Dur-duubee Adeemsa Koloneel Abiy Ahimad Ittiin Oromoo Cabsuuf Yaale: Bara 2008 – 2013 ALI.

Dur-duubee Adeemsa Koloneel Abiy Ahimad Ittiin Oromoo Cabsuuf Yaale: Bara 2008 – 2013 ALI.

ByOromedia

BY M M
1. Qabsoo oromootti makamuu:

Adeemsi Koloneel Abiy Ahmad itti qabsoo oromootti makame bu’uuruma irraa kan gaaffii kaasuu malu dha. Gaafa hooggansa federaalaa irraa gara Oromiyaatti dhufe sana iyyuu eenyutu yeroo rakkoo sanattii isatti amanee gadi fide? Kanjedhu gaaffii tokko. Inni kan biraa, jijjiirama gaafa sana DH.D.U.O keessatti ta’ee fi qabsoo Qeerrootti dabalamee kan hoogganaa ture Lammaa Magarsaa isa caffeedhaan filatame ture. Garuu Lammaan gaafa asbahe, akkamittiin Koloneel Abiy gara isaatti fidee qabsoo oromootti dabale? Durumaan kaayyoo walii beekumoo akkamitti nama Wayyaaneen hinjaalanne (Wayyaneen ilaalcha Abiy maal akka ta’e durumaan beekti) sana yeroo hamaa sanatti filatee gadi fidachuu danda’e? kanjedhu gaaffii biraati. Inni kanbiraa yaadni Lammaa Magarsaa fi Abiy hagana adda adda ega ta’ee harka lafa jalaatiin gandi nafxanyootaa nama isaanii oromiyaa keessatti guddifachaa turanimoo booduma ega aangoo argatee yaada nafxanyaa kana galmaan gahuu filate? Kanjedhus gaaffii biraa dha. Waanta fedhe ta’us garuu bifa nama dhibuun DH.D.U.On gaafa masterpilaanii Wayyaanee didde sana haala salphaan itti makamee yaada isaanii baree afaan isaanii dubbatee qabsoo isaanii hooggane.

2. Team Lammaa keessatti dhiibbaa ummuun filatamuu:

Ega Team Lammaaitti dabalamee booda Koloneel Abiy, akkuma warra kaanii callisee yaada Wayyaanee fi Yaada bitamtoota koree geddu galeessaa irraa isatti kennamee wayyaaneef hojjechuu dhiisuudhaan yaada Team Lammaa haalaan deeggaruu fi uummata faana walitti dhufuudhaan ofbeeksisuu itti fufe. Hamma fedhe uummatni Lammaa Magarsaatiin haa jaallatuu fi haa amanu malee, team Lammaa keessatti garuu nama dhiibbaa uumuu fi ofmul’isu ta’ee argame. Yaada adda addaa kan miseensa team Lammaa amansiisuu danda’uu fi Lammaa mataa isaa goyyoomsuu danda’u maddisiisuu eegale.

Fakkeenyaaf leenjii barsiisota yuunivarsiitiilee oromiyaa keessa jiraniif kennuuf Adaammaatti waammame irratti ‘prezenteeshinii’ kankennaa turee fi of beeksisaa ture Abiy Ahmad dha. Akkuma qabsoon Oromoo haalaan dabalaa fi finiinaa adeemeen yeroo Wayyaaneen mariidhaan furmaata kennuuf jettee walgahii koree geddu galeessaa fi hojii raaw’achiiftuu irra deddeebitee yaamaa turte olaantummaa siyaasaa DH.D.U.U.On qabsoo qeerroo sababeeffachuun argatte keessatti, gaafa Hayilamaariyaam aangoo gadlakkisuuf murteeffate, gaaffii kaadhimamaa Muummicha Ministeeraa eenyuun dhiyyeessina jedhu gedduu DHDUOtti uumame.

