Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee

Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota garaa garaatti hidhamuun hiraarfamaa turan gadhiifamuun gabaafame

(Qeerroo) – Guraandhala 5,2017 Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota Garaa Garaatti hidhamuun hiraarkanneenfamaa turan wayyaaneen waan qabdee gadhiiftuu dhabuun maqaa leenjii haaromsaa gooneef jettuun hidhamtoota Oromoo muraasa kan gadhiiftee jirtu ta’uun ibsamera. Ilmaan Oromoo hiraarsa diinaa hamaa meessa turtan baga nagaan baatanii maatii fi hiriyoota keessanitti makamtan.

Ilma Ilma Namaa waraanaan dirqisiisanii Qabanii hidhuun dararaa hammeenyaa fi gara jabeenyaan guutame irratti fudhacha, Dirqisiisaanii_Siyaasaa abbaa irree dirqamaan fudhachiisuuf yaaluun eenyummaa namummaa isaanii iyyuu caalaatti gaaffii jala galchuudha, roorroo fi garbummaan ulfaataan kans Caalee hin jiru, anatu siibeekaadha, waan ani jedhee fudhattuu malee hin jiraattuu jechuudha, humna waraanaa fi qawwee dura qabuun haala ulfaata akkasii keessa turuun Qeerroowwan dargaggootni Oromoo, Docterootni fi beektootni barsiisootni Oromoo, goototni barattootni Oromoo fi qonnaan bultootni Oromoo haala ulfaataa akkasii keessatti mooraa waraana Wayyaanee garaagaraa Xollaay, Awwaash Arbaa, fi bakkoota garaagaraatti hidhamuun dararama turan hangi tokkoo hiikamuun ibsame jira.

Mootummaan Wayyaanee maqaa mana hidhaa isaan keessa turan keessatti leenjii haaromsaan kenneefi jedhuu dahoofi olola godhatee warraaqsaa FXG dura dhaabbatuuf haa dhama’u malee kun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafatamaa jiruuf deebii hin ta’u. uummaatni Oromoo , dargaggootni Oromoo fi goototni Qeerroon barattootni Oromoo kabajamuu mirga abbaa biyyummaa isaaniif falmachuu irraa duubatti akka hin deebine gadi jabeessuun wayyaanee hubachiisan. Gabaasaa dhimma kana ilaallatu baldhinaan ni dhiyeessina.