Haacaaluu Hundeessaa: ‘Walaloo artistootaaf wayita barreessullee maqaakoo hin fayyadaminaa jedha’

Haacaaluu Hundeessaa: ‘Walaloo artistootaaf wayita barreessullee maqaakoo hin fayyadaminaa jedha’

Artist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 Wixata galgala Finfinneetti ajjeefamuun guyyaa Kamisaa bakka dhalootasaa Magaalaa Ambootti awwaalameera.

Weelluu isaatiin alatti Haacaaluun nama akkamii ture ka jedhu baruuf artistoota, hiriyootaafi maatii keessaa namoota itti dhiyeenyaan beekan BBCn dubbiseera.

Gaazexeessaan wayita ammaa biyya Siwiidin magaalaa Gotanbarg jiraatu Eebbisaa Naggasaa, Haacaaluu waliin walitti dhufeenya gaarii akka qaban himuun, ”ajjeechaa Haacaaluun booda miira hamaa keessan jira,” jechuun nutti hime.

Eebbisaan magaalaaa Gudaritti dhalatee guddatus, barnootasaa sadarkaa lammaffaaf gara magaalaa Ambootti wayita dhufu Haacaaluu waliin walbaruu dubbata.

Kutaa 11ffaa waliin barachuus kan dubbatu Eebbisaan, ”Mana barnootaatti kiiyboordii fidee, yeroo boqonnaatti nu bashannansiisa ture,” jedha.

Ambootti fincilli kahee Hacaaluun mana hidhaa yoo seenu, Eebbisaafi waahillan waliin barachaa turan barnootasaanii xumuruun yunivarsiitiirraa eebbifaman.

”Hiriyyaa kiyya gootichi rasaasaan galaafatame’
”Ennaa nuti yunivarsiitiidhaa baanu, inni ammoo mana hidhaatii bahe,” kan jedhu Eebbisaan, erga hojii gaazexeessummaa eegalees irra deebiin walitti siquu eegaluusaanii dubbata.

Ergasiis gaafa Eebbisaan fuudhu Hacaaluun waa’ela yookaan miinjeesaa ture

Gaafa Eebbisaan fuudhu Hacaaluun waa’ela yookaan miinjeesaa ture

‘Walaloofi yeedaloo kennuun dargaggoota jajjabeessa ture’
”Haacaaluu wajjin namni daqiiqaa tokkoof taa’e, barnoota gaarii irraa fudhatee deema,” ka jedhu Eebbisaan Haacaaluun ”nama si kofalchiisuufi gaddakee si cabsudha,” jedha.

Hiriyootasaa yeroo qabsoo ijoollummaatti waliin dabarse nama hin irraanfannedha jedha.

”Ammuma Oromoo biratti fudhatama qabu, sabaafi sablammoota Itoophiyaa birattis fudhatama guddaa qaba.”

Dargaggoota ol dhufanis ni jajjabeessa kan jedhu hiriyaan isaa kun ”walaloofi yeedaloo kennuun dargaggoota jajjabeessa ture.”

Dargaggoota baayyeefis walaloofi yeedaloo kennuusaa kan dubbatu Eebbisaan ”sinumti guddadhaa malee maqaakoo hin fayyadamiinaa,” jedha.

“Mucaan koo dhugaa dubbate malee wanni balleesse hin jiru”
”Waahee Haacaaluu kana sana jedhee dubbachuu hin danda’u, miira hamaa keessan jira,” jechuun miira keessa galee dubbate Eebbisaan.

Sagantaa Yaadannoo Haacaaluu
Erga ajjeechaan Haacaaluu dhagahamee booda biyya keessaa fi alatti sagantaaleen jireenya Haacaaluu yaadachuufi hiriirawwan mormii garagaraa gaggeeffamaniiru, ammallee gaggeeffamaa jiru.

Hawaasni Oromoo Magaalaa Gotanbarg jiran lakkoofsaan xiqqoo tahanis, torban dabre keessa duungoo qabsiisuun Haacaaluu yaadataniiru.

EEBBISAA NAGGASAA

”Haacaaluun waan itti wareegame sana galma gahuu qabna jechuun walitti qabamnee gadda keenya ibsanne.

”Sababuma Haacaaluutiin waliitti dhufeenya keenya cimsachuu qabna, faffaca’uun keenya nuun baasne, hawaasa jabaa tokko ijaaruu akka qabnu irratti waliigalle,” jedha.

‘Bakka Alii Birraa nuuf bu’a jedheen ture’

ALA bara 2010 Haacaaluu Hundeessaa wajjjiin wal baruu kan dubbatu weellisaa Habtaamuu Lamuu gama isaatiin Haacaaluun ”goota, hayyuu fi qaroo Oromootii” jedha.

HABTAMU LAMU

“Bara jalqaba wal barreerraa eegalee fedha bilisummaadhaaf qaburraa kan ka’e ani akka kanatti hin danda’uu bosonatti galeen WBO’tti makamee waan narraa eegamu godheen wareegama naan jechaa ture” jedha weellisaa Habtaamuun.

