“መደመር” ”Ida’amuu” SO IS what we are uttering is false? ISN’T ABDI Mohammed a criminal? IF not who else?

“መደመር” ”Ida’amuu” SO IS what we are uttering is false? ISN’T ABDI Mohammed a criminal? IF not who else?

JALATANIIS JIBITANIS ABDII ILLEE KAAN NUURATTI QUFSE JARUMA TEENYA
Abboo rabbii jedha namaticha marata kaan nuura qaba namaticha #ABDII_ILLEE jedhamu kaan qoyii dhifama naa godhat anii kanii jedhu #ABDII_ILLEE fi MNO akkasumaas motummaan federalaa dhukkuba wayii walitti qabdii moo maliif maliif namticha kaan caalisan ilaalan garuu watuu watuu jira hundaaf amaa icciit facebook irraatti hin bafnu.
Namni tokko imoo yoo wa’ee Lammaa fi Abiyi dubatan dhaga namti guruf ykn imoo arabaa dherata akka waan isaan waqa atanii akka waan isaan hin dogongoretti ilaala.

Moyii Bonii Oromoo


“መደመር” ”Ida’amuu” – Wanti kun ifa haa tahu!
Jechi faashina siyaasaa yeroo ammaa waanuma kana. Jechi MMtiin eegalamee biyya wal gahe kun garuu keessi isaa quufsaatti ifa hin godhamne. Hiikaan isaa sirriitti addeeffamee kan fedhe fudhatee kan hin feene akka dhiisu hireen hin kennamneef. Muummichi Ministeeraa haasawa isaa tokko tokko keessatti yaadni jecha kanaa maal akka tahe ibsuuf yaaleera. Garuu yeroo baay’ee bifa soorgoo fi sookoo fakkaatuun ibsa. Falaasama wayiitiin lafa kaaya.

Kana irraa ka’uun namoonni irra hedduun hiikaa jecha kanaa sirriitti waan hubatan natti hin fakkaatu. Hunduu garuma ofii barbaadutti yoo harkisee ibsatu argaa jirra. Warri sirna duraanii faarsu akka waan jechi kun jara deeggarsaa fi abjuu isaanii dhugoomsuuf labsametti fudhatanii dachii dhiphisaa jiru. Warri eenyummaan saba isaanii akka kabajamu barbaadanis akka mirgi isaanii eegamee warra kaan waliin jiraachuun danda’amutti jecha kana hiikkachuun deeggarsa isaanii godhaa jiru. Warri wantichi galuufii dinnaan callisa filatanii murna gamaa fi gamanaa usanii taajjabaa jiranis xiqqoo miti.

Amma soorgoo fi sookoon hafee yaadni jecha kanaa bal’inaan ummataaf ibsamuu barbaachisa. Qola isaa irraa baasanii walitti himuun dirqama taha. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo duudaadhumaan itti fufe booda balaa qabaata. Namoonni jecha kana akka adda addaa saditti hubatas jitu jedheen yaada.
1. Ida’amuu jechuun eenyummaa ofii dhiisanii ‘nagaa buusuu fi tokkummaa uumuuf jecha’ warra kaan fakkaachuu.
2. Ida’amuu jechuun eenyummaa ofii dhiisanii walitti cafaqamanii eenyummaa waloo haaraa uumuu.
3. Ida’amuu jechuun eenyummaa ofii akkuma qabatanitti tokkummaa garaagarummaan keessatti kabajamu uummachuudha. (Ibsa MM irraa akka hubadhetti ‘Ida’amuu’ kan ibsu isa 3ffaa kana)

Kun bifa quufsaa taheen ibsamuu qaba. Lammiilee biyyattii baratanis tahee hin baratin biratti wanti kun akka hubatamuuf afaan salphaa fi ifaa taheen hiikamuun barbaachisaa dha. Tahuu baannaan afanfaajjiin jecha kanatti qabatee dhalataa deemaa jiru booda rakkoo dha. Warra amma jecha kana gara ofii barbaadutti hiikkatee shubbisaa jiru shubbisiisanii ka’anii booda mufachiisuun rakkoo dha. Warra jecha kana ija shakkiin laalee gatii dhabsiisaa jirus taheef shakkiin guutamee yaada kennachuu irraa afaan qabatee jiruufis ejjennoo isaanii akka murteessaniif ibsi kun barbaachisaa dha.

Siyaasaan Itoophiyaa wal xaxaa tahuu ni beeyna. Murnoota siyaasaa biyyattii kanaa hunda yeroo tokkotti gammachiisuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Maaliif jennaan warra fedhii wal faallaa qabatee of jaaretu gamaa fi gamanaan hiriiree jira. Jarri kun karaa walakkaa deemanii walitti dhufuun dantaa waloo wayii akka tolfatan gochuun garuu hin dadhabamu. Sun kan tahu ammoo haqa dubbii walitti himuu qofaani. Muummichi Ministeeraas yeroo waa’ee Ida’amuu kana dubbatu miira kana keessa dhaabbatee akka tahe naaf gala. Warri akka biraatti hubatee burraaqaa jiruu fi kanaan qabanii mirga warra kaanii sarbuuf didichaa jiranis hedduu tahuu guyyaa guyyaatti taajjabaa jirra. Fakkeenyaaf dhimmi alaabaa afarfamaa jiru kanaaf ragaa guddaa dha. Dubbii alaabaa kana yeroo biraa mata duree biraatiin itti deebina.
Na ofkalchaa!

Yaya Beshir