Kuni Abiy Ahimadiif haala mijataa uume. Durumaan fedhii Muummicha Ministeeraa ta’uu akka qabu kan namoota akka Mallas Zeenaawwii, Saamoraa Yenuus fi Sibahaat Naggaatti odeeffachaa turee fi haati isaa waggaa toorbatti akka isaaf abjootte dubbatu kanaaf hulaa bal’aan saaqqame. (Haati isaa Itoophiyaa akkamii hooggani ykn Itoophiyaa akkamii ijaari akka jetteenii waanti beekkame hinjiru garuu NUGUSA taata naanjette jedha waanta’eef, sirna Minilik akka leelliftu tilmaamuun salphaa dha). Hulaa guddaan Abiyyiif saaqame sanis ‘namni kaadhimamaa Muummicha Ministeeraa ta’ee dhiyyaachuu qabu nama miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa ta’e ta’uu qaba kanjedhu ture. Kuni hegaa waan inni barbaadu kan dhugoomseefii fakkata. Fudhatamni inni fafakkeessuudhaan Team Lammaa biratti argatee fi ulaagaan heera mootummaatiin taa’e kuni abjuu haadha iaa isaaf dhugoomse.

Asirratti kan hubatamuu qabu ulaagaa heera mootummaatiin keewwame qofaa osoo hintaane qaruuxummaa fi fafakkeessuu Abiy fayyadameen Lammaa magarsaa fi koree Giddu Galeessaa DHDUO goyyoomsuu danda’uu isaati. Osoo jara goyyoomsuu baateera ta’ee, akka yaadni yeroos alaafi keessaa ka’aa ture, Lammaa magarsaatiin filannoo hatattamaatiin miseensa mana maree uummataa gochuudhaan kaadhimamaa gochuun ni danda’ama ture. Yaada kana Wayyaanee keessaalle kandeeegaran hedduu turani. Sababni isaa wayyaneen eenyummaa Abiy Ahmed Lammaa magarsaafaa caala nibeekti ture. Fedhiin isaa fi fuula duratti Itoophiyaa akkamii uumuu akkanni hawwus ni beekti ture. Garuu DHDUON osoo hinbeekiin (akkan tilmaamutti) Abiy Ahmadiin kaadhimamaa Muummicha Ministeeraa akka ta’uuf qabsoo sabboontota Oromoo Team Lammaa akka hoogganuuf filatanii as baasani. Dogongorri guddaan gaafa kana uummame. Abiy Ahmad dadhabbina DHDUO fi Team Lammaa gaafa kana fayyadamee waanta barbaadu harkatti galfate.

3. Imala Gara Eertiraa, ABO biyyatti deebisuu fi WBO cabsuu:

Imalli Abiy Ahmad gara Eertiraatti taassise imala diippiloomaasii qofaa hinturre. Akkuma Dr. Biraanuu Naggaa sodaa guuddaan byya kanaa sabboonummaa oromoo fi ABO dha jedhee balleessuudhaaf bosonatti gale, Abiy Ahmadis siyaasa oromoo keessatti haga ABOn hinbanneetti ykn harka isaa keessa hingalleetti sabboonummaa Oromoo cabsuu fi dhabamsiisuun akka hindandahamne cimesee beeka.

Akkuma gaafa Gondar fi Baahirdaar adeeme sana sabbonummaan Oromoo Oromoo nixiqqeesse malee homaa hinfayydne jedhee dubbate sanatti amana. Inni kan uumuu barbaadu biyya Itoophiyaa afaan tokko dubbattu aadaa tokko qabduu fi saba tokko kabajjuu dha. Kunimmoo haga sabboonummaan oromoo jiruu fi ABOn jirutti akka hindanda’amni cimseet amana. Kanaaf diippiloomaasiin alatti araarri mootummaa Eertiraa kan barbaachiseef da’oo ABO dhorrkachuu fi Eertiraa walin ta’ee siyaasa sabboonummaa balleessuu dha. Adeemsa kana keessatti Obboo Lammaa magrsaas fayyadameera. Waraanni Bilisummaa Oromoo hundi kan Eertiraa jirus kan bosona jirus akka gaafasma ABO faana galan walii-galtee tolchuuf oliif gadi kaatee haga danda’u amansiifateera. Gaafuma ABOn biyya keessa galu qeerroo simannaa dhaaf baate irraatti duula qindaawaa karaa bassatota isaa banuudhaan qeerroo afurtamaa ol 40 aarsaa lubbuu kafsiisee, ofii isaammoo basaastota isaa dhalattoota saba Dorzeetti naqee qalsiisee maqaa ABO sadarkaa addunyaatti balleessuuf yaale.

