OROMOO: Sabni Bilisumama hin qabne, guyyuu eela keessa jiraata.

#Oduu_Gaddaa
Akkumaa edaa isiiniif gabasee turetti dargaggoo #Toomaas_Saqqata loltoota bilxiginnaan rasaasa itti roobsuun kan midhaa cima irraan gahan yaalii duraaf buufata fayyaa magalaa caaliyaatti osoo yaalaama jiru referii gara hospitaala #Ayiraatti akka darbuuf yoo ajajaan humnii waraana bilxiginnaa akka isaan referii hospitaalaa ayiraatti hin geessinee ugguruun lubbuun isaa akka darbuu godhanni jiru.
Ofii rasaasa itti roobsuu ergaa rukkutannii booda akka yaalii hin argannees dhorkannii ajessuun qaanifi salphinaa guddadha. Sif hin galle malee ka’ii falmaadhu humnaa qabduu argisi wan jedhan fakkata.
Lubbuu harkaa cubbamtootatti baatef jannata hawwimaa.
Maatiifi firrootan akkasumaas ummata oromoof jajjabinaa haa laatu.
#Waxabajjii_28_2020


Sabni Bilisumama hin qabne, guyyuu eela keessa jiraata.
Barsiisaa Yuunivarsiitii Mattuu kan ta’e Obbo #Lammeessaa_Baqqalaa waraana mootummaan ajjeefame.
Lammeessan nama quuqama Oromummaa qabuu fi manneen hidhaa garaagaraa:- Xoollayi, Sanqallee fi kanneen birootti hidhamaa nama tureedha.
Yakka tokko malee isaaf Waxabajjii 27/2020, Ona Algee, Magaala Suphee Oromummaa isaaf qofa ajjeefame.
Gumaan kee bilisummaan deebii argata!!
Ah!
Anaaniyaa!!


Kemer Yousuf – Oromiyaa (Oromo Music)

Hachalu Hundessa: Jirra NEW 2017 Oromo Music

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.