Eritrea: Fira mo Diina? Barreeffama kana keessatti: daantaa /Fedhiyidaa

Eritrea: Fira mo Diina? Barreeffama kana keessatti:  daantaa /Fedhiyidaa=interest)
*Eertiraa=Eritrea

Eertiraa Namni gariin fira qabsoo keennaa jedhee yo yaadu, as dhiyoo ammo “Eeritraan Diina” ykn “Eertiraan orma” gariin ammo “jar ri tokkuma” yo jedhan dhage’ama.
Yaadota wol-faallessan kana irratti yeroo baay’ee yaada kennachuu yaadee garuu naaf hin mijanne yeroo gahaa hin arganne. Amma garuu interview president Isaayyaas erga caqaseen duuba barreeffama kana barreessuudhaaf kakka’umsa guddaa naaf ta’e.

Interview Isaayaas
————————-
Interview jaarsaa bilchinna guddatti irraa muldhata. Akka gaafa dur qabsoo keessa turanii san aarii fi xiiqii osoo hin taane, akka hogganaa siyaasaa bilchaataa tokkootti nama biyya ofiitiif yaadu, nama naannoo gaafa afrikaatiif yaadu, nama nageenya, haqa, bilisummaa dhala namaa maraaf yaadu ta’ee dhiyaateera. Dhugaasaa Waaqa beeka. Namni siyaasaa akkas ta’uu qaba. Hanga fedhe badaallee yo ta’e diina isaalle fira godhee dhiyeessuu, diina isaa xiqqeessee gurmuu xiqqoo tokko qofa balaaleffata. Presidaantichille kanuma godhe.

Gama biraatiin ammo Ingiliffa gaarii dubbatallee. Jechoota akka Kleptocracy (rule by thieves) fa irraa barannee jirra.
Sabni keenna, keessattuu diyaasporaan saba/uummata akka diinaatti ibsuurraa of qusachuu fi balaaleffannaa keenna sirnarratti taasisuu akka qabnu haasawa isaarraa barachuun ni dande’ama.

Gochaa fi dubbiin afaanii garuu tokkoo moti. Biyya isaa keessa uummanni isaa biyyaa baqachaa akka jiruuf biyyittiin dimookraasii akka hin qabne beekkamaa dha. Wonni an irraa ajaa’ibsiifadhu tokko “dimookraasiin /filannoon fa hin jirtu anumattu isin bulcha” jedhee himatee bulcha. Akka Woyyaanee filannoo kijibaa hin gaggeessu. Kanaafuu namni isa morme du’aa fi hidhaan akka eeggatu beekeetuma itti seena. Malaammaltummaan garuu hin jirtu. Innis hattuu mitii hattuullee balleessee jira.

Duubbii Ijoo
—————-
Hariiroon biyyoota/saboota jidduu jiraatu hariiroo jaalalaa ykn hariiroo jibbaa kan ta’u DANTAA BIYYOOLESSAA (national Interest) sanii ykn dantaa saboota sanii irratti hundaa’a. Dantaan wol-faallessu jiraannaan wol-dhabaa fi jibbi ykn diinummaan ni jiraata. (Conflicting interest results in enmity). Dantaan/Fedhiydni wol-jaalachiisu/ wol-tumsiisu jiraannan ammo woliif tumsuu; wolitti irkatu.

Akkuma Ameerikaan (America has no permanent friend but permanent interest) jettu sann hoggantoonni Eertiraa siyaasa addunyaa kana sirritti waan hubataniif fira dhaabbataas diina dhaabbataas hin qaban. Dantaa dhaabbataa qofa qabu. (No permanent enemy or permanent friend, but permanent interest).

Gaafa bosona turan EPRP (Ihaappaa), TPLF, OLF fi k.k.f mara gargaaraa turan kana kan godhaniif dantaa waloo tokko waan tureef. Dantaan woloo kan yennaa sanii mootummaa dargii kuffisuu ture. Mootummaa dargii kuffisuuf jecha jaarmiyaalee bilisummaa Eertiraa hin deeggarrelle woliin hojjacha turan. Fkn: EPRP, MEISON fi kkf. Gaafa durii qofa osoo hin taane ammallee gurmuu yo Itoophiyaa dhunfate bor garagalee buufata isaanii falmuuf malu garagaaraa jiru. Kana kan godhaniif wollaalanii miti. Bilchinna siyaasaa yo qabaatte diina keetille as fiddee ofitta qabdee woliin deemta. Yo san balleessuu/ajjeesuufille siif tola. Woyyaanee woliinille erguma fira turaniin duuba dantaan wolitta buuse. Boru yo dantaan woloo dhufe ykn diinni jara mara miidhu dhufe araaramuu malu. Kanalle akkasitti hubadhaa. “Siyaasa Keessa Firri ykn Diinni dhaabbataan hin jiru daantaa (Fedhiyda) dhaabbataa qofatu jira”.

Tigroonni Eertiraa fi kan Tigraay Garaagarummaa Qabuu? Maaliif woliif hin galle?
—————————————————————————
Jarri kun lameen afaan tokko dubbatu, aadaa tokko qabu, amantaa tokko qabu, qubsumni isaaniille walitta aana; maaliif wol-lolu re?