Ega ABOn biyya keessa galee shira adda addaatu isarratti raaw’tame. Kan ammaa isarratti adeemsifamaa jiru kanas ilaalaa. Kunoo akkuma amma hubachhaa jirru hooggansa ABO illee dhabamsiisuudhaaf waanti hin yaallamne hijiru. Hayyuu duree Jaal Daawwud Ibsaa irraatti fonqolcha aangoo raawwachiisuuf yaalchiseera. Hooggantootaa fi gorsitoota olaanoo mana hidhaatti guureera. WBO Eertiraa irraa galan 1000 ta’an sanas kaan shiraan mana hidhaatti galchani, kaan kan wareegamanis jiru, kaanimmoo hojii xixiqqoon itti kenname. Kuni hegaa tarkaanfii sabboonummaa oromoo balleessuudhaaf fudhatame keessaa isa hangafa dha. Garuu shirri dalagame deebi’ee warruma dalage nyaachaa jira.

4. Imala gara Minesootaa:

Gaafa qabsoo qeerroo isa maasterpilaaniin dhoosee ilaallu hooggansa olaanaa fi tarsiimawaa hanga Wayyanee sochoosee raasee jigseetti kan hoogganaa ture Jawaar Mohaammad ture. Jawaar biyya keessa taa’ee osoo hintaane Minisootaadhuma taa’ee hooggansa bilchaataa laatee hooganaa ture. Kanaaf Jawaar nagaan achi jiraachuun mataa dhukkuubii fi madaa mogolee Koloneel Abiyyitti ta’e. Abiy Ahmad immoo mootummaa abbaa irree ta’uun murtoo isaa ganamaa waanta’eef nama yaadaan isa mormus akkuma nama hidhannoodhaan isa mormuu balleessuuf duubatti nama jedhu miti.

Akkuma qabsoo hidhannoo ABO dhaan hoogganamu balleessuu dhaaf inni salphaan abaabbaalanii gara biyyaatii galfachuu dha jedhee amanu, Jawaariinis akka yaadaan isa hinmorminee fi to’annoo isaa ala hinbaane gochuu dhaaf tooftaa inni cimaan biyyatti gafachuu dha jedheet amana. Jawaar Mahaammad qeerroo miliyoonotaan lakkaahaman sochoosa waan ta’eef biyya alaa ykn bakka Abiy isa tuquu hindandeenye taa’a taanaan Abiy aangoo akka hinqabnee fi yoo hoogganes akka qeerroon jedhetti mootummaa cehumsaa qofa hoogganuu akka ta’e cimseet beeka. Kanaaf karaa kamiinuu ta’u Jawaar Mohaammadiin biyyaati galchuun dirqama jedheet itti adeeme. Adeemsa Jawaariin biyyatti galchuu keessatti qooda guddaa kan taphate akkuma isa ABO galchuu sanii Lammaa Magrsaati. Akka yaada Abiy Ahmaditti, Jawaar hinjiru taanaan Qeerroon homaa huna hinqabu. Garuu asirratti kan Abiy dogongore Jawaar jiraachuutu irra caala qeerro Abiy irraa tasgabbeessa ture.

5. Qeerroo diiguuf yaaluu fi Oromoo qoqqooduu:

Shira Abiy Ahmadii fi kittillaayyootni isaanii hojjechaa jiran keessaa inni tokko Qeerroo adda diiguu fi fedhii gedduu galeessaa tokkoo akka hinqabaannee fi tarsiimoo waaltahaan akka hin masakamne gochuu dha. Oromoo kutaa fi lagan adda qoqqooduun ati achii dhufte, ati asidha, ati fedhiinkee kana, lafa finfinneerraatti kan murteessu qeerroo ebeluuti, qeerroon godina akkanaa sitti inaafeera maaloo maaloo jechuudhaan adda qoqqodumsa fiduuf irratti qabsaahameera. Fakkeenyaaf – Oromoo Shawaatiin “Finfinneen kankeeti lafa Finfinnee irratti murteessuu kan malu isini jedhu, -Wallaggii fi Oromoon iddoo kaanii dhufe maqaa nuti tokko jedhuun lafa keessan isinirraa fudhachuufi” jedhu. Oromoo Wallaggaatiin immoo “Shawaan isin jibbeera, Shawaan mootummaa deeggaraa jira, isaan isin basaasu mootummaa faana ta’anii isin miidhaa jiru” jedhu. Arsiif Baalee deemanii “Kunoo Warra Shawaatu Minilik faana ta’ee Isin garboomfate, lafa keessan isinirraa fudhate” jedhu. Wharra Shawaa irraa dhaqee achi jiraatuun immoo “mana amantaa jalaa kaa guban, qabeenya jalaa akka mancaasan kunoo Arsiitu isin jibbee akkana isin gode” jedhu.

