Siyaasa Itoophiyaa: Gaheen miseensota Bordii Filannoo Itoophiyaa maaliidha?

Siyaasa Itoophiyaa: Gaheen miseensota Bordii Filannoo Itoophiyaa maaliidha?

Boordiin Filannoo Itoophiyaa miseensoota boodii qabu shan keessaa tokka kan ta’an Dr Geetaahun Kaasaa Wiixataa Fuulbaana 28, 2020 fedhiisaanitiin itti-gaafatummaasaanii gadhiisuu xalayaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti galfachuun isaanii ni yaadatama.

(bbcafaanoromoo)–Birtukaan Midhaqsaa Walitti qabduu bordichaa yoo ta’an, dabalataan miseesnsoota afuriitu jira.

Dr Getaahun Kaasaa, Obbo Wubishat Ayyalaa, Bizuworq Kattataafi Dr Abarraa Dagafaa miseensoota boordii ta’uun Waxabajjii ALI 2011 Mana Maree Bakka Bu’ootaan mudamunsaanii ni yaadatama.

Gaheen miseensota boodriichaa maal?

Bordiin Filannoo Itoophiyaa miseensoota shan qabatees dhimmi filannoofi murtee ummataa ilaalchisee qaama aangoo murteessuu olaanaa kan qabuudha. Kanaafuu, aangoo murtewwaan ijoo ta’an dabarsuu akka qabutu himama.

Haaluma labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaaleessa 1133/2011tiin boordichi filannoo haala heera mootummaafi seera filannootiin gaggeefmuufi murteewwan ummataa kamiiyyu haala walaba ta’een raawwachisa.

Miseensoonni bordii hojii raawwachiftuu bordii filannoo ammoo adeemsa filannoo keessatti seerrri cabee bu’aa filannoo geedaru umameera jedhee yoo amane bu’aa filannichaa haquun filannoon irra deebiin akka gaggeeffamu murteessuuf aango qabu.

Bordiin hojii raawwachistuu boordii filannoos qaama koree komii dhaggahaa dhumaa ta’un kan tajaajilu yoo ta’u, bu’aan filannoo ifa taasisfamusaatiin dura bu’aa filannichaa ragaasisa.

Akkasumas, gochawwan akka seerota filannoo raawwachisuu, paartilee siyaasaa to’achuu, paartiilee siyaasaatiif deeggarsa raabsuu, taajjabdoota filannootiif hayyama kennuufi to’achuu.

Meeshaalee filannoo qopheessuu, akkasuma bajata qopheessuun hojiirra oolchuu warri jedhaman aangoofi itti-gaafatamummaa boordichaa keessaa eeramaniidha.

Miseensoonni Boordichaa attamiin filatamu?

Miseensoonni boordichaa kan filataman tartiiba jiru hordoofuun kan raawwatamudha.

Jalqaba MM koree kaadhimamtoota miseensoota boordii filatan hundeessu.

Miseensi koree kanaa ammoo namoota hawaasa garaa garaa bakka bu’aniifi walaba ta’uutuu irra jiraata.

Miseensoonni koree kanaas kan dhaabbilee amantaa, akaadamii saayinsii, konfedareshinii hojjattootaa, waldaalee daldaltootaa, komishinii mirgoota namoomaa, akkasumas waldaalee siviiliifi jaarsoolii biyyaa keessaa kan filataman ta’uu qabaatu.

Isaan boodas koreen kun kaadhimamtoota miseensa boordii filanoo ta’aniif ummata, dhaabbilee siyaasaafi waldaalee siviilii keessaa eeruu dhiyeessa.

Maqaa kaadhimamtootaas MMf dhiyeessuun erga fedhii saanii adda baaseen booda ummataaf ifa taasia.

MM erga tarreen maqaa kaadhimamtootaa korichaan dhiyaateef booda bakka bu’oota paartilee siyaasaa waliin kaadhimamtoota dhiyaatan irratti mari’atu.

Marii sanaan boodas MM kaadhimamtoota muuduuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyeessu. Erga manni marichaa kaadhimamtoota sagalee caalmaatiin raggaasiseen boodadha, kan kaadhimamtoonni kunneennis miseensa boodii filannoo ta’uun mudaman.

Miseensonni Boodrii Filammoo eenyu fa’i?

Miseensoota boordichaa keessaa Birtukaan Miidhaqsaa walitti qabduu boordichaati.

Gama barnootaatiin, Birtukaan Yunvarsitii Hardvaarditti gosa barnootaa Bulchiisa Ummataatiin digrii lammaafffaa argataniiru. Isaan dura haadha seeraa mana murtii Federaalaa ta’uun tajaajilaniiru.

Osoo baqannaan gara biyya hambaa hin deemiin dura ammoo miseensa paartii mormituu keessatti hirmaataa turan.

Achumaanis filannoo bara ALI 1997 hordofuun hokkara uumameen irra deddebiin hidhamanii kan ture yoo ta’u, murteen umurii gutuu irratti murtaa’ee ture. Erga hidhaa bahanii booda garuu gara Ameerikaa imaluun barnoota itti fufan.

Waggoota torbaan booda bara ALI 2011tti gara Itoophiyaatti deebi’uun Boordii Filannoo Biyyaaleessa biyyattii akka oogananiif mudaman. Yeroo ammaa kanas dura teessuu Boordichaa ta’uun hojjechaa jiru.

