Xiyyeeffannaa: Yakki Abiyyi Ahemad har’a raawwataa jiru ilmaan Oromoo akka bakka hinbuune,

Xiyyeeffannaa:
Yakki Abiyyi Ahemad har’a raawwataa jiru ilmaan Oromoo akka bakka hinbuune, saba keenya Oromoo kan bakka hinbuune ta’uu Oromoon bakka maraa ibsachuu qaba.
 
Kanaan ala sabootni Impaayera Xoophiyaa walumatti nu qabanii “Oromoon nu fixaa jira, aangoon Oromoo harka!” Jedhanii egeree saba keenyaaf waan balaaf hamaa haaloo kuufataa jiru.
Halagaan “Abiyyi Ahemad Oromoodha! Oromoon aangoo argannaan nu dararuu jalqabe” jedha.
Abiyyi Oromoo illee ajjeesaa, daguugaa akka jiru beekaa hinjiran.
 
Badiin TPLF waggaa 27 nu Oromoof saboota biraa irratti dalagaa bahe, sabaaf sablammoota Xoophiyaa hundi akka saba Tigiree balaaleffatu taasisee akka darbe namuu quba qaba. Kana fakkeenya godhannee ajjeechaaf hiraarsaa seeraan alaa Murni PP waraana isaa Raayyaa Ittisa Biyyaan bakkayyuutti raawwataa jiru balaaleffachuu itti fufuu qabna. Badiin Abiyyi Ahemad balleessaa jiru egeree Oromoo akka hinballeessine har’uma abbaan Irree PP ofiin jedhu Oromoo kan bakka hinbuune, murna dantaa mataa isaaf ifaajaa jiru ta’uu addunyaa hubachiisuu qaba Oromoon.



Itti bahi Lolaa akka fokkoranii miti, salphina liyyuu Hailii Amaaraa ilaali.


🇪🇹 Can Ethiopia pull back from the brink? |


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.