”Asuma taa’ii sagaleen loli jedheen gorsaa ture. Sagalee sana torban sadii dura naa ergee, akkan aaruufi arifadhutti silaa yoona hin gahu ture naan jechaa tures” jechuun yaadata.

Bakka Artiist Alii Birraa bu’ee waggoota 50 fi 60’f hojii aartii hojjeta jedheen yaada malee akkanatti yeroo gabaabatti lubbuun isaa dabarti jedhee hin yaadne” jedhe.

Karchallee Amboo hanga Galma Barkumee – wallee fi qabsoo Haacaaluu Hundeessaa
Haacaaluun Finfinneef hedduu qabsaa’aa ture dhalootni kuniis kaayyoo isaa kana galmaan gahuu qabaa jedheera weellisaa Habtaamuun.


Haacaaluu Hundeessaa: ‘Hiriyaakoo, gootichi rasaasaan ajjeefame’

Ajjeechaan weellisaa jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa Itoophiyaatti jeequmsa guddaa kaasuun lubbuun namoota 160 olii darbeera

Haacaaluun irra caalaa waa’ee tokkummaafi jaalalaa weellisuun beekama. Dabalataan sirboota quuqama saba isaa Oromoo ibsan weellisuun jaalatamummaa guddaa horateera.

Ogeessi Kaameeraa BBC Amansiisaa Ifaa hiriyaa Haacaaluu kan taheefi sirba isaa badhaasa mo’achuu danda’e waraabeefi hojjateef erga du’aatii isaa dhagahee maal akka yaadaa tureefi haala guyyaa sanaa dubbateera.

‘Takka takka yeroon du’a Haacaaluu yaadu osoo inni jiraatee ani du’era tahen’ jedha.

Inni namoota hedduuf gootadha, uummata isaaf waan baay’ee buusa.

Yeroo hundumaa saba isaaf qabsaa’a, yeroo namootni siyaasaa, rogeeyyiin fi artistootni biyyaa baqatanii bahan Haacaaluun biyyuma tureeti dhimma namootni hedduun lafaa hin kaasne kaasuun falmaa kan ture.

Ajjeechaan Haacaaluu Hundeesaa, mootiin sirboota qabsoo Oromoo fi wallisaan dargaggeessa Oromoo beekamaaan guyyaa Wiixataa raawwatamee leeliftootaafi jaalattoota isaatiin dheekkamsa kaaseera.

Tibba murmii naannoo Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetti taasifamee wal qabatees, namoonni 80 ol ta’an ajjeefamuutuu himama..

Haacaaluun yeroo baayyee waa’ee jaalalaafii tokkummaa kan sirbu yoo ta’u, sirboonni isaa kaan ammoo waa’ee dhiibbaa ummata Oromoo irra gahuu ni kaasu.

Amansiisaa Viidiyoo Hacaaluu waliin waraabee badhaasa akka mo’aatee ture hima.

Oggeessi kaameeraa BBC Amansiisaa Ifaa, hirriyaa Haacaaluu kan bara dheeraa guyyaa Haacaluun itti ajjeefamee kaasee waan ture yaadata.

Waa’ee du’a HAaaluu wayitan yaadadhuu, maaliif inni hafe ani hinduu’iin laata jedhaan yaada.

Sababiinsaas Haacaaluun goota namoota hedduutti. Kanaafuu waan hedduu ummataa isatiif gumaachu qaba ture.

Yeroo hunda ummata isaatiin qabsaa’aa ture. Keessattu tibba artistoonni. roogeeyyiifi namoonni siyaasaa hedduun biyyaa baqatan sanattilleen Haacaaluun dhimmoota eenyuunuu kaasuu inbarbaaden kaasaa ture.

‘Haacaaluun hospitaala galeera’

Gaafa Wiixataa halkan sa’a 4:00 booda hiriyyootni koo baay’een naaf bilbilaa turan, kaan ammoo ergaa gabaabaa naaf barreessuun Haacaaluun maal tahe na jechaa turan

Namni tokkollee yeroo sana du’eera naan jedhe hin jiru. Garuu akka waa taheeru ifaa ture.

Hirriyoota keenya kan biraatiif bilbiluun yaalee, garuu eenyumtu bilbilasaanii hinkaasan. Booda garuu Haacaaluun hospitaala galeera jechuun ergaan barreeffamaa na qaqabee.

Booda keessa ammoo hirriyyaa kiyya reeffa Haacaaluu bira dhaabbatee bo’aa tureef argadhe. Hacaaluun galaafatameera.

Kanumaan konkolaataa koo qabadheen gara hospitaalichaatti qajeele. Karaa gaheen hiriyaa koo tokkoof yoon bilbilu gaddaan guutamee reeffa isaa cinaa akka dhaabataa jiru natti hime. ‘Haacaaluun rasaasaan rukutamee du’eera

Yeroon hospitaala bakka inni geeffame gahu nama baay’een achii iyyaa bohaa jira.

