Haasawa Lammaa Magarsaa godhaa jiru irraa waan natti mul’ate

Haasawa Lammaa Magarsaa godhaa jiru irraa waan natti mul’ate karoora wayyaanee akka armaan gadiitti xiinxale.

Erga qabsoon Oromoo jabaatee akka Oromoon dammaqe bartee as, wanti Wayyaaneen irra deddeebitee jechaa turte, “rakkoo bulchiinsaatu jira waan taheef nu hin komatinaa; rakkoon nu biraa mitii warruma isin bulchu bira jira. Isinirraa jijjiirra” jechaa turuun ni yaadatama. Sababa kanaaf rakkoo bulchiinsaa fakkeessuuf bulchaa duraaniirraa kan sirriitti Oromoof quuqamaa/sabboonaa fakkaatu dhiheessuudhaan ummata amansiisuuf karoora isaanii akka tahe namaaf gala jedheen yaada.

Muktaar Kadiir nama kijiba adii kibuuu fi waan Wayyaaneen jetteen qofa nama dubbatu akka tahe, Oromoon hundi irratti beeytee waan jibbiteef, nama akka isaa bakka buusuun rakkoo bulchiisaa fakkeessuu hin dandayu. Sababa kanaaf nama sabboonaa fakkaatu barbaaduun tarsiimoo isaanii kana dhugoomsuuf isaan waan fayyaduuf, nama sabboonaa fakkaatu wahii bakka buusuu qabdi. Sababa kanaaf Lammaa Magarsaa fidan. Lammaa Magarsaa sabboonaa fakkaatee yoo ummatatti kan as bahu tahe, ummanni maal jechuu dandaya? “Edaanuu Tigree mitii, rakkoon Muktaar ykn hoggantoota bira turee? Lammaa Magarsaallee akkuma jaraa OPDO dha garuu waan sabboonaa taheefi ummata isaatiif yaada“ jechuutu mala.
Kanarraa faayidaan Wayyaaneen argattu:

1. Akka ummanni Oromoo kan OPDO irraa abdii kutate, deebi’ee OPDO abdatu godhanii ummata gowwoomsuuf
2. Akka namni biyya jiru qalbii isaa aktiivistoota biyya alaa taa’anii gorsa warra biyya jiruuf kennan irraa abdii kutatee, “kunoo yoo haasawa taate, kan akka Lammaa Magarsaa kana qabna” jedhu godhuuf
Gaafii “Lammaa Magarsaa dhugumaan onneerraa haasawa moo Wayyaaneetu haasofsiisaa jira?” jettu xiinxaluuf ammoo, yeroo Lammaan haasawu nama onneerraa haasawu fakkaata. Haa tahuu garuu, nama Oromoof quuqama dhugaa hin qabne akka tahe wanti isa saaxile, akkuma inni aangoo qabateen ajjeechaa jumlaa ilmaan Oromoo irreecha irratti raawwatame ilaalchisee aantummaa inni saba isaatiif mul’ise hin turre. Akkasumas ajjeechaa fi hidhaa cimaan san booda ilmaan Oromoo irratti kan raawwatame ilaalchisee ejjannoon fudhate afaaniinis tahee hojiidhaan hin jiru. Quuqama sabaa osoo qabaatee dandayeetuu obsee irra hin dabru ture. Kanumaafuu, walumaa galatti fakkeessaa yoo taate malee, quuqama dhugaa akka hin taane kana caala ragaan nu hin barbaachisu.

Maaliif ummanni akka OPDO abdatu godhuu feeti Wayyaaneen?
“Yoo ummanni Oromoo xiqqo nutti kan laafu taate, nutis silaa kufuun keenya hin ooluu, yoo waan saamne afaan nu qabuu baatan, OPDO xiqqo itti laaffisnee hafuura baafanna haala ilaallee; OPDO nuu wayya; ummata nurraa qabuu dandeessi” waan jedhu yaaduunis ni mala. Garuu kuni sirriitti waan ifa tahee miti. Sababnis, hanga ammaatti aangoo haasawuu malee aangoo hojiitti jijjiiru itti gadi hin dhiifne waan taheef.
Wayyaaneen ilaaltee yoo akka feete san tahuufii dide, isuma kanaahuu ajjeessuu ykn karaarraa maqsuu dandeessi. Gaafa ajjeefte ykn karaarraa maqsites sabboonaa silaa jijjiirama isinii fidu dhabdan ykn isin dhabsiisan jettee wahitti sababuunis ni mala.

Sababni ani kana yaadeef, Wayyaaneen jaalattus jibbitus haala amma jirtu kanaan biyyattii yeroo dheeraa bulchuu akka hin dandeenye hanga ammaatti ni hubatti jedhee waan yaaduufi. Biyyattiin diinagdeen kuftee jirti. Yeroo ammaa ummata milyoona 20 ta’utu beela keessa jira. Ka’umsi kanaa rakkoo siyaasaa akka tahe wal nama hin gaafachiisu; yoo waan isiin jettu haala qilleensaatu beela fide san dhuguunfanne malee. Innis waan dhugaarraa fagaateedha. Kanaafuu sababa diinagdeetiin rakkoon dhalattu ammoo daran fincila guddaa akka kaasu isaanis ni hubatan jedhee waan yaadeefi.
<strongid=”js_d2r” class=”_5pbw _5vra” data-ft=”{“tn”:”C”}”>Ferhan Abdulselam : Kuni yaada mataa kiyyaa kan natti fakkaateedha. Xiinxalli kiyyas yoo dogongora jettanii yaaddan na sirreessuu dandeessu. Waan dubbiftaniif galata qabdu!