Walitti bu’insa amantaa uumuu barbaadu. Ofumaa mana amantaa kiristaanaa akkaa guban kunoo kan gube warra musliimaati jedhu. Miidiyaa qabaniin sa’aa digdamii afur waahee isaa affarsanii jibba tolchu. Walumaa galatti Oromoon bakka hundumaatti lagaa fi amantiidhaan akka walqoqqooduuf akka malee dhama’u. Garuu kuni hunduu Oromoo birattii kufaa ta’e. Oromoon durseet shira isaanii irratti bare.

6. Diigamuu team Lammaa fi bakkaa buufamuu ergamtootaa:

Team Lammaan jaallateet osoo hinta’iin dagameet diiggame. Sadarkaa duraaitti Team Lammaan akkaataa itti diiggame keessaa tokko Dr. Warqinee Gabayyoo fedhii isaa fi Garee isaa alatti Ministeera biyya alaa irraa kaafamee Sobaan waajjira UN Baha Aafrikaatti barreessaa ta’eera jedhameet kaafame. Gaafa sana akka Dr. Warqinee Gabayyoo shiraan kaafame namni akkaan hubate hinturre. Itti aansuudhaan fedhii Oromoo fi fedhii isaani alatti Lammaa Magarsaatiin, hogganaadhuma Team Lammaa mataa isaa, aangoo Perezedaantii oromiyaa irraa kaasuudhaan gara kaabinee federaalaatti geese. Asirratti waanti hubatamuu qabu, gaafa kaase, hojiidhaaf akka waan barbaadee fi sadarkaa federaalaatti nama waan dhabe fakkeesse. Garuu dugaan isaa mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa yoo kaase, Lammaa Magarsaa jaalates jibbes humna ittiin isa fuldura dhaabbatu hinqabu jechuu dha.

Kanaaf Lammaa Magrsaa bifa kanaan hojiin ala ta’e. Miseensa team Lammaa keessaa kanbiraa namni cimtuu turte Aadde Xayibaa Hasan turte; Isheedhaanis bifuma walfakkaatuun hojiirraa balleesse. Bakka sabboontota kanneenii namoota garaadhaaf bitamanii fi haamlee hinqabne, kan akka barbaadetti waamee ergatu namoota haamlee hinqabne kan akka Pirezidant Shimallis Abdiisaafaa bakka buuse. Hegaa Teeam Lammaan akka hindeebinetti asirratti diiggame jechuu dha.

7. WBO bosonatti hafe galchuuf jaarsummaa erguu:

Qabsoo oromoo keessatti dogongora uumame keessaa tokko WBO bosonatti hafe galchuudhaaf dhamaatii taassifame dha. WBO galchuun miidhaa cimaa haaqabaatu iyyuu malee shira jarri(kittillayyootni OPDO kan akka Alamiu Simee fi ergamtootni Abiy) hojjetan garuu kan agarsiisuu eegale adeemsa WBO galchuu irratti taassifame dha. Adeemsaa sana keessatti yooxiqqaate waraana 1500 ol WBO dhabsiiseera. WBO Eertiraa irraa galan faana walitti daballee yoo ilaalle walumaagalatti waraana 2500 ol shiraan mooraa qabsoo Oromoo dhabsiisee jira. Hegaa kuni itti fufinsa adeemsa Koloneel Abiy ittiin ABO balleessuu fi WBO dhabamsiisuudhaaf fayyadamaa ture dha. Sobaan kakachuu fi fafakkeessuun Koloneel Abiy namoota qaroo siyaasa oromoo ta’an kanneen akka Jawaarii fi Obbo Baqqalaa illee dogongorsiiseera. (Garuu gafa sana kakaa fi soba Abiy gaafa ilaaltu Jawaarfaa dogongoraniiru jechuun ni ulfaata). Abiyyi Ahimadiin abdii kutannaa fi duula ifa gala sabboonummaa oromoo irratti dafee akka eegaluuf kan isa kakaase keessaa inni tokko duula WBO galchuuf taassiise sana milkaahuu dadhabuu isaati. Osoo WBOn hundi harka kennee galeera ta’ees PP waanti jedhamtu kuni uumamuun ishee waan hinhafne. Garuu caba guddaa Oromoof ta’a ture.

