ህገ ወጡ የፌድሬሽን እና የህብረተሰብ ተወካዮች የጋራ ስብሰባ

ህገ ወጡ የፌድሬሽን እና የህብረተሰብ ተወካዮች የጋራ ስብሰባ

Motummaan Ce’umsaa Oromiyaa Hatattamaan Ijaarramuu Qaba! (Dr Tsaggaayee Araarsaatin)
 
Motummaan Itiyoophiyaa Abiy Ahmadin hogganamu guyyaa kaleessaa (October 5, 2020) irraa jalqabee haangoo seera qabeessa kan biyyattii ittin bulchu dhabeet jira. Motummaan bulchiinsa Naannoo Oromiyaa kan harka Bilxiginnaa keessa tures, kaleessa irraa kaasee Oromiyaa bulchuuf haangoo seera-qabeessa ta’e hin qabu. Kanaaf, Oromiyaan motummaa ce’umsaa gad dhaabuu dhaan hanga filannoon godhamee bulchiinsi dimokraatawaa ta’e ijaarramutti, naannicha shiftoota Bilxiginnaa jalaa oolchuu dhaaf, nagaa fi tasgabbii uumuu dhaan, saba keenya bulchuu, lammilee keenya balaa irraa hambisuu, qabdi.
 
1. Motummaa ce’uumsaa kana eenyutu ijaaruu qaba? Eenyutu itti hirmaata?
 
Motummaa ce’umsaa ijaaruun walgayii haanga’oota hundaa walitti fidee kallattii motummaan ce’umsaa ittin ijaarramuun fi haala hojii isaa ittin raaw’atu irratti waliigaltee uumuu barbaada. Walgayiin kun qaamota adda addaatin waamamuu mala. Garuu Abbootin Gadaa Oromiyaa qaama siyaasaa kamuu dursanii, dhiimma kanarratti utuu mari’atanii, qaamota birootif waamicha godhaan gaarii natti fakkaata.
Qaamonni walgayii kana irratti hirmaachuu qaban:
a) Abbootii Gadaa
b) Jarmiyaalee siyaasaa Oromiyaa hunda (Bilxiginnaa hin dabalatu)
c) Qeerroo fi Qarree Oromoo
d) Qaamota miti motummaa Oromoo (NGOs)
e) Waldaawwan ogeessotaa oogummaa adda addaa fi waldaale hawaasaa adda addaa
f) Hogganoota waldaalee amantaa Naannoo Oromiyaa
g) kkf.
Qaamni siyaasaa hundi (Bilxiginnaan ala) akka itti hirmaatu godhuun barbaachisaa dha. (Bilxiginnaan paartii yakkaamtootaa waan ta’eef dhaabichi akka dhaabaatitti diiggamuu qaba. Miseensonnii isaanii akkuma gayee isaanititti seeratti dhiyaatanii itti gaafatamuu qabu. Rakkoo siyaasaa amma itti jiru kan uume isaan waan ta’anif, motummaa ce’umsaa rakkoo keenyaaf furmaata fida jedhamee ijaarramuuf deemu keessaa shoora qabaachuu hin danda’ani.)
 
2) Motummaan Ce’uumsaa Maal dalaga? Hojiin isaa maali?
 
Hojiin isaa…
a) nagaa fi tasgabbii uumuu;
b) hidhamtoota siyaasaa hunda hiiksisuu/hiikuu;
c) Oromiyaa fi Oromoota baraaruu [(securing Oromia)– daangaa kabachiisuu; saba keenyaa naannoo ollaa keessatti rakkatanii jiraatan (Fakk.Walloo, Wambaraa, kkf) deeggaruu dhaan diina jalaa baraaruu; lammiilee magaaloota adda addaa keessa jiraatan hiraarsa diinaa jalaa oolchuu; lammiilee Oromoo Finfinnee fi naannoo ishee jiranif eegumsa barbaachisu godhuu; kkf.]
d) tajaajilli adda addaa sivil servisii fi qaama adda addaa motummaatin keenamaan akka hin dhaabbanne, ykn haalan akka itti fufan, godhuu;
e) karoora ce’uumsaa lafa kaa’uu dhaan, yeeroo fi haala filannoon ittin gaggeeffamun baafachuu fi kanas raawwachuu; fi
f) kkf
…dabalata.
Abbotiin Gadaa qaama ce’umsaa uumamu kana keessaa, isaanuma wajjin mari’atanii, nama (ykn garee) hojii raawwachiisaa ta’ee dirqama fudhatu utuu muudani gaari natti fakkaata.
Oromoo fi Oromiyaa baraaruun akka danda’amu, Motummaan Ce’uumsaa Oromiya, Poolisii Oromiyaa, Humna Addaa Oromiyaa, qaama tikaa naannoo Oromiyaa, Milishaa Naannoo Oromiyaa, Qarree fi Qeerroo naannoo Oromiyaa guutuu, Foollee Oromoo, miseensota WBO, fi Oromoota Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) keessa jiran hundaa wajjin walitti dhiyeenya fi qindoominaan yoo hojjate qofa dha.
 
3. Motummaan ce’umsaa kun hojii isaa seera akkamiitin raawwata?
 
Karoorri ce’umsaa motummaa kanaa kan ittin raawwatamu waliigaltee qaamooni mootummaa kana ijaaran gidduuti uumamuun ta’a. Walii galteen isaan lafa kaawwatan kan akka chaartaraa fakkaatu jiraachuu qaba. Walii galteen kun, hojii fi dirqama isaan gidduu jiru hirachuu irratti, seera haala adeemsaa isaanii ittin bulfatan, fi karoora filannoo dhufuuf lafa kaawwatan irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Hojiin jabaan motummaa ce’umsaa kanaa inni cimaan Oromiyaa diigumsa irraa fi oromoota balaa irraa baraaruu dha. Kanaaf seerri motummaan ce’umsaa haalan kabachiisuu qabu seera heera Naannoo Oromiyaa fi Seera heera federaalati.
 
Hojiin biraa motummaan ce’umsaa kun hojjatu tajaajila sivil servisii itti fufsiisuu waan ta’eef kanaaf ammoo seerri heera motummaa fi seeronni adda addaa tajaajila motummaa adda addaa irratti bahani lafa jiran hordofamuu qabu. Nagaa fi tasgabbii uumuu dhaafis seera idilee biyyattii fi naannoo Oromiyaa keessatti hojii irra jiran fayyadamuun barbaachisaa ta’a.
Motummaan Ce’umsaa kun akka milkaayee, Oromiyaa gara sirna dimokraasii dhugaatitti tarkaanfachiisu Oromoon hundi bakka jirutti dirqama lammummaa isaa bahuu qaba.
Na ofkalchaa!
 
(Barreffamni kun bal’inaan kan itti fufu ta’a).