tokkicha seenu
  3. Rakko keessa keenya, of keesatti mari’acha alagaa(diinaa) duratti Afaan tokkicha dubbachu
  4. Qabsoo hidhanno maleeyyii walitti fufiinsan guutuu biyyatti ol guddisuu fi saboota bira hirmachisu
  5. Qabsoo hidhanno fi wareegamaf of qopheessaa adeemu, dhumarratti hidhannon heedduu nu fayyaddi
  6. Dinaagdee, duubbee, leenjii sadarkaa adda addaa qabaachu
  7. Haariroo saboota  garagaraa wajjin qabnu dabalu; tumsa fi malalfanno qabsoo sabota bira irra dabachu
  8. Keessaa fi alaan ABUT boqonna dhorgun hojii mana itti heeddumessu
  9. Yeroo waraanni alaan ka’u keessan waraana hamilee fi nagaa dhorguu biroo itti kaasu fi waarana biroo kaasu
  10. Hojii mana fi  gowwomsa akka hidhamtootaa fi mana hidhaa lagachu, waan ABUT miidhuu fi hamile dhorgu cufa nuffi male halkaani fi guyya dalagun.
  11. Qondaaltootaa, ajajoota, miseensa tikaa fi waraana ABUT akka isaan lolicha keessatti ABUTtti garagalan gochuuf irratti hojjechu fi antumma saba fudhachisuun dirqama ta’a.

Abadan ABUT Diina Keeti Male Fira Siif Hin Ta’u.