Bakka WBOn hinjirreetti silaa Oromoon ammas qabsoo harka ofnyaachuu itti fufa ture.
8. Arrabsiisuu fi maqaballeessii Oromoo: Adeemsa sabboonummaa oromoo cabsuu keessaa inni hangafni duula miidiyaalee fi maqaa balleessiti. Kuni qorqalbii Oromoo cabsuudhaaf kan gaggeeffedha. Sabni qor-qalbii cimaa hinqabne immoo tokkummaas sabboonummaas hinqabaatu. Gaafuma Jawaar Mohaammad Biyyatti galee simaannaa qeerroon Shaashamannee gooteefii qeerroo maqaa balleesuun eegalame. Basaastotni OPDO warri Abiy ergatu qeerroo simannaa Jawaariif baate keessa galuudhaan mucaa nagaa ajjeesanii miila olgaragalchanii fannisani. Kuni dogongoraan kan raawwatame osoo hintaane basaastota Abiyyitu beekaa maqaa qeerroo gurraacheesuudhaaf raawwate. Miidiyaaleen Abashaa immoo kumaa kitilaan walharkaa fuudhanii afarsanii maqaa qeerroo fi oromoo balleessuu eegalani. Mangaa jedhani. Firdii MANGAA jedhani.

Oromoon kunoo nama ajjeesee fannies jedhanii afaarsani. Garuu immoo -Beenishaangul gumuz keessatti hidhattootni Amaaraa nama 500 ol ajjeesanii boolla tokkotti awwaalani, warra hospitaala dhaqellee yaala dhowwatanii ajjeesani, homaa hindubbatamne. Qorattoota lama Goojjamitti dhgaan tumanii ajjeesani – homaa hindubbatamne. Mucaa gargaaraa konkolaataa Dabramaarqositti Betaskaana keessatti ajjeesanii gubani -homaa hindubbatamne. Kan oromoo garuu…… Kan Jala bultii bara 2012tti masaraa mootummaa keessatti Daani’eel Kibrat Intala adaadaa isaa waamee Oromoo arrabsiises itti fufinsuma maqaa balleessii kana ta’uu isaati. Mangaa jette…, Yebariyaa lij jettee arrabsite. Namni itti dubbate hinjiru inumaayyuu beekkamtii argattee miidiyaa irratti akka affeeramte goota jedhamte. Qor-qalbiin Oromoo itti duullame, cabsuuf yaallame. Garuu faallaa isaa ittuu kallattii tokko qabate.

9. Humna republikaa qofaatti leenjisuu:

Huni kuni kan ijaarrame shakkii Abiyyi humna waraanaa irraa qabu irraa kan ka’e dha. Kan walitti dhufanii ijaarramanis akkaataa itti oromoon adda qoqqoodamuu danda’uu fi Oromoo lagaan qoodee diinummaa guddisuu danda’uuni. Humni Rippaabilikaan Guard jedhamu kuni haga danda’ametti humna waraanaa keessaa Abiyyiif kan amanamee fi haga sa’aa dhumaatti na’ittisa jedhee kan yaadu dha. Humni kuni Oromoo cabsuu irratti dhiibbaa al-kallattii haaqabaatu malee kallattiidhaan garuu caalmaa Wayyaaneen human waraanaa keessatti qabdu irraa of-eeguudhaaf kan ijaarrame dha.

