Alert Urgent! Mootummaan HD ABO jaal Daawud Ibsaa dhabamsiisuuf shira dalagaa akka jiru saaxilame.

Alert Urgent! Mootummaan HD ABO jaal Daawud Ibsaa dhabamsiisuuf shira dalagaa akka jiru saaxilame.

#ethiopian_and_eriteria_house of people representative


ቴሌ ሳያዉቀዉ ጃዋር ቤት ተገኘ ተብሎ የታሰረዉ ኬኒያዉ ሳተላይት መሆኑ ነዉ?

Free #YassinJuma
#OromoProtests #OromoRevolution ‪ #FreeAllPoliticalprisoners #AbiyMustGo #StopKillingOromoPeople #FREE_OMN_JOURNALISTS #StopArrestingOromo #StopTorturing
መልካም አመትባል!


Gootummaan Didhaa Keessaa baha!!
===========
Ragaan keenya kunoo ti! Diinni qaama keenya hidhuu malee, hariiroo keenya, murannoo keenya, walabdannaa keenya, kutannoo keenya, kaayyoo keenay hidhuu hin dnadeessu!
Ergaan kunis hidhamtoota Oromoo #TeamCulullee36 (soddomii jahan) mana hidhaa diinaa keessa jiran irraa kan nu gahe!
Gootummaan didhaa keessaa malee, gammachuu keessaa hin dhufu!!
IID Mubaarak!!

Dábessá Gemelal

#Alert #Urgent
Mootummaan Kol Abiyyiin durfamu HD ABO jaal Daawud Ibsaa dhabamsiisuuf shira dalagaa akka jiru saaxilame.

Akka odeessi Oromedia gahe ibsutti, HD ABO dhabamsiisuuf Adoolessa 30/2020 irraa eegalee namoonni dirqama fudhatan marii bal’aa gaggeessaa turan.

Odeessi kun akka ibsutti HD ABO jaal Daawud irra uggurri kaayame Adoolessa 30/2020 galgalaa eegalee akka kaafamu murtaa’e.

Amma kan itti aanu HD ABO jaal Daawud Adoolessa 31/2020 halkan keessa ykn Hagayyaa 1/2020 barii qaamni naannoo mana isaaniitti ramadame akka tarkaanfii fudhatu ajajameera.

Akka odeessi nu gahe ibsutti gochaa badii kana adda dureen kan qindeessaa jiran namoota mootummaa irraa dirqama fudhatanii wal gahii guyyaa lamaa oliif gaggeessamaa ture irratti hirmaatan: #Alamuu-Qinaaxxii fi #Beyyanee-Biraanuu jedhamu.

Haala kanaanis guyyoota muraasa darban namni gabaabaa giddu galeessi naaduraa gurraacha (eye glass gurraacha) godhatee mana HD ABOtti seenee bahaa akka jiru bira gahameera.

Humnoonni gochaa kana raawwatanis, Mana HD jaal Daawud Ibsaa keessa huccuu military baay’inni isaa 50 ol tahe kaayuuf karoora akka qaban beekameera.

Kanaaf guyyaa har’aa halkan irraa eegalee gochaan kun raawwatamuuf nammooni dirqama fudhatanii socho’aa jiran.

Namoota dirqamni HD ABO dhabamsiisuu kun itti kenname Alamuu Qinaaxxii fi Beyyanee Biraanuu dha. Oromoon seenaadhaaf galmeeffachuu qaba.

Ummatni keenya fi Qeerroon keenay bakka jirtanitti qaruuxummaa keessan jabeessaa! Oromoon biyya keessaa fi alaa gochaa kana karaa hundaan fashaleessuuf akka hordoffii goodtan waamicha jabaa isiniif dabarsina!!

Ajjeechaan Kunis Qeerroo Bilisummaa Oromoo muraasa irrattis qiyyaafatee akka jiru bira gahameera.

Ummatni keenya keessaa fi alaa beekkannoo fi eeggannoo jabaan akka gootaniif eegdonni warraaqsa Oromoo hubachiisaniiru!!

Dábessá Gemelal

 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.