Waraanni ”Oromoof leenjifame” jedhamu sun kunoo kaayyoo leenjifameef hojiirra oolchaa jira.
Kan jarri akka bineensa nama gidduu seenetti itti marsanii cichoomina Oromummaa keessatti buruqsuuf akkasittiin deemaanii jiran ilma Oromoo Abdo Abajobir Abamagal, jiraataa godina Jimmaa magaalaa Saqqaa ti. Akkuman kaleessa jedhe Abdoo wajjin osoon biyyaa hin bahin waggaa 20 dura waliin turre. Gaafasis kanin isa beeku cichoomina isaatiini. Kan wal nu barsiises ejjennoo kana ture. Nama kaayyoo irraa hin daddaaqamne muraasa godina sanatti qaamaan beeku keessaa Abdoon tokko. Gochaan sabboontota Oromoo kan akka Abdoo guutuu Oromiyaa keessatti adamsuu kun ergaa guddaa dabarsa. Oromoon diinotuma kaleessa bara Wayyaanee isa adamsaa, hidhaa fi ajjeesaa bahaniin har’as hiraarfamaa jiraachuu mul’isa. Garaagarummaan jiru waan tokko qofa. Hammeenya kaleessarratti har’a Nafxanyoota daboo waammatanii saba kanarratti hammaachuu isaaniiti. Kaleessa Wayyaaneef, har’a ammoo sirna Nafxanyaa dhiiga Oromootiin boollaa qotanii baasaniif ergamuu isaaniiti.
Yaya Beshir
Barsiisaa Abdo Abajobir Abamagal
Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti kaleessa nama saddeet(8) wajjin qabamee hidhame.
Waan nama ajaa’ibee hin dhiifne nama harkaa duwwaa jirutti qaamni hidhate sagal ta’ee itti marsuun kun maal nutti argisiisa?
Waan dabaatu ummata Oromoo irratti raawwatamaa jira.
#Free_Abdoo_Abbaa_Joobir!!!
Reyes Mohammed Dooyyoo
Plan B: Hojii irratti
Namni marsanii deemaniin kun Abdo Abajobir Abamagal jedhama. Hojiin barsiisaadha.
– Loltoota kana yoo ergan shiftaa hamaadha qabaa jedhaniin beekaa. Hubadhaa barsiisaan kun ummata keessa jiraata. Poolisiin takkaahuu qaamni nageenyaa kamuu koottu jedhee osoo bilbilaan yaamee numa dhaqa. Maarree maalif akkanatti humnaa guddaa itti bobbaasan?– Humna qaban agarsiisanii ummata taate kana daaw’atu naasisuun sodaa itti naquuf ( restoration of fear through terror)
– Namni kun nama kaadhimamaa mormitootsa ta’a jedhanii shakkani. Taphaa ala baasuuf.
– Namni biraas dararaa isarra gahe kana argee miseensummaafi kaadhimamummaa irraa akka of qusatuufJawar Mohammed
Yaa Oromoo!! PPn(Naafxanyaan) irratti wal fixaa jiran Oromiyaadha. https://t.co/INzetAtBkW pic.twitter.com/DfOKtu9KcF
— Kichuu (@kichuu24) April 22, 2020
Kun Jijjiirama miti Micciirama malee.
Waraabessi Gammoojjiitti foon bare Baddaa dhaqee magira hin deedu.
Garaagarummaa bara TPLF fi bara PP gidduu jiru suuraan armaan gadii ni dubbata.
Oromoon jijjiirama Huccuutiif miti; kan dhiiga isaa dhangalaasee ilmaan ofii itti dhabeef sirna nama nyaatatti xumura godhee nagaan jiraachuuf malee.
Yaa Oromoo saba koo qabsoon keenya micciiramee karaa maqee jiraa ofirra hin rafinaa!!!