Hawi Anole kun eenyu? Barruu kanaa gadii dubbisuun hin badu!




Hawi Anole kun eenyu? Barruu kanaa gadii dubbisuun hin badu!

Barruu armaan gadii kana namatu natti erge; “Eessaa dhufe?” jedhee gaafadheen ture. Kan Hawi Anole ta’uu naaf ibse. Hawi Anole kun eenyu? Dubbataa/ deeggaraa/leellisaa Jawaar moo Jawaar mataa isaa ti?
Barruu kanaa gadii dubbisuun hin badu.

Via : Dhábasá Wakjira Gemelal

Dr. Awol Kasim Aloofi Jawar Mohammed
Garaagarummaan Isaanii Maali?
Hawi Anole ~ Hag/2017
————————-
Jalleewwankoo

Waan hunda dura garaagarummaan jiraachun, hayyoonni yaadota irratti waldhabuun waanuma siyaasa keessa jiru ta’uu isaa hubachuun baay’ee nu barbaachisa. Dhimmi Uummataa dhoksaa hin qabu. Ajandaa sabaa irrattis waldhibdeen guddaan akkamiin kaayyof galmi sabaa dhugooma isa jedhu malee dhimma dhuunfaatii miti. Adeemsafi kallattii qabsoo akkasumas tarsiimoo irratti garaagarummaan ni jiraata. Kuni waan seenaa qabsoo biyyoota hundaa irratti argine, kan borus iftaanis uumamuudha. Kanaafuu, waldhibdeen akkanaa hayyoota Oromoo jidduutti yoo uumame akka waan badiin guddaan dhalatee tokkootti ilaalamuu hin qabu yaada jedhun qaba.

Barreeffamoota isaa kana duraas dabalatee kan dhiheenya kanaa dubbisee, bifa naa mijateen erga dhimmicha qulqulleefafchuuf yaaleen booda garaagarummaan uumame maal akka ta’e hubachuuf yaaleera. Akka Ilaalcha kootiitti qabxiilen garaagarummaa kanneen armaan gadi kana jedheen amana.

1. Kallattii Qabsoo Oromoo – Akka Ilaalcha Awwalitti kallattiin qabsoo Oromoo ammas taanan sirriitti adda bayee lafa hin teenye. Akka amantaa isaatti akkaataan amma ittii adeemaa jirru garam akka deemnufii maalif akka adeemaa jirru sirriiti hin agarsiisu. Kanaafuu mariin hunda qabeessa ta’e gaggeeffamee waliigaltee irra gahamuu qaba yaada jedhu qaba. Jawaarin dabalatee warreen qabsoo adda durummaadhaan gaggeessaa jiran immoo qabsoon keenya akka duraanii sana haala gubbaa gadiitiin ( top down approach) hin gaggeeffamtu jedhu. Inni gubbaadhaa gadi gaggeessan suni milkii fiduu hin dandeenye jedhaniit amanu. Kallatti kanaan immoo bu’aan qabatamaan dhufee jira jedhaniitis ni amanu.

2. Qabsoon Oromoo Nama Tokko Irratti Irkachuu – Qabsoon Oromoo nama tokko qofa irratti irkachuu hin qabdu jechuudhaan yeroo ammaa kanatti wanti hundi ‘ Abbaa Irrummaa’ nama tokkootiin masakamaa jirti yaada jedhu qaba Awwal. Kunimmoo galmaan nu ga’uu hin danda’u jedhees ni amana. Jawaar gama isaatiin Uummaticha bifa mul’ataa jiru kanaan sochoosaa akka jiru, qabsoon qabsoo dhuunfaa isaa osoo hin ta’in qabsoo uummatichaa, kan uummataan hogganamu akka ta’e irra deddeebi’ee dubbata. Duulli Abbaa Irrummaa kan irra deddeebi’amee kan ka’u ta’us namoota heddu biratti kan faarfamaafi xiyyeffannaan guddaan itti kenname bu’aa qabatamaa Jawaar qabsoo Oromoo eddoo itti riphxe irraa kaasee bifa namni hundi arguun sochoosee diina gatantarsuu isaati.