Namni tokko uffata irraa fuudhee yoo ilaalu laphee isaa irra rasaasaan kan dhahame kan fakkaatu madaan arge. Poolioonni fi hiriyoonni keenya baay’een achi jiru.

Sirba viidiyoo Haacaaluu ‘Maalan Jiraa’ bara 2015 Amnsiisaan hojjateefi badhaasa injifate

Maqaa isaa waameen iyyee boo’aa ture. Namni hundinuu ni iyya, ni boo’u. ‘’Kun dhugaadha jettanii natti hin himiinaa’’ Jechaama iyyaa boo’aa turre.

Sana booda reeffi Haacaaluu qorannoodhaaf gara hospitaala gara biraatti geeffame. Nuyi anbulaansii reffa isaa fuutee deemte duukaa buune.

Halkan guutuu achi turre. Gara barii sa’a 10: gara alaatti yoo baanu naannoo hospitaalichaa namni guuteera.

Hundinuu boo’aa achi ture. Erga biiftuun baatee reeffa isaa fuunee gara Amboo bakka dhaloota isaatti qajeelle.

‘Haacaaluun goota keenya’

Akkuma reeffa isaa gaggeessuuf qajeelleen jeequmsa hedduu argaan ture. Dhukaasnis ture. Poolisoonni gaazii imimmaanessituu dhukaasanii ture.

Buraayyuu gara km15 erga deemnee namoota kumaatama miillaa fi konkolaataan gadda isaanii ibsachuu dhufan waliin walitti dhufne. Gadda guddaa keessa turan. Oromiyaa bakka garaagaraa irraa halkan deemaa bulanii kan dhufan hedduudha.

Sirni awwaalcha isaas magaalaa Finfinneetti akka raawwatu gaafataa turan.

Konkolaataa koo keessa taa’ee ‘Haacaaluun goota keenya. Sirni awwaalchaa gootaaf malu magaalaa Finfinneetti tahuufii qaba’ kan jedhun dhagahaa ture.

Sirni gaggeessaa jalqabne achumatti dhaabbate. Booda imala gara magaalaa Finfinneetti duubatti deebinee jalqabne.

Sana booda mootummaan akkaataa fedha maatii isaatti magaalaa Ambootti awwaalamuu qaba waan jedheef reeffi isaa helikopteraan gara magaalaa Ambootti geeffame.

Gaafa Kamisaa sirna awwaalchaa isaaf daandiin waan cufameef Amboo deemuu hin dandeenye. Karaa foddaa televizhiniin hordofaa ture. Anaaf yeroo ulfaataa ture. Namootni baay’een awwalcha isaa irratti argamuu barbaadan akka hin argamne hubadheera.

Gaggeessaa xumuraa taasisuufiif isa waliin deemuu barbaadaan ture.

Akka aadaa keenyaatti awwaalchi namuma qarattiiyyuu nama xiqqoodhaan hin raawwatu. Kan goota akkasii dhiisiiti.

Yeroon kana daawwataa ture baay’ee gaddaan ture. Haadhakoo imimmaan osoo narra yaa’uu waameen ‘’har’a du’uun barbaadan’’ jedhe. Isheenis boo’aa turte. Ergasii hanga ammaatti boo’aan jira. Yeroo namootni na gaafatanis miiruma gaddaa fi bo’ichaa keessan jira.

‘Ammayyuu du’a isaa amanaa hin jiru’

Gaafa Kamisaa inni awwaalamu hiriyaa isaa waa mudachuu dhagaheen lakkoofsa bilbilaa Haacaaluu irratti bilbilaan ture. Waan uumame isa waliin haasa’uuf.

Torban tokko ajjeefamuu isaan dura bilbilaan waliin haasa’een ture. Sirba haaraa akka hojjechaa jiru natti himee ture. Akkan irratti hirmaadhus natti hime. ‘’Eessa jirta?’’ kan jedhu.

Sirbootni Haacaaluu siyaasa irratti qofa kan dhaabatan miti. Aadaa, eenyummaa, mirga namoomaa fi jaalalas of keessaa qabu.

Waa’ee gaffiif deebii OMN irratti taasisee ejjenno siyaasaa isaa irratti dubbatee irrattis waliin haasa’uuf barbaadaan ture.

Miidiyaa sana irratti waa’ee saba bal’aa Oromoo gama dinagdee fi siyaasaan dhiibamee haasa’ee ture.

Namootni mootummaa amma biyya bulchaa jiru irraa maallaqa fudhateera jechuun dubbataa turan.

Akkas jedhe, Eenyu iyyuu na bituu hin danda’u.’’

Finfinnee keessatti namoota baay’ee yaada isaatti walii hin galle waliin wal dhabaa ture.

Haa tahu malee lubbuu isaaf hin sodaanne ture. Yeroo baay’ee akkas jedha ture.

Namni saba isaaf du’u gootadha jedha ture.

‘’Ani nama kaan irraa adda miti,’’ jedhee yeroo tokko natti hime. ‘’Guyyaa tokko du’uu nan danda’a garuu du’a hin sodaadhu’’ jedha ture.