Namni gariin jarri tokkuma waan jedhu fa jedha. Waan jarri woliigala qabduu fi beekaa sobanii wol lolan fa itti fakkaata. (kun conspiracy theory dha). Dhugaan jiru garu akkasii moti. Jarri waan baay’eedhaan wol haa fakkaatan malee sababa daangaa Xaaliyaan ykn sababa Eertiraan bara 1993 kaastee Italy jala turuu irraa kan ka’e ilaalcha addaa wolirratti horatan. Kitaabota baay’ee keessatti akka dubbisee fi namoota biyya san jiraatanirraa dhaga’ee fi namoota Tigraayii fi Eertiraa haasaweenii kan an hubadhe; Eritrean colony Italy jalatti qaroomuu isaaniitiin jara Tigraay kana ofii gaditti ilaalu, ni tuffatu. Baroota 90 oliif 1890moota – 1991tti uummanni Tigraay hujii gad-aanaa akka waardiyyaa, hojjattuu mana keessaa fi kulii hojjachaa waan tureef akka gad-aanaatti ilaalu jarri olii. Jarri gadii (Tigraay) illeen kanarraa kan ka’e Eertiraa irratti jibbaa fi morka qabatan. Dubbiin bara dheeraa demte tun jaruma tokko ture kana addaan baastee booda jarri ol aanu biyya ofii uumatanii dantaa irratti wolitta buunaan diinumma fi jibbi garaa keessa ture sun babaldhate. Kanarraa wanti nu hubannu afaan tokko dubbachuun, aadaa tokko, amantaa tokko qabaachuun qofti tokko nama hin taasisu. Seeanaa wolfakkaatuu qabaachuu dhabuun social construction fi xin-sammuu/ psychology gara garaa uumee saba tokko addaan baasuu mala. Somaaleen osoo saba tokko, afaan tokko, amantaa tokko, aadaa tokko qabaachaa turtee jirtuu seenaan garaagarummaa jarri Hargeessaa British jalatti bitamuu fi jarri gad aanu Italy jalatti bitamuun psychology /social construction garaagaraa uumee biyyi sun bara dheeraa wol-balleessaa ture. Hanga ammaallee biyya hin taane. Kanarraa maal baranna laata? Kana jechuun ammo fuul-dura hin araaraman jechuu mooti walitta araaramuu malu. Garaagarummaan isaanii garaa-garummaa sammuu keessatti uumame ta’uu baraa. Wol-dhabni Shaabiyaa (EPLF) fi TPLF sababoota baayyee diinagdee fi daangaan wol-qabate qabaatullee jidduu (center) irratti wol-morka fi rakkoon psychology kun akka jiru baruu qabna.

Hariiroon Oromoo fi Eritrea ho maal fakkaata?
————————————————————
Haala amma jiruun biyyoota ollaa keessaa kan Woyyaanee dhaan lola guddaa keessa jiru Shaabiyaa fi Egypt qofa. Eritrea irra gargaarsa argachuun badii hin qabu. Kanaafuu fedhiyda woyyaanee kuffisuu irratti woliin hojjachuun sirrii dha. Kana yo jennu garuu bilisummaa jaarmiyaa ofii dabarsanii osoo hin kannin ta’uu qaba. Guutumaa guututti of kennanii mana-hidhaa galuun sirrii miti. Waan hundaa isaan haa murteessaniif yo itti dhiiste garu OPDO teeta jechuu dha. kanaafu hariiroon keeti bu’aa hin qabu. Isaan gargaarsi siif taasisan dantaa ofiitiif ta’u baruu qabna. Nuutis yo woliin hojjannu dantaa saba keennaa haala eegsisuuf tarkaanfachiisuun ta’uu qaba.

Mootummaan Eertiraa Oromoo ni jaalata mo ni jibba?
———————————————————————
Eertiraan Oromoo dantaa/fedhiyidaa ofiitiif jettee deeggarti. Qabsoo Oromoo nuuf jettee osoo hin taane ofiif jettee deeggarti. Fedhiyidaan Eertiraan Oromoorraa qabdu maal?
1. Fedhiydaa Nageenyaa fi Birmadummaa
Oromoon daangaa Eertiraa yokaan Buufata Asab hin falmu. Eertiraan Daangaa/Lafa irratti Oromoon wol-dhabdu hin qabdu. Sabboontonni Oromoo haala amma jiruun Itoophiyaa keessatti yo angoo qabatan lafa Eertiraa falmuuf fedhii hin qaban. “Eertiraan qaama Itoophiyaa ti jedhanii hin falman” ykn “Asab keenna” jedhanii falmii fi lola biraa hin kaasan.
2. Fedhiyadaa/Dantaa Nageenyaa
Yo Oromoon Itoophiyaa bulche Eertiraan nagaan jiraatti. Garuu Eertiraan Oromoon Itoophiyaa haa bulchuu feeti malee akka fottoqee biyya Oromiyaa jedhamtu ijaarratu hin feetu. Kanaafis sababa qabdi. Akkuma duraan isinta hime Eertiraan dantaa nagaa (peace) fi diinagdee Oromoo irraa qabdi. Yo Oromoon Itoophiyaa bulche nagaa argatti.
3. Dantaa/Fedhiyadaa Diinagdee fi Badhaadhinaa
Itoophiyaa woliin daldalchuu fi itti daldalattee duroomuu (prosperity) illee feeti. Humni guddaan Itoophiyaa wolitta qabuu danda’u kan nagaa isii hin booressine, kan gaafa Afrikaa san tasgabbeessuu danda’u kan buufata Asab isiirraa kireeffatuu danda’u Oromoo akka ta’e ni beekti. Yo garuu Itoophiyaan faffacaate nannoo san nageenyi yo dhabame isiille ni miidha. Daldala isiille ni miidha. Garuu Itoophiyaan yo jiraattee mootummaan isiidhaan woliif galu, yo danda’ame kan ofii muudde gara angoo yo dhufe port (buufata) Asab sanis ni kireessiti meeshaa gara garaalle gara Itoophiyaa ergitee gurgurattee duroomuuf gargaara.

Dhimma Hariiroo biyyoota biraa ykn biyyoota olla biraan gaafa biraa hanga wolitti deebinutti ammaaf nagaan naaf turaa.

Via: Nagessa Oddo Dube