Wubishat Ayyalaa- Ittaanaa Walitti qabaa Boordichaa

Obbo Wubishat Ayyalaa Yunvarsitii Finfinnee irraa Seeraan digriin heebbifaman. Mana murtii Federaalaattis abbaa seeraa ta’uun tajaajlaniiru.

Hojii isaanii dhiisuunis waajira mataasaanii banachuun hojii gorsa seeraafi abbokaatummaan hojjataniiru.

Obbo Wubishat boordii filannoo biyyaaleessa gorsuudhaan, mariiwwan paartilee siyaasaa waltaasisuun, akkasumas sochilee boordichaa kan biraa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turaniidha.

Akkasumas, sochiilee waldaalee sivikiifi hawaasummaa keessattilleen hirmaannaa olaanaa akka taasisaa turan himameera.

Dr Abarraa Dagafuu – Miseensa Boordichaa

Dr Asaffaa Dagafuu Yunvarsitii Finfinneetti Pirofeesara walta’aa Seeraati. Digriisaanii doktarummaas damee barnootaa ‘Social Work and Social Develoment’n Yunvarsitii Finfinnee irraa argatan.

Kana malees, Yunvarsitii biyya Neezarlaandiitti argamu ‘Institute for social Study’ irraa ammoo gosa barnootaa Misoomaafi Seera Idil-Addunyaatiin digirii lammaffaa isaanii argataniiru.

Yunvarsitii Finifnneettis hojiisaanii idileetiin alattis itti-gaafatamummaa olaanaan bakkeewwan adda addaa irratti ogummaasaanitiin tajaajilusaanii kan himamuuf Dr Abarraan, Baankii Zaman, Yaa’ii Abukaatoowwan Ministeera Haqaafi Jornaalii Seeraa Oromiyaa keessatti miseensa boordii ta’uun hojjachuun isaanii ni himama.

Osoo miseensa Boordii Filannoo biyyaaleessaa ta’uun hin mudamiin dura ammoo Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaatti Gorsaa Dhimmoota Seeraafi Haqaa ta’uun, akkasumas miseensa Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa ta’uun hojjatanii ture.

Durbee Bizuwarqi Kattataa- Miseensa Booridichaa

Bizuwarq Kattataa barnoota isaanii olaanaa biyya Kuubaatti Yunvarsitii Havaanaa irraa Sirna Afaanitiin digrii lammaffaa argataniiru.

Bizuwarq dhaabbilee garaa garaa keessatti tajaajilaniiru. Fakkeenyaaf, Komishinii Ittisaafi Qophaa’ina Balaa Tasaa, TV Itoophiyaa, Dhaabbata Akshiin Eyidi Intarnaashinal jedhaman keessa hojjataniiru.

Akkasumas, dhaabbata Jarman kan ittisaafi walitti bu’insa hiikuurratti hojjatu tokko keessattis qindeessituu pirojaktii biyyaaleessaa ta’uun hojjattee jirti.

Kana malees, dhaabbata tola-oltummaa ‘Zeegaa La Idigat” jedhamuuf bulchiinsa gaarii, ijaarsa dandeettiifi hirmaannaa sivikii jajjabeessuu tokko hundeessuun dura taa’ummaan tajaajilaniiru.

Dr Geetaahun Kaasaa- Miseensa Boordichaa

Ragaan marsariitii Boordichaa irraa argame akka mullisuutti, Dr Geetaahuun Kaasaa digirii isaanii doktarummaa Yunvarsitii Finfinnee irraa bara 2010tti argatan.

Dr Geetaahun itti-gaafatamummaa adda addaa irra hojjataniiru. Naannoo Tigraayitti Itti-gaafatamaa Waajjira Haqaa, Yunvarsitiiwwan Finifinneefi Maqaleetti ammoo barsiisaafi Diinii Mana Barnootaa Seeraa ta’un, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti ammoo Daarektara Olaanaa ta’un tajaajilaniiru.

Dr Geetaahun barreeffamoota qorannoo adda addaa barruulee biyya keessaafi biyya alaa irratti maxxansiisuun isaanii himameera.

Erga miseensa Boorii Filannoo Biyyaaleessaa ta’uun mudamaniin boodas, erga gara waggaa tokkotiif tajaajilanii booda fedhiisaaniin hojjii gadhiisuuf gaaffii dhiyeeffachuun isaanii himameera.

Waggaa tokko kana keessattis hojii olaanaa ta’a jedhamee kan eegamee ture filannoo marsaa 6ffaa biyyaaleessaafi naannoolee sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka darbu taasifamunsaa ni yaadatama.

Dhiheenya kana Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa filannichii bara bajataa Itophiyaa kana keessa akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu akka raawwatamuuf murteesseera.

Kan hordofuun ammoo yeroon isaa Boordichi hoji isarraa eegamu raawwachuu yeroo itti qabaatudha. Haata’u malee, yeroo kanatti miseensa boordichaa keessa tokko kan ta’an Dr Geetaahuun itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf murteessuun isanaii hedduutti gaaffii umeera.

Dr Geetaahun itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf gaafachuun xalayyaa Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti galfachuun alattis, sababiin gadhiisaniif maal akka ta’e ilaalchisee kan jedhame omtuu hinjiru.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.