10. Jawaar Mohaammadiin ajjeesuuf yaaluu:

Gaafuma duraa Koloneel Abiyyi Jawaariin gara biyyaatti akka deebi’uuf jaarsummaadhaan cinqee biyyatti kan fidateeef gaafa barbaade hidhee gaafa barbaade ajjeesuuf ture. Dhiibbaa warri Abashaa akka inni Jawaariin dhabamsiisuuf godhan irraa kanka’e ofii biyya alaa adeemee jawaariin halkan durriyyee itti ergee ajjeessisuuf yaalii godhe. Sababa kanaan uummatni Oromoo aaree hiriira mormii isaa karaa nagaa dhaggeessifachuuf baanaan durriyyee fi basaastota isaa qindeessee waraana irratti banee Oromoota hedduu galaafate. Ilaalaa kan balleesse isa kan maaf hiriira baatu jedhee ajjeeses durriyyoota isaa fi basaastota isaa. Garuummoo akka waan Oromoon saba biraatti bu’ee fakkeessuudhaa fi lola amantaa fakkeessuudhaaf bakka adda addaatti durriyoota qindeessee bobbaase. Mana amantaa guggubani. Nama ajjeesani.

Qabeenya mancaasani. Hegaa kana hundumaa kan godheef tokko- kunoo deeggarsa uummataa qaba akka jedhamuu fi lama immoo- uummatni oromoo sabaa fi amntaa biraatti bu’ee miidhe jedhee maqaa xureessuufi. Kuni itti fufinsa tarsiimoo maqaa balleessiiti. Tarsiimoo qor-qalbii cabsuuti. Garuu qeerroon waggaa afur guutuu Maaster plaaanii yeroo mormaa ture gaafa tokkollee sabaafi amantii biraatti bu’ee hinbeeku. Amma maaltu dhuferee? Deebiin- shira Kolonoeel Abiy.

11. ODP diiguu fi PP uumuu:

Gaafa duraa Team Lammaan qabsoo Oromootti dabalamee as, oromoon hedduun amantaa fi tarii DHDUOn sabboontotaan hooganamtee kanjedhuun deeggaruu eegale. Hooggantoota qeerroo gurguddoo kan ta’an warri akka Jawaarfaa illee deeggarsaa fi irratti haa ilaallu kanjedhu yaada waan qabaniif qeerroo irraa tasgabbeessaa turani. Gaafa DHDUOn diigamee gara ODPtti geeddaramu namni hedduun akka sabboontotni hooggansa Team Lammaa keessa jiran godhaniitti fedhate. Maqaa DhDUO jijjiiranii fudhatama uummata biratti qaban dabaluuf jedhanii ODPtti jijjiran jedhamee fudhatmni isaanii haalaan dabale. Deeggarsa Oromiyaa keessatti qaban kan yeroo kamuu caalaa argatani. Sadarkaa akka paartii oromoo tokkootti ilaallamuuf gahanii inumaayyuu sadarkaa ABO fi KFOtti ilaallamanii, Oromoon hedduun maalif paartiin keenya tokko hintaane jedhee gaaffii kaasaa ture.

Paartiileen gurguddoon Oromoo qabu walitti dhufuudhaan gaaddisa hooggansa Oromoo jalatti walitti qabamani. Haata’u malee Koloneel Abiy Ahmad, inni deeggarsa uummataatiif homaa gatii hinkenninee fi inni siyaasa Oromoo tuffatee ilaalu san ODP of-jalatti diigee, gaaddisa hooggansa Oromoos diigee deeggarsa argate sanas gatii dhabsiise. Gaafa ODPn diiggame Jawaar Mohaammad xiinxala siyaasaa haalaan cimaa ta’ee fi ODP diiguun jeequmsa siyaasaa amma dhufe kana fiduu akka malu lafa kaa’ee fi maal ta’uu akka qabu fi ODPn diiggamuu akka hinqabne itti hime. Garuu Koloneel Abiy gorsa isaaniitiif gurra hinlaanne. Adeemsaa fi kaayoo isaa isa gaafa inni waggaa toorbaa isatti himame sana akka dhugoomsuufii lafa qabsiisee eegale. PP ijaare. Asirrtti kan gaaffii namatti ta’u yeroo akkana namni tokko oliif gadi rukutee, kan barbaade ijaaree kan barbaade diigu, warri gadi jiranis maalif walumaan diigamanii ijaaramu? Fedhii dhuunfaa malee fedhii siyaasaa namni qabu hinjiru jechuudhaa?

