ከሁለት ቀን የጃል ዳዎድ ቤት ውስጥ እገታ እና አንድ ቀን የፖሊስ ጣቢያ ወከባና እንግልት ነፃ ወጥተን አሁን በሰላም ወደ ቤታችን እየገባን ነው።
Gaazexaan ‘Fitih Matset’ jedhu Adaanech Abeebee birrii milyoona 40 akkaawuntii dhuunfaa isiitti akka galee fi ishiinis maallaqichi qaama hin beekkamne irraa akkaawuntii kiyyatti gale jettee akka amante madda odeeffannoo waliin gabaase. Malaammaltummaa guddaa keessa akka jirtu ifatti saaxilamte. Amma Adaanech kanatti kan dallante Gaazexaa ‘Fitih Matset’ jedhu kana yakka hoggantoota mootummaa irratti ummata kakaasuu jedhuu seeratti naaf haa dhihaatu jettee himatte. Hundi isaanii biyya saamaa jiru bifa kanaan. Milyoona 40 isaan biratti saamicha xiqqaadha. Bilyoonaan saamaa jiru. Garuu yoomii fi eessatti akka nyaachuuf deeman waan tilmaaman hin fakkaatu.