3. Bilisummaa Yaadaa – Awwal irra deddeebi’ee wanta aaridhaan dubbatu keessaa inni guddaan bilisummaan yaadaafi ilaalchaa qabsoo keenya keessatti gufateera ilaalcha jedhu qaba. Akka komii isaatti namni yaada ijaarsaas ta’ee qeeqaa dhiyeesse tokko battalumatti akka waan namoota dhuunfaa qeeqeetitti ilaalama, kunimmoo sirrii miti yaada jedhu qaba. Kanaaf immoo hordoftoota Jawaar qeeqa, namoota arrabaan yaada namaa danqan akka waan Jawaar bobbaaseetittis ni ilaala. Ibsa kanaan dura Jawaar namoota isa qeeqanis ta’ee isa abaaraniif baase irratti inni nama abalu naa dubbadhu, narraa falmi jedhee ajajate/ ramadate tokkoyyuu akka hin qabne dubbata. Waan isarratti dhiyaatu kamiyyuu ofirraa deebisuuf deeggarsa akka isa hin barbaachisne dubbata.

4. Sabboonummaa Oromummaa – Jawaar sabboonummaan Oromoo sirriitti lafa qabachuu qaba, sabni keenya sirriitti jabaateefi cimee of danda’aa ta’ee miila lamaan dhaabbachuu qaba yaada jedhu qaba. Awwal gama isaatiin sabboonummaan garmalee jabaate saba keenya ni miidha yaada jedhu qaba. Qabsoon keenyaafi adeemsi keenyas sabaaf sablammoota biroo xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba yaada jedhus ni dhiyeessa. Kanaaf immoo qabsoon hunda hammataa ta’e gaggeeffamuu qaba jedhee dubbata. Namoonni hedduun yaada isaa kana akka habashumaa leellisuutti fudhatuudhaan qeeqa guddaa irraan ga’u. Habashaa waliin hojjachuus ta’ee Itiyoophiyummaa xiyyeffannaa keessa galchaa adeemun qabsoo Oromoo laamshessuu malee faaydaan inni nuuf fide tokkos hin jiru kanneen jedhanis laayyoo miti.

5. Waliin Hojjachuufi Wal tumsuu – Akkuma irra deddeebidhaan argine Awwal dhimmoota garagaraa irratti Jawaarif dhaamsa dabarsus ( gama iimeeliis ta’ee gama birootiin) deebiin Jawaar kennu Awwaliin akka gaddisiisetti dubbata. Namni Miidiyaa Sabaa hogganuufi qabsoo sabaa gaggeessu deebii sirrii kennuu qaba yaada jedhu dhiyeessa. Jawaar gama isaatiin Awwalis dabalatee qaamota biroo irraa waan abdii mure fakkaata. Akka fakkeenyaatti yoo kaasne yeroo OLC ( Konveenshinii Hoggansa Oromoo) Atlaantaa irratti qophaa’u Jawaar dhaamsa nama hunda ilaallatu, eenyuyyuu hirmaannaa akka godhu ifatti labsee ture. Yeroo sana Awwaliifi namoonni isa waliin turan waamicha saniif deebii kennuu irra haala addaatiin nuti affeeramuu qabna ilaalcha jedhu ( may be) qabaachuu irraan kan ka’e erga gumiin gaggeeffamuuf bultiin xinnoon hafe qeeqa bal’aa miidiyaa hawaasaa kana booresse dhiyeessanii turan. Wanti suni Uummata keenya qofas osoo hin ta’in qaamota biroo kan Aktiivistoota keenya akka fakkeenyummaatti fudhachaa turan hunda ajaa’ibsiise. Deebin yeroo sana Jawaar deebises gabaabduudhuma ture – Isin darbadhaa, nuti walitti qabneet ittii ijaarra jedhe. Sana jechuun isaas Awwaliifi garee isaa hedduu gaddisiise.