12. Humna addaa baayyinaan leenjisuu:

Humna addaa baayyinaan leenjisuun tarsiimoo ittiin Abiy Ahmad qeerroo fi Oromoo akka walii galaatti humnaan cabsuuf uummate dha. Filannoon yoojiraates humnaan korojoo hatuuf tooftaa baafate dha. Baayyinaan leenjisuu siyaasa Oromoo irraa kan adda ta’e, Itoophiyaa eeguu, kanjedhu sagantaa giddu galeessaa godhateet leenjifate. Ijoolleen humna addaa ta’anii leenjifaman kunneen gaafuma walitti calalamanii leenjiif geeffaman dugduubeen isaanii ilaalamee ijoollee Abiy Ahmadiin deeggarantu walitti sassaabame. Dabalataanis bakka leenjiitti haga danda’ame sammuu keessaa dhiquu fi ajandaa Itiyoophiyaa tokko ijaaruu sammuutti naqe.

(As irrarri waanti hubatamuu qabu Abiy gaafa sammuu dhiqu ykn brainwash godhu, ajandaa dhokataa fayyadama malee kallattiin hindubbatu. Oromootu Gaanfa Aafrikaa bulchuuf adeema, Oromootu kaayyoo keenya nuhubachuu dadhabe malee akka Oromoon waggaa kuma tokko biyya kana bulchu goona, Oromoon qabeenyaan akka badhaadhu goona kanaaf maqaan keenya Badhaadhina jenne jedhee sammuu dhiqa). Ijoolleen humna addaa keessaa bahan kunneen sababa kanaaf Abiy Ahmad kan Oromoodhaaf hojjechaa jiru isaanitti fakkata. Kuni hegaa tokko hubannaa siyaasaa xiqqaa isaan qaban irraa kan maddee dha. Inni lammataa bu’aa xixiqqoon fuldura isaanii qabamee isaan goyyoomsuu dha. Haata’u malee akka yaaddametti galma gahaafii hinjirru. Bakka adda addaatti hidhannoo guutuu waliin gara WBOtti makamaniiru, kaan immoo qeerrootti hindhukaasu jechuun gatanii deemaniiru.

13. Filannoo dabarsuu:

Carraa akka waliigalaatti Abiy Ahmadiif uumame keessaa inni guddaan weerara dhukkuba COVID-19 ti. Akkuma addunyaatti dhukkuba hamaa weerara guddaa uume haa ta’u iyyuu malee filannoon biyya hedduu keessatti baruma weerara dhukkuba kanaa gaggeeffamee jira. Akkaataa biyya Itoophiyaa kanaa yoo ilaalle immoo hiriirri filannoodhaaf hiriirramu hiriira taaksii, hiriira mana daabboo, fi hiriira adda addaa caaleet koroonaa babal’isa jechuun dhugaa hinfakkaatu. Sababa guddaa Abiy ittiin filannoo dheeresse garuu carraa kanatti fayyadamuudhaan ijaarama KFO fi ABO cabsuudhaaf ture. Ijaarramni paartiilee kanneen lamaanii Abiyyiif mataa dhukkubbii fi osoo ilaaluu aangoon harkaa bahuuf akka qajeele waan mul’iseef carraa kanatti fayyadamee yeroo bitachuu barbaade. Mana maree Federeeshinii fi mana murtii waliigalaa harka isaatiin hoogganu fayyadamuun ibsa Ministeera fayyaa Itoophiyaa (MOH) fi Inistiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) irraa kennamu fayyadamuudhaan filannoon yeroo hinmurtoofneef akka darbu taassise.

