ልዑላውነት ኤርትራ ይከበር መንግስቲ ንህዝቡ ይሓብር ዝብሉ ኤርትራውያን ሎሚ ሰላማዊ ሰልፊ ኣካይዶም

ልዑላውነት ኤርትራ ይከበር መንግስቲ ንህዝቡ ይሓብር ዝብሉ ኤርትራውያን ሎሚ ሰላማዊ ሰልፊ ኣካይዶም

Hawaasni Eertiraa dhibboota heddutti lakkaawamu har’a Waashington DC fuuldura embaasii mootummaa isaanii duratti hiriira nagaa godhan. Kaayyoon hiriirichaa walabummaan Eertiraa haa kabajamu kan jedhu. Hiriirtonni kun gaaffii fi deebii VOA sagantaa Tigiriffaa waliin godhan keessatti akka ibsanitti, mormiin isaanii guddaan wayta humnoonni siyaasaa Itoophiyaa kaartaa biyya isaaniirratti Eertiraa dabalanii alaabaa isaaniitiin maranii sosso’an mootummaan Isaayaas maaf callisa kan jedhuu dha. Kana malees bulchiinsi Dr. Abiyy Ahmad waa’ee kana irratti yaada kennuu dhabuun dhimma Eeritraa keessa harka naqachaa jiraachuu isaa nutti mul’isa jedhan. Mootummaan Isaayaas yaada Mallas Zeenaawii bara lubbuun ture dhimma Baadimmee irratti ilaa fi ilaameedhaan hiikkanna jedhee dhiheessaa ture didee eega Abiyyi aangoo qabatee fi ilmaan Eertiraa kumoota dhibba meeqaan biyya qullaatti hambisanii alatti baqatanii booda dhimmicha hayyamuun isaa farra Eertirummaa isaa ibsa jedhan. Waa’ee walii galtee isaayaasii fi Dr. Abiyyi gidduutti tahee ilaalchisees uimmanni Eertiraa waan beeku hin qabu jechaa jiru.

Mormii fi shakkiin Dr. Abiyyi irratti hawaasni Eertiraa horachaa jiru gaarii akka hin taanee fi hariiroon sirna Isaayaas waliin godhamu eeggannoo waliin akka tahuu qabu barruulee kiyya armaan duraa keessatti kaasaa turuun kiyya ni yaadatama.

Yaya Beshir

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.