6. Marii Dhiheenya Kana Qindeessummaa Awwaliin gaggeeffame – Walgahii Waldaa Qorannaa Oromoo ( OSA) irratti qorannaa Dr. Muhaammadifi Dr. Asfaawin OMN irratti dhiyaate ilaalchisee Uummanni komee dhiyeessun isaa ni yaadatama. Komii kanarraan kan ka’e namni hedduun OSA abaaruu eegalan, akka dhaabbata kufeetitti qeeqan. Yeroo kana Awwal OSA cinaa dhaabbatuun waldaan kuni qabeenya Oromooti, yaada uummataa waan hin calaqqisiisnef qofa abaaramuu hin qabu jechuudhaan dubbate. Guyyoota muraasa boodas namoota OSA irratti OMN ilaalchisee haasaa taasisan affeerudhaan sagantaa marii qopheesse. Marii kanarratti Jawaaris affeeree akka ture, Jawaar immoo affeerraa sana akka fudhachuu dide dubbate. Kanaan walqabatees Awwal aarii qabuufi qeeqa Jawaar irratti qabu dhiyeesse, kuni daran dubbii oo’ise. Akka yaada namoota hedduutitti Awwal mataansaa kanaan dura Jawaarin qeeqaa waan tureef nama walabummaadhaan namoota kana affeeree mariisisu hin danda’u kanaaf Jawaar affeerraa isaa fudhachuu dhabuun sirriidha yaada jedhu qabu.

7. Obsa Qabeessummaafi Miira Ofii Too’achuu – Akka kanaan dura irra deddeebidhaan arginetti Awwal miira ofii too’achuu irra morkaafi aariitu dubbii isaa irraa calaqqisa. Inumayyuu al tokko tokko namoota gadi qabanii sia qeeqan hamma arrabsuuttis ni ga’a. Jawaar gama isaatiin qeeqni hedduun, qaamota hedduun irratti ka’us akka laayyotti miiraan butamee deebii hin kennu. Deebiin inni hawaasa duratti kennus bifa miira uummataatifi qabsoo Oromoo hin miinen kan barraawudha. Tarii haasaa dhuunfaadhaan taasisan keessatti jechoota hamaadhaan walitti deddeebisuun ni mala ta’a. Wanti Hawaasa bal’aa fuunduratti arginu garuu Awwal caala Jawaar obsa akka qabu namootni hedduun ni dubbatu.

Walumaagalatti, Awwalis ta’ee Jawaar Qabsoon Uummata Oromoo eddoo barbaadame akka geettuf waan danda’an godhaa jiru. Lameenuu hamma danda’aniin Uummata isaanii waan amansiisu hojjachuuf oliif gadi jechaati jiru. Isa kamtu lameen keessaa dhimma Uummata keenyaa irratti dhimmamee, yeroo isaa, dandeettii isaafi jireenya isaa aarsaa godhee akka daran hojjachaa jiru waan uummanni ilaalee itti murteessudha. Kanarraan kan hafe, qaamni kun guutumaan guututti sirriidha, inni kuni dogongora jechuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Hammuma fedhe garaagarummaa haa qabaatan malee boru walitti deebi’anii Uummatni keenya akkaataa bilisummaa ofi itti argatu irratti akka waliin hojjatan abdii guddaan qaba. Hammasitti hundi keenyayyuu eenyumtuu waan itti amane, bifa hamileefi miira hawaasa keenya hin miinen, mariifi falmii fayya qabeessa ta’e gaggeessuu aadaa godhachuun faaydaa guddaa akka nuuf qabu hubachuu qabna jedheetin amana. Wal abaarun, wal arrabsuuniifi garmalee waldhiibun hunda keenyayyuu eessanuu ni hin ga’u. Hamma danda’ameen hayyoonni keenya qaawwa isaan jidduu jiru daran bal’isuufii, ol fuudhanii xiqqaaf guddaas hawaasa biraan gahuun dura obsaan irratti hojjachuun gaarii natti fakkaata. Yeroon kana jedhu immoo wantin ani dubbadhe hundi sirriidha jechuu akka hin taane naa hubachuu qabdu. Tarii wantin ani dogongore, looge yookin bifa dogongoraatin hubadhe yoo jiraate yoomiyyuu of sirreessudhaaf qophii ta’uukoo isiniif ibsuun barbaada!

Kanuma
Keenyas Oluma
HawiAnole