14. Haacaaluu Hundeessaa ajjeessisuu fi Jawaar dabalatee hooggantoota siyaasaa oromoo Hidhuu:

Sababa filannoon darbeef yeroo bitachuu danda’e kana keessatti waanta inni hojjete keessaa inni hangafni Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeessisuu isaati. Jaalalaa fi fudhatama haacaaluun uummata Oromoo biratti qabuu fi dhaggeettii inni qabu waan beekuuf sodaa guddaa Hacaaluu irraa qaba. Haacaaluu gaafa akka ajjeefamuuf murtaa’e tooftaan dhahame keessaa faayidaan isaan shallagatanii itti adeeman keessaa tokko- ilaalcha oromoon qabu, Kan tuttuqaa Haacaluu irra gahaa ture irraa dhufe dha. Innis Humna Nafxanyaati. Hacaaluu kan ajjeesuu malu humna nafxanyaa akka ta’e Uummatni Oromoo waan amanuuf walitti bu’insa hamaa uumuun maqaa oromoo balleessuu kanjedhu ture. Inni lammaffaan kan Haacaaluu ajjeese Shaneedha jechuun akka uummatni Oromoo WBO jibbuu fi Oromoon lagaan walqoodu gochuu kanjedhu ture. Akkuma ibsa isaanii irratti kennanitti Shanee jechuun Wallagga jechuudha kanjedhu walitti fidanii uumuudhaan akka Uummatni Oromoo Wallagga jibbuuf olola adda addaa miidiyaa mootummaaatiin tamsaasaa turani. (Garuu sammuu Oromoo keessa Shanee jechuun, maqaa isaan moggaasan, kan WBO ittiin waamanii fi WBOn immoo laphee nama hundaa keessa akka jiruu fi Wallagga qofaa akka hintaane hinbeekani ture).

Bu’aan inni kan biraa isaan arganna jedhanii yaadanii Haacaaluu ajjeessisan, keessaa sababa kana fayyadamuudhaan dhaabbilee Oromoo ciccimoo ta’an kanneen akka ABO fi KFO diiguu dha. Akkuma mul’ate kanatti sababa adda addaa uumuudhaan Jawaarii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee hooggantoota KFO hedduu hidhuu fi deeggartoota KFO hidhuu fi ajjeesuu tti xiyyeeffatan. Akkasumas hooggantoota ABO hidhuu fi ABO diiguudhaaf aggaammii gaggeeffame isuma agarre dha. Garuu kan nama dhubiif gaaffii namatti ta’u hooggantootni KFO fi ABO akkamittiin ajjeechaa Art.Haacaaluu, gameessa Oromoo, waliin walqabatee shakkamani kanjedhudha. Kuni gamnummaa qoronii keessa luuxuu kanjedhu sana ibsa. Osoodhuma argamanii nama dhokachuu jechuu dha.

Garuu kan isaan wallaalan keessaa duuti Art. Haacaaluu daangaa diimaa isaaniif Oromoo gedduutti sararuu akka malu hubachuu dadhabuu isaaniiti. Akkasumas daangaa diimaa Oromiyaa fi Itoophiyaa isaan faarsan gedduutti uumuu isaati. Inumaayyuu Oromoo ilaalcha siyaasaatiin gedduu dhaabachaa ture sana gara qarqara tokkootti walitti fide. Deebiin Oromoo kandeebi’u gaafa Oromiyaan bilisoomte qofa jedhanii akka yaadan taassise.

15. Namoota Hiriira nagaa harka duwwaa bahan rasaasaan fixuu:

Tarsiimoon hiriira nagaa irratti tarkaanfii fudhachuu inni guddaan Oromoo jiilshuudhaan hiriira nagaa akka hinbaane gochuu dha. Hiriira nagaa lagachiisuu fi sodaachisuun kuni hiriirri nagaa oromiyaa keessatti bahamuun Wayyaanee illee akkamittiin akka cabse waan beekaniif hiriira nagaa jiilchuu barbaadu. Humni addaa leenjifamee bahe san tokkoffaa ergamni isaan fudhatanii bahan keessaa inni guddaan hiriira nagaa fi gurmaa’insa qeerroo diiguu kanjedhu dha. Kanaaf qeerroo hiriira bahee fi karaa nagaatiin falmatu irratti rasaasa gadi qabanii dhukaasuudhaan hedduu galafachaa jiru. Fakkeenyaaf gaafuma Haacaaluun du’e qofaa nama 300 ol ajjesuun tarsiimoo isaanii kana mirkaneessa.

Sadhaata ittiin namni ajjeefamu yoo ilaalle bara wayyaanee sana irra salphata. Bara sana guyyaa irreechaa irratti namna dhume sana yoo ta’e malee kan guyyaa tokkotti namni 300 ol itti dhume hinjiru. Garuu bara Koloneel Abiy guyyaa tokkotti kuni hundi ajjeefame. Waanti baramuu qabu, qabsaahaa haqaa bira jiilchuu kan jedhu hinjiru, ittuu namni abdii kute humnaan akka mirga isaa gaafatu taassisa malee.

Bara Fulabaana 2, 2013