๐’๐ข๐ซ๐ง๐ข ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐›๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ค๐š๐ง๐š๐š ๐๐ข๐ข๐ ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ซ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ฅโ€™๐ข๐ฌ๐š๐ง ๐ก๐ž๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐š.

๐’๐ข๐ซ๐ง๐ข ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐›๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ค๐š๐ง๐š๐š ๐๐ข๐ข๐ ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ซ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ฅโ€™๐ข๐ฌ๐š๐ง ๐ก๐ž๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐š. ๐‡๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐’๐ž๐ž๐ซ๐ซ๐ข ๐›๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐ค๐š๐ง๐š๐š๐ฌ ๐๐ฎ๐ฎ๐ค๐ฎ๐ฆ๐š ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐›๐ฎ๐ซ๐ค๐ฎ๐ญ๐šโ€™๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐ง.
ย 
[๐’๐๐Ž โ€“ ๐Œ๐”๐ƒ๐ƒ๐„ ๐Ÿ๐Ÿ”,๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐ŸŽ] Fakkeenyaaf Naannoleen Sirna Federalizimii biyya kanaa jalatti utubamanii jiran hangamuu dhiibbaa fi harka keessa galfannaan jiraatu bulchiinsa mataa isaanii kan qaban mootummoota naannoo of dandaโ€™oo dha. Akka naannoo isaaniittis seeraa fi heera baasatanii Federaala jalatti ammoo akka walootti isaan durfaman. Osoo mootummaan Federaalaa jiruu mootummaan naannoo tokkoo, mootummaa naannoo isa biraa keessa harka hin galfatu ture. Dhimma isa tokkoo keessa inni biraan hin seenu ture. Harโ€™a waa hunduu diigamee, Sirni Federaalizimii biyya kanaa maqaafis tahu laaffachuu osoo hin taane diigamee gara baduutti deemaa jira.
ย 
Gochi mootummaan naannoo Amaaraa bulchiinsa naannolee biroo kan akka Oromiyaa fi Benishaangul keessa seenee raawwataa jiru Sirni Federaalizimii biyya kanaa diigamuu fi keessa seeninsa bifa kanaa dhorkuuf humna dhabaa jiraachuu isaa agarra. Humni waraana/poolisii naannoo Amaaraa lafoota Oromiyaa daangaa bulchiinsa Amaaraan waldaangessan adda addaa cabsee seenuun ifatti gabaasamaa jira. Karaa Laga Abbayyaa daangaa ceโ€™uun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu ganda Dangajaa jedhamu seenuun ummata irratti dhukaasa bananii miidhaa gugurdaa akka dhaqqabsiisan ummatatu dubbataa jira. Manneen gubuun, loon ooffatanii deemuu dha kan ibsamaa jiru.
ย 
Kaaba Shaggar karaa Darraa, Lixa Shaggar Onoota Gindabarat, Warra Jaarsoo, Baha Shaggar Onoota Boosatii fi Fantaallee irraan weerarri humna kanaa jiraachuu akka hin oolles dubbatama. Babalโ€™achuu gocha diigumsaa fi weerara akkanaa osoo mootummaan Federaalaa Sirna Federaalizimii jiru bakkatti ittisuu fi heeraa fi seera jiru hojii irra oolchuuf murannoo fi fedha isaa qabaatee kun hin raawwatamu ture.
ย 
Hojiin diigumaa fi ummatoota gidduutti waldhabbii fi lola qabsiisuu humni waraanaa/poolisii naannoo Amaaraa kun kan Oromiyaan kan dhaabbate osoo hin taane, mootummaa naannoo Benishaangul waliinis atakaaroo seenee jiraachuu isaa ibsi mootummaan naannoo Benishaangul kaleessa Mudde 15,2020 baase irraa hubachuutu dandaโ€™ama. Bulchiinsi Naannoo Benishaangulis deemsi mootummaa naannoo Amaaraa kun hamaa, Sirna Federaalizimii biyya kanaa balaa irra kan buusu taโ€™uu akeekkachiisuun, humni kun gocha isaa irraa akka dhaabbatu akeekkachiise.
ย 
Mootummaan naannoo Amaaraa rakkoo Godina Matakkal keessa jiru gara biraatti harkisuudhaan osoo mootummaan Federaalaa jiruu sana irra tarkaanfatee Matakkal humna waraanaan seenuu fi godinicha qabachuuf dhaadataa jira. Ibsoota nageenya booressan, ummatoota waldura dhaaban adda addaa baasuun dhaadatuu qofa osoo hin taane, qaamota haala naannoo sana keessa jiru waliin tasumaa wal hin beekne, kan akka ABO maqaa dhahuun jibbaa fi akeeka dhokataa qaban ifa godhataa jiran.
ย 
Kanaaf, haalli biyyattii keessatti deemaa jiru, addatti sochiin bulchiinsi naannoo Amaaraa fi humni inni hidhachiisee sossoosaa jiru itti jiran biyyattiif balaa, Sirni Federaalizimii biyya kanaa diigamaa jiraachuu isaaf ammoo mallattoo isa guddaa dha. Mootummaan Federaalaa gocha akkanaa dhaabuuf humna dhabuun, dhaabbadhu jedhamee yeroon itti dubbatuu hanqatuun sirnichi humna dhabaa jiraachuu qofa osoo hin taane diigamaa jiraachuu agarsiisa.
ย 
Deemsi kun sirna duraanii kan Itophiyaa dullattii alaabaa lummuxxii san deebisuuf deemsa itti jiramuuf karaa soquuf duula beekamtii qaamota adda addaan deggeramuu dha kanneen jedhan hedduu dha.
Abbaan jabaatee qeโ€™ee isaa haa eeggatu; mirgaa fi bilisummaas abbaatu barbaaddata.

ย 
๐—›๐—”๐—ฌ๐—ฌ๐—จ-๐——๐—จ๐—ฅ๐—˜๐—˜๐—ก ๐—”๐—•๐—ข ๐—๐—”๐—”๐—Ÿ ๐——๐—”๐—”๐—ช๐—จ๐—— ๐—œ๐—•๐—ฆ๐—”๐—” ๐—›๐—œ๐—ก ๐—›๐—œ๐——๐—›๐—”๐— ๐—ก๐—˜
[๐—ฆ๐—•๐—ข โ€“ ๐— ๐—จ๐——๐——๐—˜ ๐Ÿญ๐Ÿฒ,๐Ÿฎ๐Ÿฌ๐Ÿฎ๐Ÿฌ] Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa haga ammaatti nagaa qabu; mana jireenyaa isaaniitti argamu. Qabsoo Bilisummaa sabaa irra waan jiramuuf wanti fedhe yo dhufe waan nama dhaamochiisu hin jiru. Jaal Daawud kana tolchanii beeku; kanattis amanu. Wanti ejjennaa isaanii irraa if booda isaan deebisus hin jiru.
ย 
Kanas tahe sana, Jaal Daawud Ibsaa mana isaaniitti argamu. Ololli maqaa isaanii dhahatee saโ€™aa ammaa kana akka waan hidhamaniitti deemaa jiru garuu dhugaa miti.
Ololli kun maaf qindeessamee gadhiisame isa jedhu keessa isaa gaggalagalchanii ilaaluunis hin badu. Ammoo Oromoon qabsoo mirga isaa kabajsiifachuuf godhu irraa sekondiif illee dagamuu hin qabu. Hidhaas, ajjechaas, dhiitamiinsa mirgaas kan xumura itti godhu qabsoo waan taโ€™eef.

Sagalee Bilisummaa Oromoo